CHAANAALII Ministeera Kominikeeshinii


Sirni gita bittu wayyaanee, sabboonummaa sabootaa fi dammaqiinsa Ummatootaa isa sodaachisaa dhufe, wal ga’ii IHADG magaalaa Hawaasaatti gaggeeffatee fi Filannoo bara 2005 booda, haala Biyyattiifuu sodaachisuun, mirga sabootaa sarbuu irratti bobba’ee argama. Addatti Hiwaatoonni wal ga’ii addaa qaban irratti, Qabsoo sabootaa keessattu,  kan Ummata Oromoo ukkaamsuuf sagantaa lafa keeyyatan keessatti, warra dammaqiinsa qaban bakka jiran maraa hidhuu, ajjeesuu ykn biyyaa baasuu irratti bobba’uun hammeenya yoomillee hin dagatamne raawwatanii  jiran; raawwataas jiran.

Abbootii Qabeenyaa Hiwahaat kumoota kudhanootaan lakkaa’aman, Obbo Maallas Zenaawwii fi hadha warraa isaanii,   Barakat Simi’oon,  Abbaay Tsahaayyee,  Obbo Sibahaat Naggaa,  Hillaawwii Yooseef, Obbo Nawaay G/Aab, Saamooraa Yanuusii fi Dr.Adihaanoomiin durfaman, ummatoota bulchuuf odoo hin taane,  qabeenyaa horatne jiraachisuuf furmaati qabnu, ummatoota hiyyoomsinees ta’u humnaan cabsinee, akkasumas dhaabbilee mormitootaa bifa kamiinu dhabamsiifnee, Biyyatti bara-baraaf qabannee jiraachuu dha jedhanii murteeffatanii waan jiraniif, ummatoota irratti hammeenya hiriyyaa hin qabne isayyu beelaa fi jireenya qaaleessuun hiraara hammaataa keessatti gidirsaa jiran.

Wayyaanoonni, hiraara bifa kanaa ummatoota irratti raawwataniin cinaatti, sabboonummaa ummatotaa addatti ummata Oromoo cabsuudhaaf, humna addaa Ministeera Kominikeshinii wayyaanee Obbo Barakat Simi’oniin durfamu, caasaa Kominikeeshinii waajjiiraalee hundaa keessatti diriirsuun, Olaantummaan garee tokkoo Naannoolee irratti hojii irra akka ooluuf hojjachaa jiran.

Hiwaatoonni bara 2004 ulaagaan miseensummaa OPDO saboota biroo keessaallee ta’uu danda’a jedhani ega labsatanii kaasanii, namoota  Afaan Oromoo beekanis ta’e hin beekne Bulchiisaa fi waajjiraalee keessatti ramadanii, Afaan Oromoon hojjachuun ykn barsiisuun akka rakkoo uumeetti hojii ukkaamsaa irratti hojjachiisaa turuun kan beekamu yennaa ta’u, yeroo ammaa sadarkaa afaan hojii ta’uu akka dadhabe fakkeessuu irra ga’amu odeeffanooleen ni ibsan.

Obbo Barakat, Qophii Afaan Oromoo Tv Itoophiyaa keessaa erga ariisisanii fi Gaazexessitoota Afaan Oromoo 100 ol hojii irraa ega ari’anii booda, ummati mormii akka hin kaafneef TV Oromiyaa kan banan fakkeessanis,  har’a dhalli Oromoo kan itti fayyadamu odoo hin taane, ummati TV kana akka jibbu taasisuun ykn cufsiisuuf irratti hojjachaa jiran.

TV Oromiyaa jedhamu keessaa odeffannoon nu dhaqqabu akka mul’isutti, Gaazexessitoonni qooqa qajeelchanii dubbatan, barreessan,  qophiilee hojjatan akkasumas sabboonummaa qaban guyyaa tokkof illee achi keessa akka hin turree fi warri jiranis waan ummata isaanii hojjachu dhabuu isaaniin gaddaa akka jiraatan, kan isaan hajajuu fi hojjachiisu qaama isa kam akka ta’eellee akka wallaalan, akkas godhaa malee waan ofiin yaadanii hojjatan akka hin jirre mirkaneessa.

