Hidhamtoota Dhoksanis, Sagaleen Hiraarsaa Hindhokatu!

(Qeerroo, Finfinnee, 6 Onkoloolessa 2011) Mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hidhamtooti siyaasaa halkanii guyyaa reebamaa fi hiraarfamaa akka jiran odeessi gola wayyoonotaa irraa argame saaxile.

Wayyaanoti dhiibbaa humnoota addunyaa dhala namaaf falman irraa isaan mudachaa jiru jalaa bahuuf jecha gidduu darbe ergamtoota isaanii kannneen maqaa “komishiinii mirga dhala namoomaa” jedhamuun  muggaasfaman gara maa’ikalaawwiitti erganii ibsa dhugaa irraa fagaate baasanii jiran

Akka ibsa isaan baasanitti, yeroo ammaa hidhamtooti 78 callaa maa’ikalaawwii keessatti argamu. Haata’uutii, hidhamtooti yeroo ammaa maa’ikalaawwii keessatti dararamaa jiran 500 ol akka ta’an odeessi achi irraa argame saaxilee jira.

Ergamtoot Wayyaanee kunneen akka waanti hundi seeraan hojjatu fakkeessanii ibsuuf yaalanis, dhugaan jiru hidhamtooti siyaasaa mirga bilisa ta’anii ilaalamuu, mirga seera fuulduratti walqixxee ta’anii ilaalamuu, mirga maatii fi abukaatoo isaanii waliin maryachuu,mirga waan itti hin amanne dubbachuu dhiisuu fi mirgoota dhalli namaa qaban mara mulqamanii halkanii fi guyyaa hiraarfamaa jiru.

Manneen dukkanaa kutaa 12 kan ibsaa fi q8illeensa gahaa hin qabne keessattis yeroo ammaa hidhamtooti Oromoo fi Ogaadeen 100 0la kan argamn yoo ta’u, yeroo ergamtooti Wayyaaneen maqaaf naannoo san daaw’atanitti kutaaleen dukkanaa kun tokkoon isaa illee hin ilaalamne  ture.

Ergamtooti Wayyaanee kan daaw’atan kutaa “dubaay” jedhamu kutaa namooti yakka addaddaatiin himataman keessatti hidhamnii fi bakka namooti bebbeekamoo yeroof keessa turfaman qofaa dha.

Hidhamtoota halkanii fi guyyaa dararaa fi tumaa kan jiran kan akka Rattaa Tasfaayee yeroo afaan tolfatee akka waan tokko hin jirretti ibsa kennu, kanneen hidhanii fi hiisisan yeroo itti wliifibsa kennanitti dhagayuun “mirga dhala namoomaa irratti qoosuu dha,” kan jedhe Qeerroon, “Wayyaaneen yoo dhuguma seera addunyaaf bitamti ta’e qaamoti walaba ta’an akka hidhamtoota dubbisan hayyamuu qabdi; yeroo isaan dubbisanis humnooti tikaa hidhamtoota hiraarsan dhagayuu fi hordofuu hin qaban,” jedhee jira.

Torture @ maikelawi

Hidhamtooti akka jedhanitti qorattooti Wayyaanee halkan guutuu akka dhaabbatan erga godhanii booda, yeroo hidhamaan sun of wallaalee kufe achitti bishaan qorraa fi hoo’aa itti naqu; yookaan  sibiila qara qabuun qaama isaa quncisanii akka hiraarfamu godhu.

Hidhamtoota faana jala sibiilaan reebuun waan hiraarsaa isa xiqqaa ta’uu kan himan hidhamtooti siyaasaa maa’ikalaawwii keessatti argaman, dhugaa kanas namuu ganama yeroo fincaaniif bahu mallattoo dhiigaa lafa irratti arguun kan mirkaneessu ta’uu saaxilanii jiran.

“Biyya Kan qabee hidhu Wayyaanee, kan qabee reebu wayyaanee, kan himannaa banu wayyaanee, kan  itti muru wayyaanee ta’e keessatti mirgi dhala namaa eegamaa jira,” jedhanii ibsa kennuu caalaa, “kan nama dinqu kan reebus kan qoratus miseensa paartii Wayyaanee  ta’uu isaa ti,’ kan jedhe Qeerroon, “kun mirga dhala namaa irratti qoosuu dha,” jedhee jira.

“Hidhamtoota dhoksanii, bakka isaan hin argamnetti  ibsa kijibaa  kennuun dhugaa dukkanaan dahatamee raawwatamaa jiru, sagalee hiraarsaa fi faana hiraarsaa maa’ikalaawwii keessaa na dhaqqabaa jedhee iyyaa jiru dhoksuu hindanda’u,” kan jedhe Qeerroon, “yeroon itti dhugaan wayyaanotaan dhoksame waltajjiitti bahee himamuu fi lallabamu fagoo hin ta’u,” jedhee jira.