Hammeenya Dargaggoota Irratti Hojjatamaa jiru Dura Dhaabachuun Dirqama Seenaati.

Jireenyi ummata Oromoo kan yeroo kamii caalaa gadadoo tahee mirga hawaasummaa fi dhalootaa dhabaa akka jiru beekamaa dha.Mootummaan Wayyaanee tahe jedhee rakkoolee adda addaa kan hawaasicha dadhabsiisu uumaa ykn raawwachaa jira. Kanas toftaa adda addaan raawwata. Seenaa irraayis ta’e haala qabatamaa amma jiru irraa akka hubatamutti qaama hawaasaa keessaa kan humna jijirramaa jedhaman gurguddaa keessaa dargagessaa fi nama baratee dha. Seenaa warra Giriikii keessatti Sokiraatas kan itti hidhamee ture kessaa dargaggoota biyya isaa walitti qabee waan barsisaa tureefi. Seenaa Xaaliyaanii keessatti Geeribaaldiin warraaqsa yeroo saniif kan filatee bu’a qabeessa itti ta’e kessaa dargaggoota gamteessuun waan socho’eefi. Seenaa Kuubaa keessatti Fidal Kaastiroon sochii kan eegale wayta dargaggummaa isaatti yeroo ta’u, qaama dargaggoo walitti gurmeessee waan socho’eefis sochiin eegale bu’a qabeessa ta’e.

Yeroo ammaas sochii fi warraaqsa biyyoota Arbaa ykn Afrikaa Kaabaa fi Giddu-gala Bahaa keessatti humna guddaa ta’ee kan qabsoo ummatootaa fininsaa jiran qaama dargaggootaa kana. Seenaa Empaayera Itoophiyaa keessattis Sochii Barattoota irraa eegalee hanga qabsoo hidhannootti gahe keessatti dargaggoon maal akka ture seenaan nuuf hima. Namni barates warraaqsa tokkoof beekumsaan akka boba’aa ta’ee kan fayyaduu dha. Humnii fi fedhiin qofti galma gahiinsa qabsoo kamiifuu gahaa miti jechuun ni danda’ama. Beekumsi barbaachisaa dha. Wanti irratti xiyyeeffachuu barbaadu tarkaanfii gama mootummaa wayyaaneen qaama hawaasaa kana laamshessuuf fudhatamee fi fudhatamaa jiru irratti.

Dargageessi biyya kanaa sababa jabanummaa/baranummaa jedhuun araada adda addaa keessa akka galuu fi maraammartoo keessa akka seenuuf, dhimma siyaasaa akka hin yaadnee fi hin kaasneef shirri wayyaaneen irratti shiramaa turee fi jiru guddaa dha. Yeroo ammaa biyyattii keessatti faallaa safuu hawaasichaan manni shiishaa, manni jimaa, manni dhugaatii naannawaa manneen barumsaatti, naannawa dargagoonni salphaatti argachuu danda’anitti akka banaman gochuun jajjabeessuun gamatti, namoota kana raawwataniif liqii mijeessuun gargaaraa jira. Caasaa mootummaa keessumattuu caasaa tika isaa keessatti namoota wanta akkasii dhaadheessan (catalyst) ta’an baajeta ramadeefii Hawaasa keessa akka socho’anii sammuu dargaggootaa irratti hojjetan taasisaa jira.