Gareen Kominikeshinii obbo Barakatiin durfamu, Qophiileen hawwatoo ta’an akka hin hojjatamne, waa’ee qonnaa fi misoomaa qofaa irratti akka xiyyeefatan, waan ummata barsiisuu fi bashannansiisu, keessatu Daragaggoota gara eenyummaa isaaniitti geessu irratti to’annaan akka taasifamu, Qophiileen kan akka TAALANT SHOWU, OPEN 2020, Dorgommii miidhaginaa, Turizimii, hawaasummaa, qophiilee Ispoonsaraan hojjataman, keessattuu, qophiilee ummataaf barmoota kennan, beektoota hirmaachisan akka hin dhihaanne, sagantaaleen bifa qorannoon akka hin hojjatamneef dhiibbaan irra turuu fi yeroo ammaa garuu, Chaanaalii 3ffaa amma banaman irratti akka dhihaatanii fi ummati qalbii isaa TV Oromiyaa irraa kaasee gara Chaanala 3ffaatti akka deeffatu gochuuf,  hojii shiraa bal’aa gaggeessaa jiran. Obbo Barakat ol-aantummaa qooqa tokkoo mirkaneessuu fi sabboonummaa sabootaa gara dabarsuuf, keessattuu kan Oromoo kolaasuuf, diraamaalee hedduu nama harkisan hedduminaan TV irrattii fi DVDn hojjatamanii akka ummata keessa faca’aniif maallaqa guddaa ramaduun irratti hojjachaa jiran.

Weelliftoonni fi Artistoonni garii har’a bifa garaa garan argaa jirru, bakka sabootaa bu’anii bifa barbaadaniin akka sirban kan taasifamaa jiran, gareelee akka mayikiroo xixiqqaa kominikeshinii kanaan ijaaramanii dha. Bajata laatameefiin Istudiyoo fi Galma mataa isaanii akka qabaatanitti kan socha’anii dha.

Hojiilee isaan hojjatan kan hordofaniif, ummata fakkaatanii kan yaada kennaniif, harka reebdoti adda addaa, kanneen seenanii hirmaatan, ilaalan, yaada laatan, dargaggoonni, beektoonni, hojjattoonni, bakki qophii gara garaa itti gaggeessan, istudiyoo fi galmi ogeessa guutuu waliin, caasaa haaraa karaa Obbo Barakatiin ijaaramaniin kan qophaa’anii dha. Fakkeenyaaf, diraamaan GAMANAA FI SAW-LASAWU, IDOL-ITOOPHIYAA (irra jireessa qooqa tokkon kan sirban qofa dabarsuun) maallaqa guddaan kan hojjatamanii fi namoota beekamoo keessatti hirmaachisuun, ummatoonni kan isaanii irraa akka deebi’an taasisuuf shira hojjataman keessaa tokkoo dha.

Sirboonni gara garaa maqaa sabootaan weellifamanis, bakki itti hojjatamanii fi maallaqi ittiin hojjataman rakkoo malee kan ba’an yennaa ta’u, kan Ummata isaanii warra hojjataniif garuu hayyamni isaayyu hin jiru. Bakka itti hojjatanis hin argatan.

TV Itoophiyaa keessatti qophiileen dhihaatan hundi Isposaraan akka gaggeeffaman, sirboota, Diraamaalee, gara garaa qooqa Amaaraan hedduminaan akka dhihaataniif, kubbaaniyoonni wayyaanee deeggarsa olaanaa taasisuu fi beeksisa isaanii amma nuffamutti dhiheessuun yennaa wal dorgoman, kubbaaniyoonni kun TV Oromiyaa irratti beeksiisa tokkollee akka hin dhihessine, ijoollee Oromoo tokkoof illee sponsara akka hin taaneef, dhalli Ooromoo kamiyyuu studiyoo mataa isaa akka hin qabaanne, gama kanaan sochiin tokkollee akka hin godhamne, karaa ministeera dhimmoota kominikeshinii wayyaaneen ajaji dabree jira.

