Qeerroon Ummata Dammaqsuu Itti Fufan!

(Qeerroo, Amboo, 25 Adoolessa 2011) Sabboontonni Qeerroo Oromoo Godina Shawaa Lixaa, Onotaa Caalliyaa, Geedoo, Midaa Qaanyii fi Amboo keessatti dirqama isaanii ga’ummaan bahachaa jiraachuun gabaasame.

Gabaasaan Qeerroo akka hubachiisetti, Ilmaan Oromoo balleessaa tokkoo malee  hidhamuun akka dhaabbatu, kanneen hidhamanis akka hiikaman bulchiitoota Onaa isaanii gaafataa jiru.

Keessaayyuu, dabballooti OPDO siyaasa wayyaaneen gowwoomfamanii ummata isaanii miidhaa turan gochaa diinummaa irraa deebi’anii gaaffii mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuu keessatti akka qooda fudhatan barumsi kennamaafii akka jiru beekamee jira.

Qeerroon yeroo ammaa kanatti ummati keenya mirga abbaa biyyummaa sarbamuun, qe’ee isaa keessatti akka malee hiraarafamaa jiraachuun yoo furmaata hin arganne badiin caalu akka dhufuu malu dabballoota Wayyaaneetti himaa jiran.

Dabballooti Wayyaanees, otuu garboomfataaf ugguumanii ummata isaanii hiraarsaa jiranii, mootummmichi yeroo fedhetti isaanis qabee hidhaa jiraachuun maalummaa sirna sanaa ifatti kan saaxilu ta’uu barsiisaa kan jiran miseensoti Qeerroo, haala kana jijjiiruuf dhalli Oromoo marti karaa danda’een walqabatee akka hojjatus dhaamsi darbaa jira.

Kana malees, srini wayyaanee kaayyoo dheeraa Oromoo fi Oromiyaa deegsuu baafatee hojjachaa akka jiru kan himan miseensoti Qeerroo, sirna orom-nyaataa kana  gamtaan buqqisuuf, dabballoti OPDO Qeerroo waliina akka dhaabbatanii wayyaanee dachee Oromiyaa irraa buqqisan itti himaa akka jiran gabaasti Qeerroo ni hubachiisa.

Manni Murtii Federaala TPLF Mormiin Saboontota Oromoon Jeeqame

(Gabaasa Qeerroo, Finfinnee, Adoolessa 22, 2011) Barattoota Oromoo seenaa gootummaa galmeessanii garaaf osoo hin taane sabaaf otuu hojjatanii humna wayyaaneetiin qabamanii mana hidhaa fi mana murtii Wayyaaneetti geessamaa jiran akka dhimma isaanii maatiin isaanii hin hordofne godhamuun beekame.

Maatiin barattoota kanaa gabaastuu Qeerroof akka ibsanitti, mootummaan Wayyanee mana Murtii Federalaa jedhee waamuu fi kan dabballooti Wayyaanee akka abbaa seeraatti ramadamanii murtii jalloo ilmaan Oromoo irratti murteessan irratti argamanii dhimma ilmaan isaanii hordofuu hin dandeenye ugguramanii jiru.

Akka kanaan  gaafa Adoolessa  22,2011 barattoota mana hidhaa Qaallittii irraa gara dhaddecha Wayyaanee federaalaa kanatti geeffaman badiin, bakka warri hidhes tahe warri murtii tumus isaanuma tahee jiru mana seeraa Wayyaanottaa dhihaatanitti maatiin barattootaa kun akka bakka abbaan seeraa itti dhimma barattoota sanaa ilaalu jiru hin seennee fi yakka sobaa  barattoota kana irratti dhihaate akka hin dhageeffanneef alatti dhorkamuun maatii barattootaa fi ummata deggersa barattootaaf argaman  dheekkamsee jira.

Sababa kanaan dheekkamsaa fi diddaa guddaa mana murticha fuula duratti waan dhalateef jecha,waraanni Federaalaa dhaqabuun maatii barattoota kanaa yakka tokkoon malee gara mana hidhaatti guuranii jiru.

Haala kanatti kan dalansuu godhatan Oromoonni kaan daanyotaa fi polisoota waliin sirnii fi mirgi dimokraasii guutuutti Ethiopia keessa akka hin jirree fi guyyaa tokko yakka godhan kanatti akka gaafatamuuf deeman itti himuun qeerroon naannoo sanatti argame gabaasa.

Barattooti guyya kan mana seeraa sanatti dhihaatanis battala osoo murtiin kamuu hin kennamiin gara mana Hidhaa irraa dhufanitti deebisuu isaanii gabaasaan qeerroo Finfinnee addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

Harmee Oromoo Boochisuun Itti Fufe.

