Gabaasa Qeerroo,Horroo Guduruu,Fulbaana 3,2011
Godina Waallaggaa Ganda goota Abishee Garbaa, naannoo Kombolcha,Abbaay Coomman,Haaratoo jedhaman irraa namoonni 30 ol ta’aan kan yeroof maqaan isaanii nu hin geenye Qabamani mana hidhaa magaalaa Shaamuutti geeffamuu isaanii Qeerroon magaalaa Shaambuu irraa gabaasa
Gandootuma kanneen keessatti hojjetoonni baay’een sababa misensa ergamee bulaa TPLF (OPDO) ta’uu didaniif jecha hojii idilee isanii irraa arii’ama jiru.
Akka kanaan Onaa Limmuu Galiilaatti gibira mootummaa Mallasaaf baasuu diddan, ,Xaa’oo qonnaan bulattii gurguruu diddaan mootummaa irraatti uummata kakasaa jirtu jechuun hojjeetoonnii hojii idilee isaanii irraa arii’amanii jiru, kanneen keessaa
1.Oliiqaa Alamuu hojjetaa waajira Qonnaa
2.Ababaa Tessoo Hojjetaa waajjira barnootaa
3.Ababa Tolaasaa Hojjetaa waajjira Galii
4.Addunyaa Mosisaa Hojjetaa waajjira Bishanii
Kana malees daldaltoonni gatii gibira kafaluu diddan jedhuun wal qabatee manneen daldalaa irraa cufamanii fi hidhaatti guuraman waan njiraniif gama fuula duraatti gabaafna.Haluma kanaan wal qabateen ergamanii bultoota TPLF fi daldaltoota giddutti wal mormii guddaan akka oromiyaa keessaatti dhalate jira.
Karaaa biraa Godina Hararggee Hirnaatti Fincila diddaa gabrummaa ummati kaaseen mootummaa TPLF fi uummaata giddutti uumamee jira,sababiin isaa Hidhaa fi dararama,gibiraa fi gatii xaawoo fi sanyii qaalawuun akkasumas rakkoo walii galaa uummataa Hirnaa jiraatan irraatti ta’aa jirutu akka fincila kana kaase Qeerroon naannoo Hirnaa irraa gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!