Shirri wayyaanee kun Tvnumti Oromiyaa jedhamu kun guddina akka hin argamsiifne, waan olola qonnaa wayyaaneen akka qabamuu fi ummata biratti fudhatama akka hin qabaannef, akkasumas dargaggota aadaa isaa keessaa baasanii gara ofii barbaadanitti qajeelchuf, sirbootaa fi sagantaalee isaan hawwatan dhorkuu fi editaroota afaan hin baakne garuu ajajaan qacaramaniin, sirboota Biyyoota alaa argisiisuu fi wanneen safuu ummatichaa cabsan mul’isuu hojii isaanii guyyuu taasifachuu keessa beektoonni himaa jiran.

Gaazexesitoonni kun maliif ta’a jedhanii gaafachuu illee akka sodaatan beekamaa dha. Kana malees tamsaasa isaa irratti addaan ciccituu, sagaleen hudhamuu fi waraabbii irratti dhiibbaa bulchuun, shiroonni dadhabsuu gara garaa warra qooqicha ta’e jedhanii barsiifamanii fi waraqaan ogummaa kennameefii mindeeffamaniin raawwatamaa jira.

Deeggarsaa fi ijaarsa ministeera dhimmoota kominikeshinii wayyaaneen kan banamu Chaanaaliin 3ffaa Tv Itopiyaa, qorannoo yeroo dheeraa qalbii fi ilaalcha sabootaa addatti kan dargaggootaa irratti kan xiyyeefatamee hojjatamaa jiruu dha. Kaayyoon isaa, sabboonummaa sabootaa cabsanii gara afaan tokkootti deebisuu dha. Itopphiyaa diigama irraa baraarra jechuun of mooksuuf yaalii godhamaa jiruu dha. Qophileen mata duree gara garaan lallabamaa jiran hundi isaanii, akka dhaabbileen ykn namoonni dhunfaa hojjatanitti haa dhihaatan malee hundi isaanii Obbo Barakat irraa beekamtii kan qabanii dha. Deggarsa maallaqaa kan isaaniif taasisu, kubbaaniyoota wayyaanee yennaa ta’an kan hojjatanis, irra  jireessi  isaanii Abbootii qabeenyaa Hiwahaat, maallaqa ijoollee isaanii dhalsiisanii fi Tiwulida Itoophiyaawiyaan warra jedhamaniin ta’u ragaaleen ni ibsan. Kaayyoon isaanii minsiteerri dhimmoota kominikeshinii wayyaanee Obbo Barakatiin durfamee akka sarto-addar quxixir komitee fedhii sirnichaa guutuuf, halkanii guyyaa arreeduun qalbii ummataa gara dabarsuu, eenyummaa isaanii akka dagatan taasisuu, olaantummaa qooqa tokkoo mirkaneessu, Dargaggoota qalbii booressuu, dhalooti itti aanu sabummaa isaa dhiisee kaanitti akka harkifamu taasisuu, Naannoolee hundatti waan aadaas ta’u dorgommiileen gara garaa sabummaa irratti akka hin rarraane dhorkuu fi kkf keessatti argaman.

Naannooleen Godinaalee fi manneen barmootaa keessatti sochiilee aadaa Artii saba isaanii akka hin taasifneef shiroota adda addaa xaxaa fi dhiibbaa geessisaa kan ture minsteerri dhimmoota kominikeshinii wayyaanee, keessattuu baajata dhorkisiisuun hammeenyi hojjetaa ture, chaanaalii 3ffaa har’aa milkeessuuf akka ta’e beekamaa dha.

Kaayyoon shira kanaa inni duraa, sabboonummaan ummatootaa haala kanaan itti fufnaan nuuf hin toluu fi qooqa tokkoon walitti hiina isa jedhu akka ta’e qalbeefadhaa. Ummatni keenya kana qalbeeffatee wal haa gorfachuun karaa dha.

Injifatnnoon Ummata Oromoof