(Qeerroo, Amboo, 22 Adoolessa 2011) Mootummaan murna bicuu, Wayyaaneen Qeerroo Oromoo adamsuu fi hidhuu itti fufuun, barattoota Oromoo magaala Amboo keessaa badiin tokkoo malee mana hidhaatti darbaa akka jiru gabaasame.
Gabaasaan Qeerroo Amboo irraa akka hubachiisetti, sirni Wayyaanee akkuma baroottan daraban Harmee Oromoo boochisaa turetti, ammas  Adoolessa 20,2011 barattooti Oromoo sadarkaa lammaffaa barataa turan badiin tokkoon malee magalaa Amboo keessaa qabamanii bakka jiran hin beekamu.
Akka gabaasa Qeerroo magaalaa Ambootti barattooti kun mana barnoota isaanii keessatti qaroo fi dammaqoo tahanii fi dhimmota miidhaa saba isaanii irra gahuu fi mirga dhala namaaf waan dubbataniif qabamani malee badii tokko illee hin qaban.  Maqaa barattoota kanaas
1.   Barattaa Ifaa Gaarii
2.   Barataa Eebbisaa Tulluu
3.   Barataa Caala Tolaa
4.   Barattaa Lata Kinfuu warreen jedhaman tahuu gabaasi qeerroo naannoo sanii ni addeessa.
Yeroo har’aa duula barattoota Oromoo fi qoteebulaa Oromoo hidhuutti kan bobba’e mootummaan Wayyaanee, hidhaa fi ajjechaan akkasumas ummata deegsanii hiyyoomsuun daran qabsoo Oromoo jabeessa malee furmaata gaaffii mirga ummata Oromoo akka hin taane dargaggoonni Oromoo bakka hunda irraa beeksisaa jiru.
Haala kana irratti Qeerroon Bilisummaa dhaamsa gabaabaa dabarseen hidhaa fi ajjeechaan kamuu Qeerroo jabeessa malee kaayyoo isaanii dubbatti hin deebisu jedhee jira.
“Oromoon jaarraa 16ffaa keessa biyya isaa alagaa irraa deebifatee, leelloo walabummaa goonfate har’a saba bicunn hiraarfamaa jiraachuun qaanessaa dha,” kan jedhe Qeerroon, kaka’umsa seenaa fokkotaa kana jijjiiruuf karaa Qeerroo haaromfame waanti duubatti deebisu akka hin jirre hubachiiseera.
“Qeerroon dhaloota haaraa egeree biyyaa ti. Qeerroon biyyaa fi biyyee garbummaan dhaalamte bara baraan jiraachisuu hin fedhan. Qeerroon irra deebi’ee kan dhaamu, hidhaan nu hin balleessu; kaka’umsa keenyas hin laamshessu. Inumaayyuu, kaayyoon keenya hagam jabaa fi haqa irratti akka hundaa’e mirkaneessa.” jedhee jira.

QABSOO-DHA MAQAAN ISAA*

 Taammanaa Bitimaa

Isa kuffifamee lafarra ciisu
Silaa tolaan jarri isan-dhiisuu
Bakka itti-kufee olkaasee
Sansalata irraa babbaasee
Kan akka ejersaa isa dhaabu
Seerri-saanii-woo isan dhaabuu
Qabsoo-dha maqaan isaa
Gonfachiisaa bilisaa!

Qabsoo-dha maqaan kansaa
Dachee hunda biyyisaa
Keessumaa qabsoo bilisummaa
Kan caccabsee darbatu
Harqoota kan gabrummaa
Isa guutuu taasisu
Nameenya kan namummaa!

Iddootti kufee olkaasee
Kiyyoo mormarraa baasee
Madaasaa irraa haqee
Raammoo isa madaa keessaa
Nyanyaata akka bineensaa
Irraa mimmicirqisee
Nama nama taasisa
Bineensarra olcaalchisa!

Inni nama sanyiin hin qoqqobu
Dabalees amantiin hin qoqqoodu
Aadaan addaan hin baasu
Bifaan gargar hin yaasu
Hunda ija takkaan laala
Cufaaf mirgasaa abbala
Isa abbaan walqixxeessaa
Saboota addunyaa keessaa!

Injiree nurraa micirqisee
Hinjirree nurraa dhidhimsee
Yeeyyilee nurraa bittimsee
Shilmiis saawwanirraa harcaasa
Daanawoos gumbii keessaa baasa
Gabrummaa qabeetoo rarraasa!

