የወያኔ አገዛዝ በእስረኞች ላይ የሚፈጽመዉ ሰቆቃ እያተጋለጠ ነው

(የቄሮ ዜና ምንጭ /ቄዜም/ ፍንፍኔ ሀምሌ 12፣2011) የዘረኛው መለስ ዜናዊ አገዛዝ በታሰሩ የኦሮሞ እና ሌሎች የፖለቲካ እስረኞች ላይ የሚፈጸመው ሰቆቃ የሚያጋልጥ ባለ 24 ገጽ ሪፖርት ለተባበሩት መንግሥታት የሰብዓዊ መብት ኮሚቴ መቅረቡ ተዘገበ።

የአለም አቀፍ የሰብአዊ መብት ተከራካሪ ድርጅት አምንስቲ ኢንተርናሽናል እንደፈረንጆች አቆጣጠር ጁላይ 11 ቀን በጄነቫ ሲውዘርላንድ ለተሰየመው የተባበሩት መንግሥታት ድርጅት የሰብአዊ መብት ኮሚቴ እንዳጋጠው ፤ የመለስ ዜናዊ አገዛዝ በታሰሩ እስረኞች ላይ የፈጸማቸው ዘግኛኝ ሰቆቃዎች እንዲመረምሩና ለድርጊቱ ተጠያቂ የሆኑ አካላት ለፍርድ እንዲቀርቡ ጠይቋል።

በኦሮሞ እና በግንቦት 7 የፖለቲካ  እስረኞች ላይ የተፈጸመውን አሰቃቂ የግርፋት አይነቶች የዘረዘረው የአምንስቲ ኢንተርናሽናል ሪፖርት በተለይ በኦነግ ደጋፊነት ተጠርጥረው በገፍ በሚታሰሩ የኦሮሞ ተወላጆች ላይ ተመሳሳይ የሆነ ስብዕናን የሚነካና  የሚዘገንን ጥቃትና ሰቆቃ መፈጸሙን እንዳረጋገጠ አጋልጧል።

በሺዎች የሚቆጠሩ የኦሮሞ ተወላጆች ኦነግን ትደግፋላችሁ በሚል ሰበብ ብቻ በኦሮሚያ ክልል በሚገኙ ፖሊስ ጣቢያዎች ፤ ወህኒ ቤቶች፤ ወታደራዊ ማሰልጠኛ ካምፖች እና ድብቅ በሆኑ ማጎሪያ ቤቶች እየታሠሩ አሰቃቂ የሆነ ድብደባ ይፈጸምባቸዋል ያለው አምንስቲ፤ ታሳሪዎች ገላቸውን በአለንጋ ይተለተላሉ ፤ ይረገጣሉ፤ በጋለ ብረት ይተኮሳሉ ፤ ሴቶች ተገደው ይደፈራሉ፤ ብልታቸው ውስጥ ጠርሙስ እና ሌላ አሰቃቂ ቁስ በመክተት ለስቃይ ይዳረጋሉ በማለት ከከሰሰ በኋላ ይህ ሁሉ ስቃይ የተፈጸመባቸው እስረኞች ያለፍርድ ለረጅም ጊዜ እሥር ቤት ይሰቃያሉ ሲል ሪፖርቱ ይገልጻል።

ሃረር ውስጥ በንግድ ሥራ ይተዳደሩ በነበሩት በአቶ ሙላቱ አበራ ላይ የተፈጸመው ጭካኔ የተሞላበት ሰቆቃ በብዙ የኦነግ ተጠርጣሪ እስረኞች ላይ እንደሚፈጸም ግልጽ ነው ያለው አምኒስቲ ለ3ኛ ጊዜ በኦነግ ደጋፊነት ተጠርጥሮ ወደ ሃረር ማዕከላዊ ፖሊስ የተወሰደው አቶ ሙላቱ ፤ የጎን ስፋቱ 4 ሜትር ቁመቱ አንድ ሜትር በሆነ ከምድር በታች ባለ አንድ ጠባብ የጨለማ ክፍል ውስጥ ከሌሎች 3 ታሳሪዎች ጋር እርቃኑን እንዲታሰር ከተደረገ በኋላ ማታ ማታ ቀዝቃዛ ውሃ ከአናታቸው ላይ እየተንጠባጠበ እንዲሰቃዩ መደረጋቸውንም አጋልጦአል።

እነ አቶ ሙላቱ የታሰሩበት ክፍል ውስጥ እስረኞች እንዳይተኙ በሚል ሹል ሆኖ የተጠረበ ድንጋይ እንደተነጠፈበት፤ ሲደክማቸው ግድግዳውን ተደግፈው እንኳን እንዳይቆሙ የክፍሉ ጣሪያ ከፍታ አንድ ሜትር ብቻ እንደሆነና፤ በዚህ ላይ ወገባቸው ላይ የብረት ካቴና ከታሰረ በኋላ ህመም እንዲሰማቸው በየቀኑ ብሎኑ እንዲጠብቅ ይደረጋል ሲል ዘግቧል። በዚህም የተነሳ የአቶ ሙላቱ የወገብ አጥንት ለስብራት በቅቶአል በማለት በዜጎቻችን ላይ እየደረሰ ያለውን ስቃይ ሪፖርቱ ይፋ አድርጎል።

የወንድ ብልታቸው ላይ በገመድ ጠርሙስ እንዲንጠለጠል በማድረግ በህመም ስቃይ ውስጥ ሆነው ያልሰሩትንና የማያውቁትን ወንጀል ጭምር እንዲናዘዙ ይደረጋሉ ያለው አምኒስቲ ከግንቦት 7 ጋር የመፈንቅለ መንግሥት ሙከራ ሊያደርጉ ነው ተብለው በማዕከላዊ ወንጀል ምርመራ ዘግናኝ የሆነ ድብደባ ከተፈጸመባቸው መሃል አቶ ጌቱ ወርቁና ጀኔራል አሳመነው ፅጌ ገለልተኛ በሆነ ሃኪም እንዲታዩና የህግ ጥበቃ እንዲደረግላቸው ለፍርድ ቤት አቤቱታ አቅርበው ተቀባይነት አለማግኘታቸው ይታወሳል።

