Wallagga Anaa Jaarsootti Alaabaan Oromoo Guyyaa Sadiif Balali’e.

Gabaasa Qeerroo Jaarsoo Irraa,Hagayya 15,2011

Gabaasi Qeerroo Wallagga lixaa aanaa Jaarsoo irraa akka gabaasetti,sochiin dargaggooti Oromoo godhan itti fufuun, Aanaa jaarsoo keessatti Hagayya 12,13,14, bara 2011 walitti aansuun alaabaan Oromoo waajjira bulchiinsaa aanaa Jaarsoo fi gandoota lama keessatti fannifamuun bala’iaa akka oolee fi ummata naannoo Jaarsoo biratti gammachuu ifa bilisummaa akka arganiitti laalamaa akka ture qeerroon gabaasa.

Alaabaan ABO ykn alaabaan Oromoo kun baruma kana keessaa yeroo lammaffaaf aanaa Jaarsootti kan fannifame yeroo tahu Caamsaa 28,2011  aanaa Jaarsoo keessatti alabaa gabroomfataa buusuun kan Oromoo fannisuun ni yaadatama.

Sochii dargaggootaa fi balali’uu alaabaa kanaan kan rifatan ergamtooti Wayyaanee fi qondaaloti dhalootaan Tigree tahan ummata nagaa jeeqaa fi goolaa akka jiran qeerroon Jaarso irraa gabaasa.Hanga ammaatti namni hamma hidhame gabaasi qeerroo waan hin kaafneef gabaasa itti aanu keessatti dhihaata.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!