Kan Oromoos qabsoo
Kan Kuush kaanis qabsoo
Keessumaa qabsoo sabaa
Kuffifamaa-dha ol-qabaa!

Oromoo, yaa abbilee
Oromiyaa, yaa harmilee
Erga qorichi qabsoo ta’ee
Erga malli tokkummaa ta’ee
Haa qabsoofnu tokko taanee
Hidhannee manaa baanee!

Obbolummaan waltaanee
Hidhannee manaa baanee
Warra Kuushiin waltaanee
Bakka kufnee olkaanee
Imimmaan walirraa haquun
Obbolummaan walolqabuun
Karchallee wajjin diignee
Roorroo walirraa dhiibnee
Hayyee, qabsoo-dhaan galma keenya geenya
Sansalata malee, guyyum tokkollee teenya!

Yaa Oromoo, aadaan-kee bubburree
Ilaa, biyyi-kees sonaan cocorree
Akka nafxanyoota asittis “iskistaa”
Achittis “iskistaa”, mitii sirboonni-kee
Biddeenuma callaasoo, miti nyaanni-kee
Of-tuullummaa fi sanyummaa miti yaanni-kee!

Atoo qaccee Leenjisaa Diigaa-tii
Atoo diroo Elemoo Qilxuu-tii
Eekaa sanyii Taaddoo Birruu-tii
Maarree lammii Abbishee Garbaa-tii
Mataa gadqabachuu
Eessaayyi barattee
Oromo-sodaan beekuu
Kan eessaayyi argattee?

Oromoo uummata kiyya
Uummata-koo uumee tiyya
Yaa safuun guddisa-koo
Abbaa dhugaa lubbuu-too
Atiwoo galaanaa
Jarri maa si dhaana?
Maaf dhaana dirra-kee
Maaf waxala miila-kee?

Ol-ka’i uummata kiyya
Walta’i yaa saba kiyya
Xiqqaa-guddaan waltayii
Alaa-manaa walgayii
Harqoota gabrummaa caccabsi
Sansalata ciccirii darbaddhu
Galma-kee ni geessa abdaddhu!

Ni mootaa, ni mootaa daran abdaddhu
Dhalawwan-kee mara walitti qabaddhu
Sabbata-kee jabeessitii hidhaddhu
Aayyoo ka’ii, siiqqeen joollee-tee labsaddhu
Oromiyaa iyyii, ilmaan Kuush waammaddhu
Mirgaan mancaa qabaddhu
Bitaan wantaa qabaddhu
Oljedhi-kaa waanjoo ofirraa darbaddhu
Biyya biraan qabduu Oromiyaa jaarraddhu!

Barliin – 16. 06. 09

************* Hubachiisa **************

* Walaloon kun gaafa 02.08.09 Kora Waldaa Qorannoo Oromoo, jechuun kan OSA isa dira Atlaantaa, Biyya Ameerikaa keessatti adeemsifame irratti kan uummataaf dubbifame ture. Silaa barri kun bara qabsoo uummatoota Afrikaa Kaabaa fi Jiddugaleessa Bahaa-tii, kunoo ijoolleen Oromoos, dhaloonni qubee gabroomfattoota Habashaa irratti fincilaa jirtii, mee walaloo kun isaaniif: mararfannoo, rajeeffannoo, jajjabeessii fi bira-dhaabbannoo haa tahu!

The TPLF/EPRDF government cadres involved in huge looting of public properties in the name of privatization.

(Qeerroo, 20th of July 2011, Finfinnee) Indulged in the fear of mass uprising that consumed the dictatorial regimes in the Northern Africa and shaking the Arab Lands, The TPLF/EPRDF government has waged a huge number of public owned companies, corporations and other properties transfer to private ownership.

According to reliable inside sources, the ‘senior cadre members of TPLF / EPRDF’ were given one or more companies with out any cost.

Uncertain and confused with the creative Qeerroo mass uprising, that is going across all class of the people and reaching all places in the country, the government have decided to handover the public properties to its senior cadres, convincing themselves of, ‘once an uprising started government properties will be looted’.

Accordingly the government have declared the previously ‘Government Development Agencies’ as if they are now owned by the ‘Private Owners’. What is more they have started to change the codes of the vehicles from Code 4, which shows public properties to Codes 3, designating them of private properties. What is more, they are being tagged as Share Companies, PLC and others to show they no more belongs to the public.