አምኒስቲ ለተባበሩት መንግሥታት ድርጅት የሰብአዊ መብት ኮሚቴ ባቀረበው በዚህ ሪፖርቱ በኢትዮጵያ እስር ቤት ውስጥ ባሉት እሰረኞች ላይ የተፈጸመውን ጭካኔ የተሞላበት ሰቆቃ በገለልተኛ አካል እንዲመረመርና ሰቆቃ ፈጻሚዎቹ በአስቸኳይ ህግ ፊት እንዲቀርቡ ተማጽኖአል።

Ukkaamsaan Hammaate; Sirni Ukkaamsaa Diddaa Garbummaan Burkutaa’a

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Adoolessa 12, 2011) Mootummaan Wayyaanee Ilmaan Oromoo seeraan ala hidhuu, ukkaamsuu fi himachuu itti fufe; torbee kana keessa ilmaan Oromoo torba humnoota tikaan hordofamaa turan dhabamuun isaanii beekamee jira.

Qeerroon akka gabaasetti, ilmaan Oromoo sobaan hidhuu fi hiraarsuu kaayyoo kan godhate mootummaan Wayyaanee labsii shororkeessaa baaseen dahatee dhaloota Oromoo egeree fi abdii biyyaa ta’an dhabamsiisuutti jira.

Akka kanaan gidduu darbe ilmaan Oromoo hedduu kanneen yeroo dheeraaf manneen hidhaa maa’ikalaawwii fi dhoksaa adda addaa keessatti hiraarsaa ture himannaa kijibaa itti banee erga mana murtii ofii to’atutti dhiyeessee eegalee karaa caasaa fi sabqunnamtii isaa olola itti banee jira.

Olola kijibaa kanaan wal qabatees biyyattii keessatti hidhaa fi ukkaamsaan babal’achuu isaa gabaasa bal’aa akka qabu kan ibse Qeerroon, ilmaan Oromoo torba  kanneen yeroo dheeraaf humnoota tikaa Wayyaaneetiin adamsamaa fi hordofamaa turan gaafa Waxabajjii 19, 2011 irraa eegalee dhabamuu isaanii gabaasa argachuu isaa beeksisee jira.

Tokkoffaa, Gammachuu Anbassaa Waddeessaa barnoota olaanaan (BA degree in Accounting + distance learner of ACCA,   Finance Dep’t kan qabuu dha. magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu dhaabbata German Leprosy and TB Relief Association hogganaa kan jiru dha. Otuu hin ukkaamsamiin duras, yeroo hedduu humnoota tikaa Wayyaaneetiin doorsisamaa akka ture kanneen isa beekan Qeerroof ibsanii jiru.

Gammachiis Garbaabaa Gurraachoo immoo ogummaa Diploma in Automechanics, Diploma in Law, Diploma Theology, kan qabu yoo ta’u, muuxannoo fo ogummaa qabuun project manager ta’ee magaalaa Holotaa keessatti NGO  “Good Samaritan Training Center” jedhamu keessa kan hojjatuu dha. Ob Gammachiis Garbaabaas yeroo hedduu akka ergamaa wayyaanee ta’uuf gaafatamee waan dideef, sodaachisamaa akka ture kanneen ibsan ammas humnoota tikaa mootummaadhaan ukkaamsamuun akka hin oolee Qeerroof himanii jiru.

Kanneen gidduu kana ukkaamsamuun beekame keessa kan dhibii immoo Asfaaw Daadhii Tufaa yoo ta’u, ogummaan isaa Athelet dha. Yeroo dheeraaf  ‘Menar Athletics Club’, jedhamu keessatti fiigicha  Marathon fi abbaa meetira 10,000 keessatti hirmaataa akka ture beekamee jira.

Kanneen achi buuteen isaanii dhabame keessaa arfaffaan, Girmaa Anbassaa Waddeessaa jedhama. Girmaan barnoota olaanaa kan “Road  construction” jedhamu  mana barnootaa “Addis Ababa Tegbare-ed”, jedhamu keessatti baratee qabxii olaanaadhaan kan eebbifame yoo ta’u,  Finfinnee keessatti kan argamu dhaabbata Yetinayet Building Construction jedhamu keessatti Project Coordinator ta’ee hojjata ture.

Kan biraa Ayyalaa Alamuu Qana’aa kan jedhamuu dha. Ayyalaan barnoota olaanaadhaan BSC Degree in Computer Science,kan qabuu fi dhuunfaadhaan hojii ogummaa   system administrator fi computer maintenance  hojjachaa otuu jiruu akka dhabame gabaasamee jira.

Aadde Shittaayee Malaakuu Kitilaa immoo BA degree in Accounting kan qabduu fi Oromiyaa dhiyaa, aanaa Qilxu Kaarraa keessatti  Internal Auditor of Indusry and urban development taatee hojjataa jirtu humnoota tikaa Wayyaanee ukkaamfamte. Yeroo amma bakki jirtu kan hin beekme yoo ta’u, sana duras yeroo hedduu doorsisamaa  akka turte kanneen ishii beekan Qeerroof himanii jiru.

Ilmaan Oromoo kunneen yoo sabboonummaa isaaniitiin ta’e malee yakka kamuu kan hin hojjanne ta’uu qoratee akka bira gahe kan ibse Qeerroon, Abinnat Hailu G/Sillaasee, BA degree in Management kan qabduu fi kaampaanii dhuunfaa tokko keessatti  human  resource manager taatee otuu hojjataa jirtu magaalaa Finfinnee keessaa akka ukkaamfamte  beeksisee jira.

 “lammiilee hawaasa keessatti maqaa fi kabajaa gaarii qaban ukkaamsuu fi gara dabarsuun amala mootummaa Wayyaanee ti,” kan jedhe Qeerroon ibsa har’a baase keessatti, lammillee kunneen baraarsuuf dhaaboliin mirga dhala namaaf falman akka biramataniif, hawaasti addunyaa immoo mootummaa dhala Oromoo balleessuutti jiru kana callisee akka hin ilaalle gaafatee jira.

