(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 05 Onkoloolessa 2011) Ummata Oromoo irraa abdii kan kutatte, Mootummaan Wayyaanee, Ummata Oromoo nagaan Waaqa isaa Irreeffatee gammadee galuuf deemu qabdee hidhuun ishii gabaafame.
Gabaasaan Qeerroo akka beeksisetti Dilbata ganama Obboruu, Onkoloolessa 2, 2011, dargaggoota karaa Jalduu fi Gindabarat Irreecha deemaa turan irratti sakattaa cimaa taasifameen namoonni shan sababa tokko malee qabamanii mana hidhatti darbamanii jiru.
Ilmaan Oromoo hidhaman kunneen akka hidhaman sababa kan ta’e, faayaa Oromoo kan ta’e callee fi mormee waan keewwataniif ta’uun hubatamee jira. Ergamtooti Wayyaanees, yeroo namoota kunneen qabanitti, “Isin faayaa ABO harkaa fi mormatti keewwattan; Callee fi iskarvii Alaabaa ABO qabdu,’ ittiin jechuun namooti nagaan gara Irreeffannaa deemaa turan akka reebanii hiraarsan kanneen ijaan argan ragaa bahanii jiru.
Ilmaan Oromoo hidhaman kunneenis otuu reebamnii, “nuti nama hin tuqne; waan feene keewwachuun mirga keenya; nuti waa hin balleessine; nu dhiisaa,” jechaanii akka turan maanguddoon yeroo san argan gabaasaa Qeerroof ibsanii jiru.
Yeroo sanatti namoota kaan erga reebanii callee fi faayoo isaanii irraa guuranii booda kan gadhiisan yoo ta’u, kaan immoo haga yoonaatti bakki isaan geeffaman akka hin beekamiin kan eere Qeerroon, “maqaa fi iddoo jireenya isaanii adda baafachuuf yaalii godhaa jirra; akkuma arganneen siifin dhaamna,” jedhee jira.
Haaluma walfakkaatuun,Fiicheettis akkasuma sakattaa ganama obborootiin godhameen namoonni sadii qabamanii gara mana qorannoo poolisiitti akka geessaman beekamee jira. Haata’uutii, sababa itti hidhamanii fi iIsaan kanas eenyu eenyu akka ta’an adda baafachuuf yaaliin godhame haga yoonaatti hin milkaa’iin jira.
Karaa biraa, Onkoloolessa 2, 2011 gara 2:00 PM tti dhiichisnii fi sirboonni ABO leellisan akka malee oo’ee waan tureef humnooti tikaa wayyaanee hedduu baaraganii namoota sirbaa fi dhiichisaa turan walitti qabanii akka hidhan beekamee jira.
Akka Qeeroon gabaasetti, yeroo ummata humnaan hidhuuf jedhanitti walitti bu’iinsa poolisii waliin godhameen namoonni digdamii jaha hidhamaniiru.
Akka kanaan namoota hidhamn keessaa namoota 22 suuraa fi Ashaaraa kennisiisudhaan galgaluma san kan gadi dhiisan yoo ta’u, namoota 4 manuma hidhaa Bishooftuutti hambisanii akka jiran bira gayameera.
Namooti Irreeffannaaf manaa bahanii yeroo ammaa mana hidhaa Bishooftuutti hiraarfama jiran kanneen:
1. Qalbeessaa Guddisaa Simee _ kan Adaamaa ganda 13 irraa gara Irreechaa dhaqe.
2. Fiqaaduu Ankaffee Shaggoo – Godina Lixa Arsii, Arsii Nageellee, ganda Basaqoo.
3. Araarsaa Abbabaa Gammadaa- L/Shawaa, Meettaa, ganda Waraaboo.
d. Gulummaa Duressaa – L/Shawaa, Aanaa Dandii, ganda Sariituu dhanquu.
Akka gabaasana Qeerroo argetti, anmooti maqaan isaanii hin beekamne hedduun illee qamanii mana hidhaa adda addaa keessatti argaman.
Gabaastoti Qeerroo bakk adda addaa irraa odeessa walitti qindeessan akka hubachiisutti, ayyaanni Irrreechaa baranaa hedduu sabboonsaa dha. “Qeerroo keenya irraa yaadni walitti qabame akka ibsutti barana dargaggoonni Oromiyaa mara irraa haala itti qophaa’aa turaniin irreeffatanii jiru; Irreeffattooti bara kanaa immoo miliyoona shanii gad hin ta’u.”
“Garuu mootummaanis haalli barana dargaggoon akkasitti itti qophaa’aa jiru kun baayyee waan isaan yaaddesseef ji’a tokkoo eegalanii doorsisaa fi keessa keessaa hidhuu jalqaban,” kan jedhe Qeerroon akka ummati Irreechaa irratti hin argamne shirri xaxamaa turuu illee “ummati dachaa dachaadhaan argamuu hin dhiifne; baayyinni uummata argamee hanga miil. 5 ta’uu danda’a.” jedhamee jira.
Haaluma walfakkaatuun warra hojjattoota mootummaa ta’an dabballonni OPDO “waajjira waajjiraan gurmoofnee deemna, namni gurmuu kanaan ala kophaa deeme nama fedhii warra farreen misoomaa qabuudha…” fi kkf jedhanii doorsisaa waan turaniif namoonni haala akkasii keessa jiran rakkoo itti dhufuu danda’a tilmaamudhaan ayyaanicha irraa hafuu filatan iyyuu baay’inni Irreeffattotaa hedduu ajaa’ibsiisaa akka ture hubatamee jira.
Ergamtooti Wayyaanee fi diinoti eenyummaa Oromoo gama hundaan Irreechaa gufachiisuuf tattaaffii guddaa kan akka “yoo achii deebitu ykn karaarratti ni qabamta; kun kaabinee keenyaan sirratti murtaa’eera…” fi kkf olola lafa jala oofaa turan.
Maanguddootin tokko Qeerroof yaada kennaniin “Olollii fi doorsisti guddaan deemaa ture. Kun immoo uummata keenya rakkoo jireenyaa hamaa ta’e keessa jiru kana onnatee fuulduratti akka hin dhiibneef daangesseera. Ta’us doorsisaa isaanii cinaatti dhiisudhan “lama hin du’u!” jedhee kan ba’es miiliyoonaan lakkaawwama. Nama didee xiiqeffati kan duubatti gdeebisu hin jiru,” jedhanii jiru.
“Saba garaan diddaa agarsiise hidhaan hin deebisu,” kan jedhan maanguddoon kun, ” mootumman kun waan darbe irraa waa barachuu qaba. Humna guddinaan Dargiin dhaabbatee hin hafne; Biyyoota ollaa kkka Igiptii fi Liibiyaa fa’aa irraa waa baratuu qaba. Sagaleen ummata hamaa dha. Deebii yoo argatuu dhabe, si’a tokkotti akka dambalii fudhatee akka isaan deemu beekuu qaba. Saba Bilisummaa barbaade hidhaan duubatti hin deebisu,” jechuun dhaamsa guddaa dabarsanii jiru.