Dhumaatiin Suukkanneessaa Ummata Oromoo Irratti Raawwatame.Fincilli Diddaa Gabrummaas itti Fufe.

Gabaasa dabalataa, Eebantuu,Fulbaana 26,211

Lixa Oromiyaa Wallaga keessatti Fulbaana 22,,20011  hanga Fulbaana 26,2011 itti  lola ummata Oromoo meesha maleeyyii fixuuf karoorfamee meeshaa gurguddaa waan akka Bireenaa fi Baazuqaan qindaa`een walitti bu’iinsa Ummata Oromoo fi Gumuzi jidduutti ta`e irraan Ummata Oromoo Irraa namoota heedduun wareegamnii namootni heedduun madaa`anii jiraachuu beekame. Lolli kun kan ta`e Aanaa Eebantuu Ganda Lalisaa Dhangaggoo, Ona Mootii, Qilxuu Sanyii, Axabballaa,Yuubdoo fi Bakka Qonnaa Balaccu jedhamutti lolli kun Guyyaa shaniif meeshaa ammayyaa fi humna hidhannoo guutuu hidhateen Mootummaan Wayyaanee qindeessee ummata Oromoo irratti Gosa Gumuz meeshaa xiqqaa irraa hanga gurguddaa hidhachiisuun, Oromota meeshaa maleeyyii Qotee bulaa, maanguddoo f i Ijoollee irratti bobaasee qe’e jireenya isaanii keessaatti ficisiisaa akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Akkasumas maanguddootni,hawwanii fi shammarran,daa`imman kumaa lakkaawaman qe’ee fi maatii isanii irraa adda ba`uun buqqaa`anii lubbuu ofii baraaruuf jecha  gara magalaa Qeellootti baqatanii gargaarsa nyaataa fi dhugaatiin/Midhaanii fi bishaan tokko malee mankaraaraa jiru. Ummati Oromoo rakkoo fi gidiraa akkasii keessa jiran hanga ammaati qaami kamiinuu qaqabee kan gargaarre waan hin jirreef lammii ofii dhihoo fi fagoo jiru maratti gabrummaan hammaate nuu birmadha jechaa dhaa jiru.

A. Namoota Lubbuun isaanii dabre ykn ajjeeffaman ammatti kan maqaan isaanii gabaafame keessaa,

1. Obbo Maatabuu Xiixaa Abbaa Ilmaan 15

2.Obbo Nigaatuu Dabbis Abbaa ilmaan 14.

3. Obbo Abdannaa Darajjee Abbaa ilman 07

4.Obbo Fiqaaduu Hundumaa Abbaa Ilmaan 06

5. Obbo Tafarii Adimaasuu Abbaa ilmaan 05

6.Obbo Dassaalee Ittafaa Abbaa Ilmaan 04

7.Barataa Magarsaa Guddaataa Barataa kutaa 12

B. Namoota Madaa`an,

1. Obbo Gabbisaa Kasasaa

2.Obbo Asaffaa Gabbisaa

3.Obbo Abbabaa Malataa

4.Obbo Abdiisaa Abbabaa

5.Obbo Fiqiruu Dhaabaa

6.Yaaragaal kan jedhamna.

C. Namoota qee fi qabeenya, manaa fi maatii isaaniirraa buqqa`ee yeroo ammaa Magaalaa Qeellootti baqatee gargaarsa dhabee mankaraaraa jiran ,maatiwwan kuma Tokkoo fi Dhibba Lama/1,200/abbootii Warraati.

CH.Daa`imman Yeroo ammaa Abbaa fi haadha isaanii/Warra isaaniirraa adda baa`anii qofaa isaanii facaa`anii jooraa jiran daa`imman Dhibba sadii/300/ walumaa galatti namoota Sababa lolaan qee fi qabeenya isaaniirraa du`aa fi ajjeechaa jalaa baqatanii buqqaa`an yeroo ammaa aanaa Eebantuu magaalaa Qeellootti baqatanii jiran namoota 1,500-2,000 ta`u.

Halli kun hanga ammaatti tasgabbii hin argatiin jira,karaa mootummaa Wayyaanee meeshaalee waraanaa gurguddaa fi konkolaatota warren ummata Gumuzii ittiin gargaaruu malee ummata Oromoo qe’ee irraa buqa’eef homaa kan birmate hin jiru.Lollii fi gochaan kun ummata Gumuzii fi Oromoo jidduu haafakkaatu iyyuu malee kallattiin kan tahaa jiru Wayyaanee TPLF fi ummata Oromoo jidduutti rakkoo jiru irraa tahuu qeerroon naannoo sanii gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Wayyaanee TPLF Gumuzii fi Oromoo jidduutti waldhabbiin itti fufsiise.Saboota walitti buusuus tooftaa godate.

Gabaasa Qeerroo Ona Giddaa Ayyaanaa, Fulbaana 26,2011

Fincila diddaa gabrummaa ummanni Oromoo eegalee jiru  gara dhabsiisanii ilaalchaa fi haala diddaa ummataa fuula isaa jijjiruuf jecha mootummaan TPLF ummata Oromoo fi saboota Gumuzii walitti naquu itti fufee jira.Haala kanaan Fulbaana 25,2011 walitti bu’iinsi Ummata Oromoo fi Gumuzii hammaachuu irraan Ona Hebantuu naannoo Qeelloo jedhamutti  ilmaan Oromoo irraa nama 7 lubbuun isaanii darbee jira. Lolli kunis hammaachuu irraan kan ke’e onoota Giddaa,Limmuu,Gali fi Hebantu bakka jedhamanitti jeequmsa uumee akka jiru gabaasi qeerroo ifa godha.

Fulbaana 26,2011 (har’a) ammo lolli kun hammaachuu irraan  kan ka’e ummanni Oromoo du’a ilmaan isaatti aaruu irraan kan ka’e fincila diddaa gabrummaa Wayyaanee irratti qabu jabeessee ka’uun konkolaataa warra ummata Gumuzii humni Poolisaa qabatu tokko qabanii Poolisa irraa fudhachuun harka ummata Oromoo diddaa gabrummaaf sosso’uu galee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Gabaasa haala kanaa jala buunee yeroo irraa yerootti gabaafna.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!