Keessaayyuu, ilmaan Oromoo egere biyyaa ta’an kanneen barumsa olaanaa qaban, kanneen beekumsaa fi ogummaa gurgurdaa qaban dhabamsiisuuf akeeka baafatee hojjataa akka jiru kan bira gahe ta’uu kan hubachiise Qeerroon, akkuma kana duraatti ammas manneen barnootaa olaanaa keessaa barattoota Oromoo ukkaamsuun akka itti fufee jiru hubachiisee jira.

“Dambaliin Ukkaamsaa Wayyaanee barattoota callaa irratti kan xiyyeeffatee miti,” kan jedhe ibsi Qeerroo, “Hojjattoota Oromoo muuxannoo fi ga’umsa olaanaa qaban, kanneen hawaasa keessatti amala gaarii qaba dhabamsiisuun akka haaraatti eegalee jira,” jedhee jira.

Akka kanaan, baatii shanii oliif achi buuteen isaa kan dhabamee ture, Tafarii Qajeelaa  hiraarsaa fi reebicha olaanaa irra gahaa tureen booda torbaan kana keessa himannaa kijibaa itti banameen  maa’ikalaawwii irraa gara Qaallittiit geessamee akka jiru beekamee jira.

Bitootessa 11, 2011 irraa eegalee achi buuteen isaa dhabamee kan ture, Tafarii Qajeelaa,hojjataa dhaabbata misoomaa Oxfam UK magaalaa Finfinnee keessatti argamuu yoo ta’u, ilmaan isaa shan irraa qabamee akka hidhaatti darbame beekamee jira.

Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanas ilmaan Oromoo bebbeekamoo fo sabboonoo ta’an caasaalee mootummaa federaalaa fi naannolee keessaa calaluu baasuuf iccitiin irratti hojjataa akka jiru odeessa akka qabu kan saaxile, Qeerroon yeroo gannaa keessa illee barattoota manneen barnootaa olaanoo boqonnaaf maatii isaanii biratti deebi’an akka hordofaniif humnooti tikaa fi basaasaa bobbaafamuu isaanii bira gahuu isaa ibsee jira.

Haallen walxaxoo akkanaa qabsoo diddaa keessatti mul’achuu akka malan kan eere, ibsi Qeerroon kun, “Yeroo mara mootummaan ummata bulchu irraa abdii hin qabne gochaa gara jabinaan guutame mara  fudhachuun beekama. Qeerroonis haala kana hubatanii of-eeggannoon hojjachuu qaban,” jedhee jira.

“Ba’aa garbummaa ofirraa buusuuf wareega gaafatu kamiyyuu baasuun dirqama kanneen garbummaa didanii ti,” kan jedhe dhaamsi Qeerroo dhuma irrattis, “wareega fedhe gaafatus, guyyaa bilisummaa dhiyeessuu fi umurii garbummaa gabaabsuuf diddaan keenya kan hundee garbummaa ciru sadarkaa sadarkaan itti fufa! Hundeen sirna ukkaamsaas diddaa garbummaan burkutaa’a,” jedheera.

Wayyaaneen Hoggantoota Baankii Awaash International Kudhan Hojii Dhorkite.

Adoolessa 10,2011,Gabaasa Qeerroo Finfinnee

  Hojjettootaa fi qoteebulaa akkasumas barattoota Oromoo karaa hundaan miidhuun akka heeraatti fudhatee kan ka’e mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana Gaggeessitooti Bankii Awash international kudhan(10) hojii baankicha irraa akka dhaabbatan dhorkuun beekame.

Hojjettooti baankii kanaa fi kanneen itti gaafatama ol anaa qaban kun seera baankii Ethiopian alatti hojjettan sababa jedhuun mootummaan TPLF hojii irraa dhaabee mana seeraatti isaan dhiheessuun yakka irratti funaanee kanneen jiru keessaa:-

1)      Obbo Layikuun Birihaanuu,Pirezidaantii Duraanii

2)      Obbo Mitikkuu Abbashuu,

3)      Obbo Taaddasee Ashaagiree,

4)      Aadde Wangeelaawwit Birihaanasillaasee,

5)      Obbo Geeta’uun Alamaar,

6)      Obbo Indaalee Tunii,

7)      Aadde Eelsaabeet Tuunii,

8)      Obbo Darajjee Abbabaa,

9)      Obbo Cheerinnat Waaqgaaarii,

10)  Aadde Fiqirta Shimallis

Kanneen jedhaman hojii baankichaa hojjechuu iraa akka dhorkaman manni mutii mootummaa TPLF irra bahee jiru gabaafama. Haala seera bank mootummaa TPLF ala hojjettan jedhanii mana seeratti yeroo dhiheessanitti kanneen keessaa Adde Fiqirta Shimalilis miseeensa dhaaba Wayyaanee waan taateef dhimma kana irraa bilisa baatee kanneen hafan sagal akka murtiin irratti kennamuuf baallamaa jiru.

Haalli yakka mootummaan Wayyaanee irratti dhiheessite kun yakka fudhatama hin qabne haatahu malee yeroo ammaatti ummata Oromoo mana hojjetaa hojjii irraa arihuu,qotee bulaa lafa irraa buqisuu,barataa barnoota irraa arihanii hidhuun kaan biyyaa akka bahu gochuun Akeeka Wayyaanee isa hangafa tahuu isaan beekamaa dha.

Lafti Oromiyaa Dureessota Biyyoota Alaatti Gurguramuun Itti Fufe.

