(Qeerroo, Bishooftuu, 03 Onkoloolessa 2011) Ayyaana Irreechaa Oromiyaa guutuu keessatti sirna hoo’aa fi miidhagaatiin kabajamee jira; Bishooftuu, Hora Arsadiitti uummanni Oromoo miiliyoona 3 olitti tilmaammaman bahanii kan kabajatan yoo ta’u, diddaan Oromoos ayyaana kana irratti haalaan mul’atee jira.
Gabaasaan Qeerroo akka qindeessetti, ayyaana Irreechaa kana dadhabsiisuuf diinni kallattii adda addaan harka keessa galfachuun guutuutti to’achuu yaalu iyyuu,dargaggoonni gabrummaaf harka hin kennine gama adda addaan sirboota warraaqsaa fi dhaadannoo adda addaa dhageesifachuun, alaabaa mirmirsuun, akkasumaas, dhaamsa ergaa adda addaa of keessaa qabu gamuma adda addaan waliif dabarsuun haala baay’ee dadammaqiinsa ta’een kabajatanii jiru.
Keessaayyuu, Ayyaana kana irratti humni “bittinsaa hokkaraa” jedhu karaa addaddaa dhiibbaa fi shororkaa gochaa jiruu Qeerroon Oromiyaa seexaa guddaadhaan otuu diinaaf hin sarmiin kabajatanii jiru.
Dabalataaniis, qophii baandiin sagallan booranaa Dukam irratti qopheeseeniis dargaggoonni dhaamsota adda addaa waliif dabarsuu irra darbee sirba warraaqsaa adda addaa fi alaabaa mirmirsuun haala hedduu dadammaqiinsa waliif kennuun kabajameera.
Ayyaana kana irratti kanneen qooda fudhatan keessaa Qeerroon tokko yaada kenneen, “dhugaa dubbachuuf haamileen dadammaqiinsa fi sabboonummaan uummata keenya waggoota sadanii fi afuran darbeef hir’atee qofa osoo hin ta’iin dhabame jechuun ni dandama ture. Haalli amma itti jiru kan abdii namaa kennuu fi nama onnachiisu ta’eetu argamaa jira,” jechuun haala hubatee ibsee jira.
Qeerroon biraas haala yeroo ammaa jiru oggaa ibsitu, qabsoo fi diddaan Oromoo “bakka duriitti deebi’eera yoo jedhame hedduu nama hin salfachiisu.haala kanaan yeroo gabaabaa keessatti jabinaan sochoonaan jijjiramni barbaachisu uumamu mala jedheen amana,” jettee jirti.
Ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 2,2011 Oromiyaa guutuu keessatti kabajame kana waanti adda godhu dhalooti haaraan heddumminaan keessatti hirmaatuu ta’uu kan eeran maanguddoon Oromoo tokko immoo “Irreechaan daandii ittiin qacceen dhalootaa lalisu ta’aa jira,” jedhanii jiru.
Akka lakkoofsa Gadaatti yeroo 6405f ayyaana kabajame kana irratti aayyoon argaman tokkos yeroo ibsan,” “An akkan waan lammata dhaladheettin ilaala. Dhugaatti, waan Irreechaa kana ibsuu hin danda’u. Garuu, yeroon lammii koo asitti akkanatti argu guyyaan itti dhugaan keenya deebi’ee mul’atu fagoo miti jedheen yaada,” jedhanii jiru.
Ayyaannii Irreechaa Horaa Arsadiittii haala baay’ee ajaa’ibsisaa ta’een yeroo kabajamee oleetti, Qeerroon Oromoos bakkaa Irreechaattii wal ga’uun ifaan ifaattii waraana Bilisummaa Oromoo faarsaa oolanii jiru. Keessaayyuu, dhaadannoo “WBO gachaana Oromiyaa ti! Addaa Biliisummaa Oromoo abdii saba keenyaa ti!” jechaa oolanitti humni diinaa dargaggoota bittimsuuf yaalu illee diddaa dhalootaa cabsuu waan hin dadneenyeef moggaatti ba’uuf akka driqaman gabaasaan keenya ijaan arguu isaa gabaasee jira.
