Gabaasa Qeerroo Wallagga Ona Limmuu, Fulbaana 19,2011
Fincila Qeerroon Bilisummaa ummata waliin wal qabatee deemsisaa jiran keessatti yeroo irraa gara yerootti walitti bu’iinsi ummataa fi Polisoota Wayyaanee jidduutti ta’aa jira,haaluma kanaan Fulbaana 17,2011 ona Limmuu Galiilaa keessatti sochii diddaa gabrummaa ummati Oromoo gochaa jiru dura dhaabbachuuf jecha, Poolisooti Wayyaanee fi humni tikaa Wayyaanee heddumminaan Onichatti bobba’uun gandoota onicha keessa jiran irra deemuun manneen ummataa fi gabaa sakatta’uun ummata irraa Ulee fi Cuuphee warra qabatan mara irraa funaananii fuudhaa akka jiran gabaasi qeerroon Galiilaa irraa addeessa.
Humna Tikaa fi Poolisa Wayyaanee ummata doorsisuu fi sakatta’uuf bobba’e Ona Limmuu keessa fuudhanii manneen ummaataa kanneen sakatasisan lukkeeleen Poolisa Wayyaanee tahan keessaa:-
- Baqalaa Gonaa polisa onichaa
- Getachoo Dhibisaa .hogganaa tikaa milishoota onichaa
- Fiqaaduu Alamuu hogganaa milisaa onichaa
Yeroo tahan,Godinuma kana Onaa Eebentuutti uummanni galgala sa’ati 12:30 WB manaa ba’e nagaan galuu hin dandeenye. Fincila diddaa gabrummaa deemsisuuf jettu sababa jedhuun qabamanii reebamuu, qabeenyaa samamuun akka malee hammatee jira. Onuma kana keessatti lukkeleen adda durumma tika TPLF jala deemanii gochaa kana rawwachiisaa jiran
- Mokonon Raggasa hoggana milishaa ,
- Kumsaa kan jedhamu itti aanaa wajjira milishaa Onicha ,
- Abdannaa polisota Onicha
- Tafarii poolisa Onichaa
ta’uu qeerroon gabaasa .Haalli kun ummataa fi dargaggoota Oromoo waan haalaan aarsee waan jiruuf finicilli diddaa gabrumaa sababaa kanaan akka hin dhaabbannee fi qabsoon eegalame gara qoteebulaatti tamsa’ee dura dhaabbannaan ummataa akka itti fufufu gabaafamee jira.
Qabsoon itti fufa!Gabroomsaan ni kufa!