LAFI OROMIYAA LABSIIDHAAN DUREESSOTA BIYYOOTA ALAATTI GURGURAMUUN AKKUMA ITTI FUFETTI JIRA

Gabaasa Qeeerroo Adaamaa,Adoolessa 09,2011

Akka Wayyaanotni moggaasanitti Magaalaa Finfinnee marsanii magaalotni argaman ‘’Godina Addaa Naannoo Finfinnee’’isa jedhamu  irratti labsiin seera itti fayyadama lafaa haaraan sababii inni durii sirrii hin turreef bahuu isaayi jedhanii tibbana gaazexootni dhuunfaa fi kan mootummaa balballoomsaniiru.Isaanis:

  1. Sandaafaa ijaarsa gamoo Real Estate tiif,
  2. Sabbataa IjaarsaWarshaa Agirooindaastiriif,
  3. Dukamiin ijaarsa warshaalee gurguddoo fi ulfaatoof,
  4. Laga Xaafoo Real Estate fi Induustirii Aara Qabaniif
  5. Holataa Ijaarsa Giddugaleessa Hormaata Horii Manaa fi WarshaaAannaniif

Kunis kan gurguramu  Kubaaniyoota Turkii,Hindii,Chaayinaa fi kkf ta’uu isaa gaazexaan Rippoorterii  Caamsaa 15 bara 2011  bahe ibseera.Keessumaa  Kubbaaniyaan Turkii Akkigoon Insat jedhamu Sandaafaatii Hanga Laga Xaafootti Lafa Oromiyaa Heektaara 1000 ol ta’u qarshii biliyoona 2 oliin geggeessaa mootummaa wayyaane Mallas Zeenaawwii irraa biteera.Coomni lafa keenyaa alagaatti gurguramee dhumee Oromoon hiyyoomee fi biyyaa arihamee kaan hidhaatti dhumee akka jiraate taasiseera. Kana malees qabeenyi Oromiyaa gurguraman hundi kuufama bank bulchitoota TPLF tahee dilbaayaa akka jiru adunyaan raga bahaa kan jir tahuu as tuqaa dubbisa..
http://en.wikipedia.org/w/index.php?title=List_of_heads_of_state_and_government_by_net_worth&oldid=331394125

 

Gabaasa Qeerroo Adaamaa irraa

Mootummaan TPLF Addatti Barattoota Oromoo Himannaa Sobaan Yakke

“Bara Baraan Waraana Keessa Jiraachuu Irra Bilisummaa Keenyaaf Wareega Kaffaluuf Qabsoo Gaggeessine”  jedhanii waan filataniif Qeerroon Yakkamoota tahan jedha manni heera Feederaala Ethiopia.

Himannaa Mootummaan TPLF Qeerroo irratti dhiheesse keessaa tokko

Himannaa Mootummaan TPLF Qeerroo irratti dhiheesse keessaa tokko

Baatii Eblaa 2011 keessaa sochiin Dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi dimokraasii(Qeerroon) qabsoo bilisummaa sabootaaf jedhee dhaabatee Oromiyaa guutuu keessatti sosso’aa jiraachuu aduunyaan beeka. Qabsoo murannoon eegalame kana karaa nagaa meeshaa tokkoon malee qeerroon mirga  bilisummaa fi dimokraasii waan gaafataa jirtuuf rasaasaan reebamuu fi kumaatamaan hidhaatti guuramuun kaan ammoo nyaata summaayaa nyaachifamuu kaanis biyyaa arihamuun irraan gahameera. Barattoota  fi hojjettoota maqaa Qeeerroon yakkamanii kumaatama hidhaman keessaa hanga ammaa kanneen dararaan guddaa irraan gahamee reefu mana murtee feederaalaatti dhihaatan keessaan kanneen armaa gadi  yakka hin jirreen mirgaaf qabsooftan jedhanii yakkaman.Yakka kanaafis raga namoota 15 itti yaamuu fi kanneen raga tahanii dhihaatan gariin isaanii biyya Kenya kan jiraatanii fi jireenyaan kan biyya keessa kan  hin taahe tahuu beekamaa dha. Maqaa ragaalee kanaa yoo isaan sobaan raga kana kan bahan tahe guutuu isaanii gara fuula duratti  qeerroon ni maxxansiti. Ragaalee sobaa  qeerrolee Oromoo irratti funaanuun dhaalota booruu qabsoo irraa dhaabuun wan hin dandayamneef ummati Oromoo fi aduunyaan yakka isaan itti himatama fuula tokko maxxansinee jirra.

  1. Dachaasaa Wiirtuu Moosisaa , University Haromaayaa irraa
  2. Geetuu Saqataa Roorroo ,University Finfinnee irraa
  3. Dirribsaa Daamxee Jootee  , University  Finfinnee
  4. Alamuu Tashoomee Beke   ,Dhiha Shawwaa Fantaallee matahaaraa irraa
  5. Shaafii Se’id Wedaay Daadhii ,Harargee Mi’essoo irraa
  6. Sileshii Soorii Malaakuu ,Harargee Harmaayaa irraa
  7. Daagim Bekele Galata ,Wallaga Boojjii irraa
  8. Eebbisaa Raatessaa ,Wallaga Horroo Guduruu irraa
  9. Damee Zarihun Mulata ,Wallaga Dambi Dolloo irraa
  10. Alamaayyoo Raggaasaa , godina Kibbaa irraa
  11. Mirreessaa H/Iyyasuus Qananii, University Finfinnee irraa
  12. Senaa Mararaa Birruu ,University Arbaminci irraa
  13. Getacho Abara Toleera ,University Haromaya
  14. Birhanu Immiruu Irranaa  ,Finfinnee ganda 08 irraa
  15. Lalisaa Abdiisaa  Wallga ,Qeellam irraa
  16. Abdiisaa Derejjee Amanuu  ,Wallaga Shaambu irraa
  17. Jireenya Dessalenyi Rumichaa  ,Finfinnee Gullallee irraa
  18. Derejjee Guutuu Qana’ii  ,University Jimmaa irraa
  19. Abdiisaa Guddataa Luulaa,  University Madda Walabuu
  20. Kabadee Beenyaa Hinseene , Jimmaa naannoo  Qersaa ganda Ginchaa irraa
  21. Barsiisaa Lammii Dargoo ,University Haromaayaa irraa
  22. Gurmeessaa Daammanaa Kumsaa ,Dhiha Shawwaa magaala Aamboo ganda 03 irraa
Dachaasaa Wiirtuu Moosisaa