Dargaggootni waa’ee siyaasaa akka hin kaafne, miidhaa fi cunqursaa mootummichi raawwatu akka hin mormineef ajandaan isaanii kubbaa miilaa Awuroppaa faa fi bashannana qofa akka ta’uuf karaa miidiyaa isaa kan akka FM fi TELEVIZIYOONAAN ka’imman burjaajessuuf shirri dalagaa jiru guddaa dha. Raadiyooleen FM keessummattuu naannawaa Finfinnee jiran guyyaa guutuu yeroo ammaa immoo hanga halkan guutuuutti kan odeessan waan dargageessa beekumsaan cimsu, naamusa horachiisu, ogummaa argachiisu otoo hin taane, kan sammuu isaa hatuu (corrupt) fi yaada isaa gara biraatti tamsaasu (deflect) godhuu dha. Raadiyooleen akkasii yeroo ammaa magaalaa gurguddoo biyyattii keessatti banamanii jirn. Wayyaanee fi dabballootni isaas akkasumas kanneen sammuu dargaggeessa biyyattii addatti ammoo dargaggoota Oromoo irratti hojjechaa jiranis waanuma raadiyooleen kun hojjetan hojjechaa jiru.

Raadiyooleen Wayyaaneen utubamanii fi geggeeffaman kunis Oromiyaa keessatti baay’atan. Kan Tigraay keessatti argaman bicuu dha. Kan Naannoo Amaaraa Baardaar FM qofa. Kan Oromiyaa garuu Jimmaa, Mattuu, Laga Daadhii, kan Finfinnee marti naannawaa Finfinnee iddoo baay’eetti dhagahamu; hanga Arsii fi giddu gala Oromiyaatti ni dhaga’aman. Kan Oromiyaa Adaamaa irraa tamsa’us hojiima kana geggeessa jechuutu danda’ama. As irratti jimaa alanfachuun Naannoo Tigraayitti Sadarkaa seera maatii isaaniitti dhorkamaa dha. Oromiyaa keessatti garuu dargaggootni Oromoo kanaan qabamanii akka ta’anii fi waa’ee biyyaa fi ummata isaanii akka hin herregneef, bajanni ramadamee akka manni jimaa fi manni shiishaa banamanii fi babal’ataniif hojjetamaa turuu fi amma illee itti fufamee jiraachuu qalbeeffachuun barbaachisaa dha.

Dargaggoota, barattoota ykn Ijoollee wayyaaneef mana intarneetii, mana barumsaa gaariitu ijaaramaaf; manni kitaabaa ijaarameefii kitaabotni bitamaniif; iddoo itti bashannanaan kan akka bakka Ispoortiitu qopheeffamaaf. Kan keenyaaf kan ijaaramu isa isa burjaajesssu, akka inni of irraanfatu, jireenya gabrummaa fi cunqursaa isa irra jiru baree akka of irraa hin darbineef kan ija isaa qabutu ijaaramaaf. Waa’een kubbaa miilaa oggaa dubbatamu, as irratti kubbaa miilaa sadarkaa odeeffannoo qofaaf odeessuun miidhaa qaba jechuu miti; kan sadarkaa oliitti godhamaa jiru garuu kaayyoon isaa dargaggoo burjaajessuu dha. Dargaggeessi barate waa’ee siyaasaa ykn hammeenya sirnichi biyyattii keessatti raawwataa jiru irratti mari’achuu fi wal falmuu dhiisee, waa’ee kubbaa miilaa biyyoota Awuroppaatiin akka qabamu, kana irraas gareen wal ijaaree akka wal loluu fi wal ajjeesuuf karaa midiyaa fi dabballoota wayyaaneen shirri dargaggoota irratti shiramaa jiru honga hin qabu.

Sagantaan filannoo sirboota biyya alaa, sagantaan “hayiree” guyyaa sa’aa 8:00 irraa qabee tamsa’u dargaggoota Jimaan qabaman dabalatee kanneen biroo irrattis miidhaan fidaa jiru xiqqaa miti. Manni fiilmii biyyattii keessa jiran filmii biyya alaa faallaa safuu ta’an ifatti agarsiisaa kan oolan oggaa ta’u, poolisootni wayyaanee kana osoo arganii fi beekanii callisanii ilaalu. Manneen akkasiis kan baay’atan Finfinnee dabalatee Oromiyaa keessatti. Duula mootummaan wayyaanee dargaggoota Oromoo sammuu isaanii adoochuuf itti jiru kanaaf ka’imman keenya garii saaxilamaniiru. Gabaabumatti kaayyoon wayyaanee dhaloota naamusa hin qabne, kan waa gara biraa hin yaadnee fi sirnicha irratti mormii hin kaasne, dhaloota sammuun isaa du’e uumee biyyattii mormii malee bituu bituu dha. Kun dhimma guddaa dargaggoota/Qeerroolee Oromoon itti yaadamee furmaatni hatattamaa itti soqamuu fi fala argachuu qabuu dha.

