Gabaasa Qeerroo Najjoo, Adoolessa,13,2011
Sochii dargaggooti biyyoolessaa( Qeerroo)n godhaa jiranii fi dhiheenyattis Wallaga magaalaa Najjoo keessatti sochiin qeerroon taasisan ummata Oromoo biratti deggersa guddaa argatee jira,sochiilee magaala Najjoo fi naannoo sanatti gaafa Hagayya 03,2011 taasisan mootummaa Wayyaanee biratti rifaatuu fi baaraga guddaa fidee akka jiru gabaasi qeerroo naannoo sanii mirkaneessa.
Sochii kanatti kan rifatte Wayyaaneen,qondaalota waraanaa fi bulchiinsa godina Wallaga Dhihaa fi kanneen Finifnnee irraa ergaman qondaalota Wayyaanee dabalachuun magaalaa Najjoo keessatti Hagayya 13,2011 irraa kaasanii hamma Hagayya 15,2011 itti barattoota Oromoo kanneen University fi College adda addaa irraa boqonnaa gannaa naannoo isaaniittii galanii jiraniif walgahii qorannaa gaggeessaa jirti. Walgahii qorannaa kana irratti barattoota gandoota 9 keessaa guyyaa gaafa hagayya 13,2011 walitti qabuun isin shakkamtootaa fi gaaffii ABO faa kaaftanii warra mootummaa gaafattan waan tataniif qorannoon yoo isin irratti taasifames akeeka keessan isin jijjirsisuun dhagaa irratti bishaan naquu waliin wal hin caalu kan jedhuun barattoota hedduu itti dhadhatanii jiru. Kaan ammoo naannoo aanaa Najjoo keessatti isin arguu hin feenu daddaffiin naannoo kana gadhiisaa jechuun bakka sanii sanii arihanii jiru.
Barattooti kanneen hafan dirqamanii walgahii kana irratti argamanis gaaffiilee mirgoota Oromoo kanneen akeeka Qeerroo irra jiran gara garaa qoondaalota Wayyaaneef dhiheessanii deebiin argame isin goolessituu dha,gaaffiin mirgaa fi abbaa biyyummaa kan jedhu yeroo ammaatti gaaffii goolesituu dha yaada jedhuun barattootaaf deebisanii, qaaffiilee kaaniifis deebii deebisuu hanqachuu isaanii qeerroon magaalaa Najjoo irraa gabaasa.
Gama kaaniin nagaadotaa fi hojjettoota magaalaa Najjoo sochii Qeerroo duubaan jirtu jechuun tokko tokkoon doorsisaa jiraatan iyyuu ummati Oromoo naannoo sanii gaaffiin waraqaan qeerroon facaase sun kaasu waan sirrii fi dhugaa taheef deebii gahaa akka mootummaan itti kennuu qabu ifatti qondaalota Wayyaaneef himanii akka jiran qeerroon Najjoo irraa gabaasa.
Walgahii guyyaa lameen hafan itti aanu ilaachisee gabaasi fuula dura dhihaata.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!