Dachaasaa Wiirtuu Moosisaa

Damee Zarihun Mulata

Damee Zarihun Mulata

Mirreessaa H/Iyyasuus, Qananii

Mirreessaa H/Iyyasuus, Qananii

 

 

 

 

Senaa Mararaa Birruu

Senaa Mararaa Birruu

Dirribsaa Daamxee Jootee

Dirribsaa Daamxee Jootee

 

 

 

 

 

Yeroo tahan Kana malees baatii Waxabajjii fi Aoolessa 2011 kana keessa  mooraa idhaa Ma’ikalaawwii  keessatti haala baay’ee rakkisaa fi suukkanneessaa keessaattii kanneen argaman

Girmaa Nagaasaa Waggaasaa

Girmaa Nagaasaa Waggaasaa

 

 

 

 

 

 

Dargaggoonni [qeerroon]Oromoo keessaa  barataa Girmaa Nagaasaa Waggaasaa Lixa Shaawwaa irraa qabamee hidhamee moraa maakalawii mana dukkana keessaatti hidhamee halkan nannoo sa’aa 7 fi 8 ttii guyyuu qoratamaa kan jiruu ta’uu hubatamera,Akkasumas barataa Ebbisaa Raatessaa mooruma Hidhaa kana keessatti haala sukkanneessaan dararamee qoratamaa akka jiru gabaasi Qeerroo mooraa Ma’ikelaawwii irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

 

 

 

 

LABSII WALABUMMAA MIIDIYAA FI MIIDIYAA ITIYOOPHIYAA

Isa Du’e Ajjeesuun jagna Nama hin jechisiisu! (Miidiyaa Itiyoophiyaa).

Walabummaan Labsii Miidiyaa fi Miidiyaan Itiyoophiyaaf, Itiyoophiyaa gidduu garagarummaan jiru ;Garaagarummaa Ifaa fi Dukkana,Guyyaa fi Halkanii,samii fi dachee, gidduu jiruu ol akkuma ta’etti jira.Kana duras Mirgi Labsii Miidiyaadhaa kabajamee hin beeku.Ammas yoo cabe hawaasi addunyaa reefuu waan dhaga’aniif haaraa isaaniti ta’e malee walabummaan miidiyaa Itiyoophiyaaf keessatti takkaa walabumaa qabaatee akka hin beekne seenaan midiyaa biyyichaa ni ibsa.

Gaazeexessitooti hedduun kan miidhiyaa biyyatti irraa hojjetanis tahe dhuunfaatti waldaa ijaratanii dhugaa biyyattii keessa jiru ibsuuf hojjetaa turan walabummaa dhabuun Hidhaa galanii jiru,kaan biyyaa arihamanii jiru. Kan yeroo dheeraa yoo dhiifne as dhihootti Dhaabbatooti Gaazexeexaa Dhuunfaa sadii:1ffaa.Awuraambaa Taayimsi,2ffaa.Fiittii fi 3ffaa.Addis Nagar  jeeqxotaa fi goolessitummaan yakkamanii  baqatanii biyyaa bahuu isaanii eeree akkan ture ni yaadatama.Amma immoo Abbaan Dhaabbata Gaazexaa Awuraambaa Taayimsi Obbo Wubisheet Tasfaayee jedhamu Humna waraanaa Muutummaa Wayaanee nama 7 ol ta’aniin qabamee harki isaa kaateenaadhaan hidhamee mannii fi Waajjirri Dhaabbata Gaazexaa Awuraambaa erga sakattaa’amee booda qabeenya Dhaabbatichaa wajjin fuudhamee bakka mana hidhaa maayikalaawwii jedhamutti hidhamuun maatiin isaa akka hin daawwanne dhorkameera.Kanuma irraa kan ka’e Gaazexeessitoota Dhaabbata Awuraambaa Taayimsi warri kaan sodaa du’aa fi jireenyaa keessa galanii waan godhan wallaalanii akka jiran haati manaa hidhamaa  fi Gaazexeessaa Wubisheet Tasfaayee Aadde  Biraanee Tasfaayee ibsa gaazexeessitootaaf laatteen dhaamteetti.Waa’ee gaazexeessaa hidhame kanaa ilaalchisee Daarikteerri Dhaabbata Gaazexaa Awuraambaa Taayimsi kan ammaa Obbo Daawwit Kabbadee haasawaa Sagalee Raadiyoo Amerikaa fi Miidiyaalee Addunyaa Biroo wajjin godhaniin ibsa kennanitti Mootummaan wayyaanee ’’ walabummaa labsii miidiyaa akka waan cabeetti ibse’’  jechuun baayyee aaranii baannananiiru.Garuu kan cabe labsiidhuma walabummaa gaazexeessitootaati malee waan addaa miti. Walabummaan waan hin jirreef cabe jechuun ibsuu dhiisuu danda’a.Isa sila iyyuu du’ee jirutu  irra deebi’ee du’e yoo jenne xiqqoo ishee itti Dhiyaata.Egaa Gaaffii fi Deebii Daawwit Kabbadee waajjin miidiyaaleen addunyaa godhan kana irratti akka ibsanitti hidhamaan kun jalbultii filannoo bara 2002(A.L.H) dura hojii gaazexaa kana irratti Kaadireen Mootummaa Wayyaanee Daarikteerri Olaanaan Abbaa Taayitaa Biroodkastii Itiyoophiyaa bilbilee hidhamaa kana waamuun ‘’Paartiilee Siyaasaa murtaa’oof akka Lissaaniitti tajaajilaa waan jirtuuf gatii kaffalta of eeggadhu’’ jedhanii erga doorsisanii gadi dhiisanii booda hidhamaan kun daarikteerummaa irraa gara Itti Aanaa Daarikteerummaatti gadi of buusee hanga guyyaa hidhamuutti hojjetaa turuun eerameera.Akkasitti torban tokkoo ol sababa qabameef utuu hin beeksisin turanii erga Sagaleen Raadiyoo Amerikaa fi Miidiyaaleen addunyaa biroon oduu isaa balballoomsanii fi Dhaabbati Mirga Gaazexeessitota addunyaa CPA n ‘’seera labsii mirga gaazexeessitootaa kan cabse waan ta’eef hatattamaan akka gadi dhiifamu ‘’jedhee mootummaa wayyaanee erga gaafatee booda mootummaan wayyaanee walumatti Gaazexeessaa kana dabalatee namoota sagal geggeessitoota Paartii Mormitootaa,Namoota Dhuunfaa fi Gaazexeessituu Gaazexaa Fiitii ,kan maqaan ishee Ri’iyoota Alamuu jedhamtu Waxabajjii 21 bara 2011 guyyaa gaafa facaasaa/hoji lammaffoo ganama sa’a 4 irratti humna waraanaa wayyaaneetiin qabamtee harkashee kaateenaan erga hidhanii booda manaa fi Waajjira Dhaabbata Gaazexaa Dhuunfaa Fiitii sakatta’uun meeshaalee maxxansaa,maxxansa hanga har’aa fi qabeenya Dhaabbatichaa waliin qabanii Mana hidhaa  Maayikalaawwiitti sababa hinbeekamneen kan hidhamte waliin walumatti namoota 9 hidhamanii jiru.

