Gabaasa Qeerroo Magaalaa Giddaa Ayyaanaa Fulbaana 21,2011
Wallaga ona Giddaa Ayyaanaa keessatti fincilli diddaa gabrummaa hammaachuu irraan kan kaβe bulchitoota Wayyaanee fi hojjetoota mootummaa kaan jidduutti waldhibdeen hammaachaa dhufuu irraan kan ka;e Fulbaana 19,2011 barsiisota Oromoo kanneen mana barnoota sadarkaa lammaafa barsiisan sadii ummata nurratti kakaasaa jirtu,sochii dargaggoota Oromoo ykn Qeerroo mootummaa irratti qindeesitanii jiru sababa jedhuun mana jireenya isaanii irraa Polisoota Wayyaaneen qabamanii mana hidhaa hin beekamiitti geeffamani jiru.
Barsiisotiin kanneen kun:-
- Alamuu Gammachuu
- Wandee Bayyanaa
- Abdii Yaadataa
Kanneen jedhaman yeroo tahu, kana malees dargaggoota Oromoo hedduu ummata qoteebulaa nurratti kakaaftan sababa jedhuun baadiyyaa fi magalaa keessaa qabanii gara mana hidhaa Laqamteetti geessaa jiraachuu qeerroon magaalaa Giddaa irraa gabaasa.
Kana waliin ummanni naannoo Giddaa jiraatu lukkeelee ummata keessa deemanii sabboontota qabsiisan yeroo barbaachisaa tahetti qindoominaan akka tarkaanfii laalessaa irratti fudhatan qeerrootti beeksisanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!