Wayyaaneen seera Haaraa ittiin waraqaa eenyummaa lammilee Oromoo, Somaalee fi Ertiriyaaf kennitu baasuuf jirti.

(Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Fulbaana 15,2011) Mootummaan Wayyaanee seera haaraa waraqaan eenyummaa itti kennamuu fi ittiin qajeelfamu wixineessee baasuuf qophii gochaa akka jiru saaxilame.

Maddi oduu Qeerroo ministeera haqaa irraa akka saaxiletti, wixinee labsii dhimmoota waraqaa eenyummaa daangessuuf akeekame garuu fakkeessaadhaaf maqaa ‘seera galmee Istaatistikisii/ Vital Statistics Registration Law/’ jedhuun bahuuf jiru  kana baasuuf qorannoon duraa dhumatee jira.

Akka wixinee labsii kanaatti biyyatti keessatti ummati Oromoo, Somaalee fi lammiilee Ertiraa kallattiidhaan kan irratti xiyyeeffatamee jiru waan ta’eef erga seerri sun labsameen booda kan eenyummaa san hin argannee tajaajila malchiisu argachuu akka dhaban beekaa irratti hojjatamee akka jiru  hubatamee jira.

Yeroo ammaa kana keessatti lammiileen Oromoo, Somaalee fi Ertiraa “nageenya biyyaaf yaaddessoo” ta’anii waan argamaniif, labsiin mirga waraqaa eenyummaa argachuu isaanii daangessu kun akka qophaa’u kan taasisame ta’uu isaa madden itti dabalanii saaxilanii jiru.

“Lammiin biyya tokko biyya isaa keeessatti akka farra biyyaa ta’ee irratti xiyyeeffatamuun seenaa haaraa dha,” kanneen jedhan akka ibsanitti, “ akka seeraa fi aadaa addunyaatti kanneen silaa nageenya biyyaaf akka kuusaa balaatti fudhataman lammiilee biyya alaa ture malee kan biyya keessaa hin turre,” jedhanii jiru.

Akka wixinee labsii haarayaa amma qophaa’aa jiru kanaatti, addatti lammiileen Oromoo, Somaalee fi Ertiriyaa mirga guutuu kan waraqaa eenyummaa argachuu  dhabuu malu; mirgi waraqaa eenyummaa argachuu isaaniis karaa hundaan yoo daanga’e immoo tajaajila malchiisu argachuun rakkisaa ta’a.

Dhimma kana irratti hayyuun seeraa maqaa isaanii ibsuu hin feene yaada Qeerroof akka yaada  kennaniin, “lammiin biyya tokkoo mirga waraqaa eenyummaa biyyaa hin argatu taanaan, gaaffiin akka lammii biyyaatti faayidaa jireenyaa, nageenyaa, barnootaa, fi misooma aragachuus karaa maraan daanga’a,” jedhan.

Akka xiinxala hayyu seeraa kanaatti, lammiileen akkanaan irratti xiyyeeffatames “akka lammii lammaffaatti waan ilaalamaniif waraqaa eenyummaa argachuuf ragaa dabalataa dhiyeeffachuuf dirqamu. Kan jechuun immoo lammiileen kunneen akka lammii lammaffaatti ilaalamu jechuu dha. Kun immoo mirga dhalootaan qaban karaa maraan kan daangessuu dha,” jedhanii jiru.