Kunuunsaa fi Eegaan Mirgaa fi Walabummaa Gaazexeessitoota Addunyaa CPA n ibsa gidduu kana baaseen  wanti gaazexeessitoota kanneen irratti akka seera walabummaa Addunyaatti Gaazexeessaan kam iyyuu  deemsa mana murtii dura hidhamuu fi gaafatamuu akka hin dandeenye eeree,wanti mootummaan wayyaanee raawwataa jiru  faallaa/farra labsii walabummaa miidiyaawwanii ta’uu isaaf gaazexeessaan kun hatattamaan akka gadi dhiifamu mootummaa Itiyoophiyaa gaafateera.CPAn dhimma kana ilaalchisee  kan inni waliin haasawaa godhe  kaadiree mootummaa wayyaanee kan ta’e Itti Aanaa Daarikteera Olaanaa Waajjira Dhimoota Kumiyunikeeshinii Mootummaa Shimallis Kamaal  ibsa kenneen soba dhugaa irraa akka dacheen samii irraa gadi fagaattu fagaatu ‘’biyya kana keessatti gaazexeessaan hidhame hinjiru,hidhamuus hinqabu,yoo kun ta’eera ta’es dogoggora ‘’jedhee ibseera.Garuu gaazexeessitooti hedduun hidhamuu fi kaan biyyaa arihamuun biyyi lafaa kan beekuu fi ammos namooni olitti tuqne hidhamuu isaa hawaasi addunyaa mana hidhaa keessatti ija isaaniin arganii miidiyaa isaaniin bira ga’anii argan gaazexeessaadhuma malee uumama kan biraa akka hin ta’in CPAn ragaadha.Isaan kana duraan dhoksanii utuu sababii hidhamaniif hin beeksisin turanii erga hawaasi addunyaa bira ga’ee gara itti dhoksan dhabanii booda torban kana Adoolessa 2011 eegalee ‘’namooti kun utuu isaan humna ibsaa fi Telee Itiyoophiyaa irratti balaa geessisuuf jedhanii bira geenyee qabanne malee hojii gaazexeessummaa fi siyaasaa waliin wal hinqabatu’’ jechuun sobaan miidiyaa mootummaa wayyaanee biyyattiitiin labsaa jira.

Walumaa gala mirgi gaazexxessuummaa fi gaazexoti Ethiopia keessaa ni eegama jechuun dhara. Qabsaawoti Oromoo hedduun rakkoo kanneen osoo jiruu sagalee ummata Oromoo dhageessisuuf jecha biyya keessatti bobaa diinaa jala ta’anii qabsoo osoo godhanii harka diinaa seenaa turan,gariin ammoo bakka bu’an hin beekamu. Warri sababa kanaan biyya irraa arihamanis ni jiru. Mootummaan Wayyaanee gaazexxessitoota hafnaan biyya Oromoo fi Ethiopia kaan guutuu Hidhaa keessa galchee waan jiruuf Hidhaa kana irraa saba biyya sanii baasuuf Qeerroon Oromootaa bakka hundatti wal gurmeessuun qabsaawaa jiraachuun abdii guddaa kan namaa kennu waan taheef jabaannee Akeeka kana bakkaan gahuun fimaata keenya.

Baatii Adoolessa kana keessas sararaan qeerroo http://www.qeerroo.com akka Oromiyaa keessatti hin banamneef tattaaffii mootummaan Ethiopia godheen qunamtiin isaa hedduu harkfataa jira,sanis tahu qeerroon sagalee isaa ummata Oromoo dhageessisuu dandayu mara akka mootummaan TPLF cufuu hin dandeenye dha

Qeerroo , Finfiinee irra

Adoolessa 07,2011

 

 

Miseensonni Sochii dargaggoo( Qeerroo) Maqaa gartuu Bakkalcha 1215n qabsaa’an murtoo fudhatan.