Adeemsa ayyaana Irreechaa baranaa sagalee fi viidiyoon kan waraabame ta’u illee ammaaf sababa networkiitiin dabarsuun rakkisaa waan ta’eef karaa danda’ame maraan yeroo gabaabaa keessatti akka sabaaf gayu kan godhamu ta’uu qunnamtiin Qeerroo hubachiisee jira.
Mootummaan garboomfattuu wayyaanee dargaggoota uffata aadaa uffatanii Irreechaa deema jiran karaatti jechuunkellaalee cufuun sakkata’uun namoota hedduu rakkisaa kan oolte ta’uun illee beekamee jira.
Qeerroon akka ijaan argetti humnooti tikaa wayyaanee fi poolisooti kellaa addaddaa irratti ramadaman Oromoota Irreeffannaanf imalan qabuun ‘isiin miseensaa Addaa Biliisummaa Oromooti’ jetteenii rakkisaa turte.
Haaluma kanaan kan walqabates, humnooti tikaa fi poolisooti wayyaanee namoota hedduu irraa vedio fi kaameera fudhachuun, akka sabboontonnii kun aadaa isaanii kabajachuuf itti boonuu hin qabnee gochuuf yaalan illee diddaa fi heddummina ummataa ukkaamsuu dadhabamee akka jiru hubatamee jira.
Mootummaan TPLF Ayyaanaa Irreechaa irraatti ummata doorsisuu fi sodaachisuuf human waraanaa kumaatamaan lakkaayamu bobbaastu illee sagalee ummataa ukkaamsuu akka hin dandeenye gabaasaan keenya dhaamee jira.
Keessaayyuu, Qeerroon sirbaan dhaamsa diddaa dabarsaa oolaniin sagalee isaanii dhageessisanii jiru. Akka fakkeenyaatti, lafa Oromoo maqaa investment tiin saamamaa jiru kanaaf akkas jechuun dhaamaa oolanii jiru.
“ Yaa Oromoo Oromoo qulqulluu;
Qonnee nyaanna qe’ee hin gurgurruu!”
Kan biraa immoo, kan guyyaa Irreechaa irra deddebi’amee jedhamaa oole; haala bilchina ta’een haala sirba aadaa fakkaatun akkasi jedhanii kallacha qabsoo ummata Oromoo kan ta’e ABO faarsaa oolanii jiru.
Ya abaaboo daraari;
Yaa iyyoolee yaa iyyoolee
Yaa WBO koo taraari!
Yaa ABO koo daddaraari!”
Akka gabaasota addaddaa irraa hubachuun danda’amettti, baayyinni uummataa kan bara darbeerra dabaleera; 80% ol dargaggoota ta’uu hubatamee jira.
Hayyuun seenaa fi aadaa Oromoo tokko dhimma kana irratti yaada kennaniin, haalli amma adeemaa jiru seexessaa dha. “Amma akka agarrutti, Qeerroon human guddaan ka’aa jirti. Barana Irreeffattooti harki caalan Qeerroo dha.”
Dargaggoti heddummachuun hiikaa akkamii akka qabu illee yeroo ibsan, “kun dhaamsa guddaa dabarsa. Sababni isaa dargaggoonni eenyummaa ofiitti deebi’uu jechuu egereen biyyaa fi sabaa utubaa lalisu argachuu isaa ibsa. Kana malees, Qeerroon waltajjii bal’aan tokkummaadhaan fedhii isaanii kana itti guuttatan Arsadii akka ta’e waliig galaa jiru. kana waan ta’eef godinaalee Oromiyaa mara irraa saganteeffatanii dhufan. Kun immoo, dhaloonni ammaa rakkoo har’a Oromoon keessa jiru kana dhabamsiisuuf abdachiisaa ta’uu agarsiisa,” jedhanii jiru.
