Gabaasa Qeerroo Dhiha Oromiyaa ,Hagayya 29,2011
Waraannii fi humni Poolisa Feederaala Wayyaanee tahe jedhee duula dargaggoota Oromoo hidhuu fi hiraasuu irratti bobba’ee naannoo dhiha Oromiyaa Beegii,Najjoo,Jaarsoo,Dambi Dolloo, fi Baddallee irraa dargggoota jimlaan qabee hidhuu gabaasi qeerroo addeessa.
Ona Beegii, dhiha Oromiyaa ona Beegii keessatti Hagayya 25,2011 irraa kaasee barattoota University fi college irraa boqonnaa yeroo gannaaf maatii isaanitti galan gandoota adda addaa irraa funananii mana hidhaa magaalaa Beegii fi hidhaa hin beekamnetti geessaa jiru, akka gaabasa qeerroo irraa hubatametti hanga ammaatti dhiha Oromiyaa naannoo Beegii dhaa ergamaa human Federaala Wayyaanee hogganuu kan maqaan Jambaruu jedhamuun dargaggooti qabamanii hidhaa jiran 200 gahuu isaanii gabaafama. Sababaa dargaggoonni kun itti hidhaman maal akka tahe maatiin isaanii gaafannaan deebiin Wayyaanota biraa argame fincila diddaa gabrummaa kaasuun akka biyya Egypt fi kaaba Africa kaan mootummaa kufisuuf jedhu kan jedhu ture.
Ona Najjoo, Kana malees magaalaa Najjoo keessaa hanga gaafa Hagayya 28,2011 itti ergamtoota moggaasa qondaalaa qaban kan maqaan Horaa fi Tasfaa jedhaman waraana Federaalaa hogganuun gara naannoo sanaatti bobbaniin dargaggooti qabaman hanga nama 140 akka gahan qeerroon Najjoo irraa gabaasee jira. Akka gabaasa qeerrotti magaalaa Najjoo irraa barataa University Adaamaa barataa ture dargaggoo Darajjee Dabalii kan jedhamu human waraana Wayyaaneen reebamuu fi manni maatii isaa guuttutti sakata’amee qabeenyi qabanis akka samamee jiru addeessa.Gochaa Wayyaanee kanatti kan aaran jiraattoti magaalichaa qondaalota ergamtootaa waliin walitti bubu’uun muldhataa akka jiru gabaafama.
Ona Jaarsoo, Naannoo Jaarsoo keessatti dargaggooti Hagayya 25-28,2011 itti namni 120 hidhamuu fi maatiin barattoota kanaa gariinis manni sakatta’amuu,hiraarfamuun akka irra gahaa jiru Qeerroon naannoo sanaa gabaasa.Akka gabaasa qeerroo kanaatti barattooti Oromoo Jaarso irraa human Federaalaan fuanaanamanii hidhamaa jiran kun naannoo walitti qabamanitti gootummaan faaruu warraaqsaa kan WBO fi ABO faarsu,akkasumas mirga Oromummaa kan gaafatu faarfachaa akka turanii fi dararama Oromoof Wayyaaneen akka gaafatama qabu dhadannoon dhageessisaa turaniiru.
Dambi Doolloo, Magalaa Dambi Dolloo fi magaalota naannoo sanitti argaman kan akka Muggii,Garjeda,Caanqaa fi Qeebbee jedhaman keessa Polisiin Federaalaa fi kan naannoo Oromiyaa jedhaman badiyaa fi magala keessa foolachaa barattoota boqonnaa gannaaf qe’ee warraatti galan adamsuu itti fufuun barataa University Adamaa baratu Zemachu Mokonnonii fi durbee Dirribee Bantii jedhaman mana warra isaanii irraa qabuun hanga ammaa bakka buusan hin beekamu,hanga gabaasaan Qeerroo Dambi Dolloo irraa nu gahetti barattooti hedduun kan hidhaman yeroo tahu yeroo babaabaa keessatti hanga hidhaman adda baasuun ni gabaafna.
Naannoo Baddallee fi onoota akka Sigimoo,Gaattiraa fi ona Hurrummuu jedhaman keessa sochii dargaggoota Oromootu jira,akeeka ABO babal’isaa jiru kan jedhuun qoteebulaa fi daldaltoota irratti bobbaa guddaa godhamee jira,akka kanaan onoota tuqaman irraa namoota badiin tokko malee qabanii gara magaalaa Baddalleetti geeffaman nama 51 tahuu Qeerroon magaalaa Baddallee irraa gabaasa.
Walumaa gala odeeffati naannoo Oromiyaa kaan keessaa akka hin gabaafamneef jecha mootummaan Wayyaanee daandii telefoonaa fi internetaa ugguree akka jiru beekamaa dha.Sochiilee godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti tahaa jiru guutuutti qindeessuuf sababaa qunamtiin harkifataa akka jiru qeerroon Oromiyaa ni gabaasu.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!