(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 31 Hagayya 2011) Ummata Oromoo irraa abdii kan kutate mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo tokko tokkoon hidhuu fi hiraarsuu bira darbee saalaa fi umuriin otuu adda hin baasiin jumlaan hidhuu fi hiraarsuu itti fufee akka jiru gabaasame.
Gabaastoti Qeerroo fi maddi oduu Oromedia akka Oromiyaa mara keessaa gabaasaa jiranitti, yeroo ammaa Oromiyaa gama dhiyaa keessatti bilisa ta’anii socho’uun ugguramee jira; galgalaa haga ganamaatti namooti akka hin sochoone illee qoqqobbiin kaayamee jira.
Kana malees, yeroo ammaa kanatti namooti gamtaan akka hin sochooone, akka wal hin geenyee fi namoonni lama ta’anii yoo argaman akka qabamanii hidhaman ajajni kennamuu isaa maddeen keenya saaxilaa jiru.
Torbee kana keessa dargaggooti Oromoo gaaffii tokko malee qabamanii hidhamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen sabbuunummaa qabaachuun shakkamanis gaaffiia tokko malee hidhaatti darbamaa akka jiran beekamee jira.
Oduun Oromiyaa giddu gala keessaa nu dhaqqabaa jirus akka hubachiisutti, miseensa boordii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kan ta’an OB Laggasaa Deettii ayyaana Garanfasaa Gindabaratitti kabajanii otuu galaa jiranii magaalaa Giinciitti qabamanii meeshaa fi dokumeentota isaaniis saamamanii akka hidhaman beekamee jira.
Akka gabaasaan keenya Giincii irraa nuu dhaametti, Ob. Laggasaa Deettii gaafa 23/08/2011 ayyaana Garanfasaa Gindibaratitti ayyaneffatame irratti hirmaatanii otoo galaa jiranii magaalaa Giinciitti qabamanii hidhaman.
Akkasumas, Barsiisaa Mulugeetaa Riqituu miseensa boordii WMT fi miseens koree hojii raawwachiiftuu koree aadaa fi seenaa WMT fi Barataa Sisaay Sarbeessaa ( UNI FF ti bara Information Technology waggaa 3ffaa ) miseensa WMT fi miseensa KHR koree aadaa fi seenaa WMT haaluma falfakkaatuun akka hidhaman beekamee jira.
Manni murtii aanaa sanaa namooti kana bilisaan gadhiisu illee, poolisiin federaalaa polisii naannoo Oromiyaa harkaa fudhachuun gaafa 29 Hagaya 2011 otuu nama tokkotti hin agarsiisiin gara Maa’ikalaawwiitti akka dabarse beekamee jira.
Akka odeessa argametti ilmaan Oromoo kunneen kan itti yakkaman Oromummaa isaanii yoo ta’u, dabalataanis WMT eeyyama seeraa hinqabu, waldaa eyyama hin qabnen hojjattu kan jedhu akka sababaatti dhiyaatee isaan yakkee jira.
Haata’uutii, miseensoti WMT eyyama seeraan kennamee fi gabaasa bara kana sirnaan ministeera haqaatti gabaasuu kan ibsu akka ragaatti agarsiisan illee humnooti tikaa aangoo mara of harkaa qaban kunneen didanii bakka ilmaan Oromoo kumaa kitilaan itti reebamanii fi ajjeefamaa jiran, golgaa hidhaa fi hiraarsaa maa’ikalaawwiitti dabarsan beekamee jira.
Akka madda Oduu Qeerrootti, namooti kunneen haga ammaatti maal keessa akka jiran waanti beekame kan hin jirre yoo ta’u, manni murtii aanaa akka jarri sun gadhiifaman ajaja kennu illee humni tikaa wayyaanee hunda isaanii ukkaamsee gara maa’ikalaawwiitti dabarsuun alattis mirga maatii fi abukaatoo seeraa qabaachuu fi ittin maryachuu isaan qaban sarbuun ukkaamsee akka hiraasaa jiru beekamee jira.
Haaluma walfakkaatuun Oromiyaa naannoo Bushooftuu keessaas sabboontota Oromoo ukkaamsuun kan itti fufe yoo ta’u, haga ammaatti Bishooftuu irraa gaafa 27/08/2011 galgala wallisaa Daadhii Galaan namoota biroo waliin qabamee gara maa’ikalaawwiitti darbatamee jira.
Kana malees magaalaa Adaamaa keessaa barsiisaa UNI Adamaa kan ta’e Ob. Caalaa Hayiluu namoota maqaan isaanii ammaaf adda hin baafamne hedduu waliin gaafa 29/08/2011 qabamee gara Maa’ikalaawiitti dabarfamuun isaanii mirkanaa’ee jira.
Mootummaan wayyaanee magaalaa Finfinnee keessaas miseensota paartii siyaasaa biyyattii keessaas ilmaan Oromoo falmattoota haqaa fi seeraa ta’an lama: Ob Olbaanaa Leellisaa fi Ob Baqqaalaa Garbaa ukkaamsee akka hidhe beekamee jira.
Akka madda Oduu keenyaatti, Ob Olbaanaa Leelisaa kan miseensa paartii ummata Oromoo ta’an yeroo hedduu hidhaa fi hiraarsa ummata Oromoo irra gayaa jiru sabqunnamtii addunyaatti waan gabaasaa jiraniif kan hidhaman yoo ta’u, keessaayuu beelaa fi hongeedhaan miidhaa ummata keenya irra gayaa jiru ifatti dubbachuun isaanii akka isaan hiisise beekameera.
Barsiisaa Afaan Engiliffaa kan ta’an, Ob Baqqalaa Garbaas yeroo adda addaatti miidhaa fi hiraarsaa ummata Oromoo irra gayaa jiru miidiyaa adda addaaf waan himaniif akka hidhaman beelkamee jira.
Keessaayyuu gabaasaa BBC kan dhiyeenya kana dhoksaadhaan Itoophiyaa keessa socha’aa turee, miidhaa fi hiraarsa mootummaan Itoophiyaa kanneen miseensa Wayyaanee hin ta’iin irraan gayaa jiru erga saaxilee asitti, maqaa namoota odeessa BBCf kannanii hidhamanii sabquunnamtii addunyaaf kan himan OB Baqqalaa Garbaa, hireen isaanis akkuma warra kaanii ajaja mana murtii tokko malee hidhamanii akk haraarfamaa jiran maddeen keenya itti dabalanii hubachiisanii jiru.