Gabaasa qeerroo, Adoolessa 05,2011 Adaamaa

Miseensonni dargaggoonni Oromoo humna Qeerroo Bakkalcha 1215 jalatti gurmoofnee jirru, Walgahii Jalqaba Adoolessa 2011 itti godhanne irratti hojiin qabsoo bilisummaa Oromoo biyya keessatti sagalee keenya dhageessisuun akkuma dargaggoota biyyoota biro mirga ummata Oromoo falmuuf jecha maree fi karoora bal’aa erga lafa kaayyannee booda murtii ejjennoo keenya akka kanaa gadiitti fudhannee kaane:-

Murtoo fi Ejjennoo:

  1. Sochii mootummaan Wayyaanee Oromiyaa keessatti godhuu fi rorroo ummata Oromoo irran gahaa jiru dura dhabbannee qabsaawuuf murtii fi waadaa keenya haaromsine
  2. Qabsoo bilisummaa Oromoo goototni Oromoo darban nu dhaalchisan galmaan gahuuf kutannee waadaa seeneerra
  3. Uummata Oromoo olola diinaan gargar qoodamanii jiran ,harka Wayyaaneetii baasnee walitti deebisuun umurii mootummaa Wayyaanen kanaaan achitti karoorfatte gabaasuuf murteeffannee kaanee jirra.
  4. Saamicha qabeeenyaa Oromiyaa fi lafa Oromoo irratti adeemsifamaa jiru dura dhabbachuun mirgaa fi  dirqama dhalootaa qabna.
  5. Miidhaa fi ajjechaa qabsaa’otaa Oromoo irratti taasifaman jiru dura dhaabbannee gumaa lammii,Bilisummaa Uummataa fi walabummaa lafa keenyaa ni kabachiifna.
  6. Barattoota maqaa sochii Qeerroo bilisummaan qabamanii yakki dharaa irratti dhihaate akka hatattamaan gadhiifamaniif irratti ni qabsoofna.
  7. Dhuma irratti Fincila Diddaa Garbummaatti  uummata keenya kakasuun gara hiree isaa murteeffannatti akka hirmaatu ni goona irrattis ni hojjenna.
  8. Sochiin dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi dimokraasii osoo diinaaf hin jilbeefatiin,Hidhaa fi ajjeechaa akkasumas doorsisa summii nyaachisuun duubatti osoo hin deebi’iin ummata Oromoo galma bilisummaatti hanga geessu duubatti hin deebinu.
  9. Wareegama barbaachisu baafnee ummataa Oromoof qabsaawuun waada keenya yoomiiti.

Qabsoon itti fufa !Gabaroomsaan ni kufa!

Injifannoon Ummata Oromoof!


 

Qerroon baratee eessa irraa ka’ee garamitti?(Part 2)

  

  Qerroon baratee eessa irraa ka’ee garamitti?

Sabboonaa Qeerrootiin(Hawaasaa University)

 Rakko barnootan wal qabatee ka’uu ummata  osoo ofii hin baratiin ilmoo isaa barsiifatu gaaga’uu irra taree isuma barataa jiruu iyyu bitaa itti galuun isaa osoo hin hafiin barataan tokko sadarka kollejji erga xumuree booda hojitti ille akka hin bobbane taasifama jira.kanaf ammo fakkenyoota heddu kaasun ni danda’ama. Kanneen keessaa kollejjin teekinikaa fi ogumma fakkeenya tokko.

Armaan duraa ogumma kanan baratee kan ba’uu barataan tokko sadarka barnoota  10+3 jedhamun kan eebbifamu  ture.kana jechuun sadarka dippiloma yoo ta’uu kan amma garuu kanarra adda.akkuma konkolataaf sadarkaan kennamu barnootafis kennu n  level 1,level 2,level 3 fi level  4 jechuun maqaa itti geggeddera jiru.beeksisni yeroo amma ba’uu  level kan gaafatuu yoo ta’uu barataan yeroo  duraa 10+3 barnoota teekinika fi ogumma ebbifamef bakki tokko ille hin jiruu,..beeksifni hojiif isaa ilaallatus tokko illee bahaa  hin jiru.

Erga akkana ta’ee ilmii qotee bulaafi dafqaan bula gadadoo kessa jiratuu,..bor anaf maati koof dabarsaa jedhee baratee akkam ta’a? guddinii Ethiopia ykn ammo sadarkan barnoota fi qulqullina jedhame ummataatti dibbe reebun essa dhufee?

Qerroo kana hoo maaltu eggataa? Qerron dhimma kana maaf callise dhaggefata?

Iccitii COC kollejji fayya fi dhimma HOLASTIC EXAM barattota enjineringii ammoo bareefama itti aanu kessatti ilaalla

 

 

Mootummaan TPLF Barattoota Summii Nyaachise.

/Gabaasa Qeerroo, Adaamaa, Adoolessa 04,2011/ Mootummaan Wayyaanee ammas akkuma kana duraa gaafa guyyaa Adoolessa 02,2011 aduu sambata duraa barattoota mooraa keessa jiran nyaata summaa’e nyaachisuun gabaasame.

Qeerroon Adaamaa irraa akka gabaasett, barattooti nyaata summaa’e kana nyaatanii dhibeef saaxilaman kunnee irra guddaan isaanii kanneen barana eebbifamanii fi kaan ammoo qormaata xumuranii yeroo gannaatti maatii isaaniittii deebisuuf kanneen qophiitti jiranii dha.

Akka kanaan ammas yeroo lammataaf beekaa nyaata summiin makaa barattoota Oromoo fi saboota kaanii hamma tokko nyaachifamuun yeroo ammaa  Hosptala ciisanii kan jiran yoo ta’u, kaan isaanii immoo waldhaansa dhabanii rakkachaa akka jiran beekamee jira.

Cafeteria University Adaamaa barattooti keessatti summii nyaachifaman

Cafeteria University Adaamaa barattooti keessatti summii nyaachifaman

Mootummaan Wayyaanee yeroo adda addaatti sochii barattoota Oromoo doomsuu fi of irraa ittisuuf jecha tooftaan inni itti dhimma bahu hidhuu, reebuu, doorsisuu, ajjeesuu, biyyaa arihuu fi summii nyaachisuu dha.

Bara kana keessa barattooti Oromoo yeroo lama mooraa University Adamaa fi yeroo tokko mooraa University Arbaminc keessattis summii nyaataan makame nyaachifaman hanga har’aa gariin fayyaa dhabuun, kaan ammoo hanga ammaatti hosptala keessaa rakkachaa jiraachuun beekamu.

Kan dheengadda guyyaa sambata duraa mooraa University Adaamaatti tahes heddummina barattootaa waan miidhee jiruuf qaami mootummaa birmateefii tokko illee hin jiru.

