Gabaasa Qeerroo ,Fulbaana 4,2011
Barataa Zammachuu Makonnin yeroo ammaa kana eessa akka jiru dhabamuu isaa beekamee jira.Zamachuun barataa University Adaamaa yommuu ta’u akkuma barumsa isaaxumureen boqonnaatif gara maatii isaa Dambi Doolloo deemee mana jireenya warra isaa irraa sababaa hin beekamneen human tikaa Wayyaaneen ukkaamfamee yeroo ammaa kana mana hidhaa Wayyanee hunda keessaa barbaadamee kan dhabame ta’uu beekamee jira. Barataa Zammachuun badii tokkoon malee yakkamee maatii isaa biraa kan dhabame yommuu ta’u warri isaa ykn maatin isaa barbaadanii dhabanii jeqaamaa jiraachuu fi argachuu akka hin dandenyes gabasaa Kilolee Birraa iraa tamsa’een hubachuun dandayameera. Walumaa gala akkuma beekamutti barattootni Oromoo yeroo ammaa lakkoofsi isaanii 12,013 ol kan ta’u mana hidhaa Wayyanee keessatti akka dararamaa jiranii fi murtiin hidhaa umrii guutuu akkasumas ajjechaallee akka itti murtawaa jirus hubatamee jira.Barataa Seenaa Mararaa kan jedhamu University Arbaminch irraa kan qabame yeroo ammaa kana murtiin du’aa akka itti murtaawes odeeffannoon kun itti dabalee addeessee jira.kana duwwaa otuu hin ta’in barattoota baay’een haaluma wal fakkaatu irratti kan argaman yommuu ta’u yeroo irraa yerootti barattoota Oromoo irratti tarkaanfin mootummaa TPLFn fudhatamu ammas bifuma wal fakkaatun itti fufee jira .
Gama biraan Onaa Limmuu Galiilaatti gibira mootummaa Mallasaaf baasuu diddan, ,Xaa’oo qonnaan bulattii gurguruu diddaan mootummaa irraatti uummata kakasaa jirtu jechuun hojjeetoonnii hojii idilee isaanii irraa arii’amanii jiru, kanneen keessaa
1.Oliiqaa Alamuu hojjetaa waajira Qonnaa
2.Ababaa Tessoo Hojjetaa waajjira barnootaa
3.Ababa Tolaasaa Hojjetaa waajjira Galii
4.Addunyaa Mosisaa Hojjetaa waajjira Bishanii
Kana malees daldaltoonni gatii gibira kafaluu diddan jedhuun wal qabatee manneen daldalaa irraa cufamanii fi hidhaatti guuraman waan njiraniif gama fuula duraatti gabaafna.Haluma kanaan wal qabateen ergamanii bultoota TPLF fi daldaltoota giddutti wal mormii guddaan akka oromiyaa keessaatti dhalate jira.