Mootummaan farra ummataa ta’e kun gama barumsaanis dargaggoota laamshessuuf yakki hojjechaa jiru guddaa dha. Kanas gama lamaan raawwata. Tokkoffaan gatiin barumsaa akka gadi bu’u gochuun, hayyota busheessuu dha. Qulqullinni barnootaas akka gadi bu’uu fi namoonni beekumsaan bilchaatoo ta’an akka hin baane gochuufis walitti fufiinsaan hojjetaa jira. Namoonni yaada warraaqsaa qaban namoota kaaniin akka liqimfamanii hafan gachuunis akeeka wayyaanee ti. Qulqullina barnootaa ajjeeseen barattoota dadhaboo oomishee wayta isaan hojii argachuu dadhaban miseensa isaa ta’anii hirkattummaan akka jiraataniif badii guddaa irratti hojjeteera; hojjechaas jira. Rakkoo kanaan wal qabatee dhufe irraa kan ka’e kan dargageessi gara caalaatti itti dhimmamu qarshi argatuun mana jimaa dhaqee dhakatee ooluu, mana dhugaatii galee dhuguu fi bashannanuu qofa irratti akka xiyyeeffatu ta’e jedhamee godhamaa jira. Akeeki wayyaanee kunis sirna gabrummaa isaa mormii tokko malee jiraachisuufi.

Namoota ykn dargaggoota shira isaatti dammaqanii isa mormanii fi balaaleffatan, akkasumas kanneen miseensa isaa ta’uu didan hojii dhorkachuun dadhabsiisuuf irratti hojjeta. Sammuu isaanii tasgabbii dhorkuun irratti olola. Gariin hidhee yeroo barumsaa jalaa dabarsuun abdii kutachiisee cunqursaan akka bulaniif hammeenya irratti raawwata. Hiriyoota kanneen hidhamaniif fakkeessaaf iddoo garii kennuufiin akkasumas “new blood” ittiin jechuun warri hidhame kun akka isaan dharra’anii kiyyoo gabrummaa filataniif kakaasuuf shirri shiramus baay’ee dha.

Namoota xaxaa sirna cunqursaa kana mara darbanii hojii galan miseensa isaas yaa ta’u kan hin taane biiroolee keessatti ajandaa adda addaa uumeefii burjaajessuu, mudduunis waan ifatti mul’atuu dha. BPR, bsc hojimaata haaraa, walgayii dhaabaa jedhanii maqaa qorannoon dabballoota dhoksaan kaawwataniin sammuu hadoochuu fi hatuuf akka yaalanis hojjettootni garii ni hubatan.

Wanti armaan olitti godhaman kun caalaatti kan xiyyeeffatan dargaggota irratti dha. Wayyaaneen barattooti/dargaggooti ilaacha badaa mootummaa keenya irraa waan qabaniif karaa fedheenuu yaadaa fi qalbii isaanii gara biraatti jijjiirree dargaggoota sirna keenya mormuu hin dandeenye “new bloods” kan ta’an uumuu dha qabna jedhanii akeeka kanaan socho’aa jiran. Dargaggootni Oromoo dallaa gabrummaa fi cunqursaa mootummaan farrummaan beekamu wayyaaneen isaanitti naannessee ijaaraa jiru kana hagam hubatanii, dallaa shiraa diinummaa kana diiganii keessaa bahuuf socho’aa jiruun gaaffii yeroo Qeerroon Oromoo deebisuu qabuu dha.