Kaafteeriyaan mana nyaata barattootaaf kennamus guyyaa kaleessaa waraqaa CUFAMEERA( TASHIGUAL) jedhuun irratti maxxanfamee manni nyaata irraa nyaatan hin jiru. Barattooti hafan nyaata ala irraa bitatanii akka hin nyaanneef waraana Feederaalaan eegamuu caalaa iyyuu maallaqa ittiin of jiraachisan dhabuun dararaa keessa jiru.

tashigual(Cufameera) jedhanii Kaaffee irratti maxxansanii barataan nyaata dhabuu.

tashigual(Cufameera) jedhanii Kaaffee irratti maxxansanii barataan nyaata dhabuu.

Diddaa barattoota Oromoo ykn Qeerroon itti fufiinsa qabaachuu isaa irraa kan ka’e ergamee bulaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo gochaan kana barattoota Oromoo irratti warra raawwachiisu keessaa isa hangafa tahuus hojjettootii mootummaa kanneen degertoota sochii qeerroo tahan ifatti dubbatu.

Haalli kun hanga har’aa kanaan cimee waan jiruuf Oromootiin bakka hunda jirtan barattoota Oromoo Adaamaa fi Oromiyaa jiran hunda cinaa dhabbattanii akka cunqursaa falman qeerroo Adaamaa dhaammatu.

Qabsoon itti fufa! Cunqursaan ni kufa!!

Qerroon baratee eessaa ka’ee garamitti?

            Qerroon baratee eessa irraa ka’ee garamitti?

Sabboonaa Qeerrootiin(Hawaasaa University)

Waggoota digdamaam dibbeen mishoomaa fi guddina nutti tumamaa haabahu iyyuu malee mee Kan waggaa kaan dhiifnee kan waggaa Wagga 3 asitti wantaa ta’ee akkasumas ammo wagga kana qofaa barrnoota ilaalchisee adeemsa Ethiopia kessa jiruu haa tilmaamnu.

Karaa fodda televisiona isaanitiin humni nama baratee meeqa akka ta’ee Ethiopia kessa dhibbantan yeroo ka’an 90-97 giddu himuun kanuma barsiifamee fi gurra hawassa cufuu wantaa ta’eef kana dubbachun nuuf qaanidha.sirna  barnoota Ethiopia dhabbanna hin qabne yeroo ilaallu barnoota sadarka kutaa 10ffatti xumuruun erga eegalame kaase rakkolee gurguddan mudatanii jiru.fkn  barattotni heddun kutaa 10ffatti kufaani yookin ammo garaa qoph’insatti hin darbin hafaan mallaqa isaanin ogumma akka barataanifi kollejjota qulqullina hin qabnefi meesha hanquu ta;an akka babal;atan taasisee.dubbif jenne malee kan mootumma isaa kamtuu qulqullina qaba yoo jenne garuu  deebiin keenya callisudha.

Qotee bulaan biyyatti jireenyi isaa harka garaa afaani ta’ee  ta’ee qotiyyo isaa cimdii qabuus ta’ee qeenxee gurguree ilmoo isaa barsiisuu itti fufee. Gatiin xaa’oo mataa isaa irra ba’ee milishan gandaa meesha warana baatee har’aaf bor irra dhaabatu jalaa ilmoon koo baratee na baasa jedhee  itti xaaruu itti fufee.haa ta’uu malee kasaara mootummafi abbotiin qabeenya waliin uumata irratti xaphataan kaasun salphadha.abban qabeenya kollejji qulqullina hin qabne  malammaltumman bane boors abbotii irree  mootumma wayyane furdisaa jira.ilmii qotee bulaa fi dafqaan bulaa garuu qarshii isaa gadii lolaasee ilmoo isaa barsiifate,..ilmoon isaa garuu har’aa hojii tokko ille dhabee bakka beeksifni maxxanfame maratti dookumentii isaa adda isaa irra kewwate aduu dhugaa oola.

Mootummaan Wayyaanee humni Ethiopia keessatti barate kan hin baratiin irra caalaa fi ummati Ethiopia harki 90-97% baratee jira kanaaf mishoomaa fi guddinni biyya san keessatti akka rookeetaa dhuka’aa jira haajedhu malee,guyyaa TV Wayyaanee irratti lallabamaa jiru kana namoota biyya Ethiopia keessatti baratanii jireenya dhabuun karaa irra bulanii fi kanneen karaa irra rakkina isaanii baadhatanii deemaa jiran akka fakkeenyaatti suuraa isaanii walakkaa magaalaa Adaamaa keessa kaafnee kana waliin maxxansinee jirra.

Barnoota Ethiopia fi hegeree namaa

Barnoota Ethiopia fi hegeree namaa

Inni rakkoo fi gidiraa argee ilmaan qotee bulaa Oromoo iyyuu barateee hojii fi mindaa dhabuun karaa irra deemee kadhata,bakka bultii dhabee ala gala.Yoo miseensa ergamee bultootaa hin tahiin biyyatti keessa jiraachuu fi hojjechuu hin dandayu. Ummanni kaan ammoo barnooti haahafuu midhaan nyaatee bulu hin qabu. Mootummaan TPLF isa kamiin akka Ethiopia keessa namni baratee 90-97% jedhee akka lallabuu barbaade hin beeknu. Barattooti Oromoo Qeerroon barnoota isaanii fixan hojii dhabanii barandaa kanneen bulanii qabsoo saba isaanii itti xichaa jiran hedduu dha.Kaan ammoo osoo barnoota hin fixiin gara mana hidhaatti guuramanii deeman ifa gala dha. Dhihoo kana baatii Ebla 14,2011 dhalachuu Qeerroo irraa eegalee barattooti Oromoo hidhaman kumaatama tahu,kaan bakka buuteen isaanii hin beekamu.Kun hundi osoo jiruu humni barate guddate jedhanii yeroo lallaban nama hin raaju,amala Wayyaanee waan taheef.

 

Sabboonaa Qeerroo Hawaasaa irraa