Waa’ee beektotaa yoo ilaallus kan dargaggootaan waan xiqqoo qofaan adda ta’a. Beektota irrattis mootummaan wayyaanee karaa adda addaan hojjechaa jira. Dur qote- bulaa, daf-qaan bulaa fi kkf ture; amma garuu paartiin bulaatu uumame. Kun karaa lamaan raawwata. Kunniin garaaf mo’aman kallattumaan akkasumas kaayyoo wayyaanee jalatti hiriranii socho’u. Warra akeeka isaa hin fudhannee fi hin deggerre ammoo duula adda addaa irratti geggeessuun humna dhabsiisee akka isaan adeemsa siyaasaa biyyattii hin ilaalle gochuuf ijibbaata.

Yeroo ammaa manni kondomineemii yoo ijaarame kan hiramu miseensota wayyaanee qofaafi. Kunumtuu kan kennamu baay’inaan lammiiwwan Tigraayiif oggaa ta’u, darbee darbee Amaarotaa fi warra Kibbaaf ni laatama. Oromoof hin kennamu jechuutu danda’ama. Oromoon mana kana jara irraa kireeffatee keessa jiraata. Sirnichi yeroo adda addaatti beektota biyyattii keessa jiran walitti qabee abdii sobaa galaafii oola. Mana isinii ijaarra, konkolaataa isinii binna, miindaa isinii daballa jechuun abdiin akka jiraatan; abdii kana irraa ammoo mootummicha mormuu irraa akka of qusatan godhee jiraachuuf sammuu isaanii irratti hojjechaa ture; ittis jira.

Mootummaan kun tooftaa qoqqoodanii bituu waan hordofuuf, namoota muraasaaf fayidaa adda addaa kennee, kaan dhorkatee namoota walitti buusuun namni yaada tokkoo akka hin qabaanne godha. “Lafeen arbaa lafee arbaan malee hin cabu” jedhama. Hayyootas walii isaaniin akka wal bal’eessaniif irratti hojjata. Hayyotni biyyattii, keessattuu beektotni Oromoo gocha diinummaa isaan irratti hojjatamaa jiru; siyaasa biyyaa fi saba isaanii irraa moggeeffamanii keessummaa akka ta’aniifiif shira isaan irratti xaxamaa jiru hagam hubachaa jiruu fi ekaaka diinaa kana fashalsuuf ammoo maal gochaa jiruun gaaffii guddaa dha.

Humni gurguddaan kun lamaan jechuun dargaggootnii fi hayyotni Oromoo warraaqsa ummata keenyaa keessatti qoodi gumaachan akka gadi xiqqaatuuf wayyaaneen kufee ka’ee hojjechaa jiraachuu isaatiif tuqaaleen kaafaman ragaa dha. Diinni walitti hidhannaan qabsoo murna baratee fi ummata baadiyaa fi magaalaa gidduu jiru akka laaffatuuf, ykn akka hin jiraatneef barbaada; kana itti dammaqanii fashalsuu fi walitti dhufeenya jiru jabeessuuf hojjechuun ammoo qooda sabboontota Oromoo, addatti dirqama barattootaa fi Qeerroo Oromoo kanneen dammaqanii, sabboonummaa Oromummaa hidhatanii falmaa irra jiranii ti.

Ummata keenya fedhii qabsoo qabu miira isaa qabsoof kakaasuunis dirqama sabboontotaa, dirqama dargaggoota Oromoo warra dammaqee diina jalaa galee jiruu ti. Ummatni keenya misaa’eelii boonmii hidhatee garuu boba’aa hin qabneen wal fakkaachuu hin qabu. Kanaaf sochiin Qeerroon godhullee haaloota kana tilmaama keessa galchuu dha qaba.