Some of the public properties of the country currently confiscated by the TPLF/EPRDF cadres for personal wealthy includes:

1.      Ethiopian Shipping Lines

2.      Ethiopian Dry Port Agency

3.      Artistic Printing Press

4.      Bedelle Beer factory

5.      Harar Beer Factory

6.      Ambo Mineral Water

7.      Dire Dawa Food Complex

8.      Ethiopian Telecommunication Corporation

9.      Qalitti Steel Factory

10.   Sabata Agro Industry

11.  Ethiopian Water Construction Company

12.  Government Hotels

13.  Harar Aid and Development Organization

14.  Ethiopian Railways trading

15.  Ethiopian Civil Service College

16.  National Theatre

17.  Birhan nad Selam Printing

18.  Ethiopian Tourism Agency

19.  National Cigarette Company

20.  National Motors Corporation

21.  Ethiopian Coffee Forest Forum

22.  Ethiopian Leather Company

23.  International Trading Manufacturing and Service

24.  Ethiopian Public Health Agency

25.  Ethiopian Pulp and Paper Organization

26.  Fana Broadcasting Corporate S.Co

27.  Fil Wuha

28.  Aqaqi Cloth factory

29.  Addis Mojo Oil Factory and other are worthy to be mentioned.

Some of these properties being looted are to be estimated in millions if not billions of dollars. According to Qeerroo informants, the properties being looted are much more and serious questions and concerns are being raised in relation to the status of Ethiopian Electric Power Corporation, Ethiopian Water Authority, Ethiopian Commercial Bank, Some Hotels, Ethiopian Airlines, Ethiopian Airport Authority, Ethiopian Seeds Agency, Ethiopian Import and Exporting Agency and much more. The level of looting and public funds being directed to private accounts is very disturbing and shocking as some insiders underlined.

Some of the critical questions the public are asking includes:

1.      What are the public properties and companies the state currently owns, how did they turned to private ownership, by who and on what legal grounds.

2.      Who are the board members of the companies that are making billions of Dollars, does any one know the amount and level of funds and properties being looted in these companies

3.      Can any one tells the status and wealth of many hand picked Tigreans in relation to the normal life of the Ethiopian People and their background to 20 ago, how did some individuals become millionaire and billionaires in a matter of few years while currently 4.5 million people are dying of hunger in Ethiopia

Unfortunately the answer from the side of repressive regimes in Ethiopia turned to be more and sophisticated looting, imprisonment, kidnapping, forced exiling, torture and killing. This draconian Stalinist rule  resulted in taking families from children’s and letting families without children’s. It has now reached the level that no one in the country is able to tolerate the inhumane and brutal rule of Meles Zenawi and the way forward is to only to struggle in unison.

Jiddu Galeessa Oromiyaatti Sochiin Qeerroo Bilisummaa Qonnaan Bultoota Dabalatee Itti Fufe.

(Gabaasa Qeerroo, Miidhaa Qanyii, Oromiyaa, Adoolessa 20, 2011)Godina Shawaa lixaa Onaa Midaa Qaanyiittii qonnaan bultoonnii  Oromoo fi dargaggoonni Oromoo FDG kaasaniin dhaaba jalee Wayyaanee OPDOn akka faaydaa hin qabne beeksisan.

Qonnaannaan bultooti finciloota Qeerroon itti fufan cinaa dhaabbatanii gaaffii abbaa biyyummaa fi walabummaa biyyaa gaafataa jiran kun osoo OPDOn maqaa Oromoon Oromiyaa keessa jirra jettuu Wayyaaneen mootummaa Federaalaa kan jedhuun guyyuu Qabeenya ummataa samuu fi dachii irratti gurguruu balaaleffachuutti jiran.

Kana malees, yeroo irraa gara yerootti dhaloota Oromoo keessaa isaan gaaffii mirgaa uumamaa gaafatan  hidhaa,  abbaa barbaadus biyya aarihaa kan jiru Wayyaanee waan ta’eef  faaydummaan OPDO akka hin jirre kan ibsan qonnaan bultooti kunneen, OPDOn barbaachistuu miti,  nurraa haakaatu, dhaaba maqaa Oromoon daldalu waan taheef bakka nu bu’uu hin dandayu  jechaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira.

Qonannaan bultoonni ona Midaqanyii  FDGf  gandoota gara garaa keessatti walitti dhufuun OPDO onichan isiin aangoo hin qabdan yeroo ilmaan keenya mootummaan feederalaa yeroo barbaadeetti akka barbaadetti balleessaa tokkoo malee hidhee daraaru ga’een keessaan maaliidhaa?

Ilmaan oromoo hisisaa,kana biraan immoo jireenyaa nutti qaalessitan gaatiin xaa’oo humna keenyaa ol nuti ta’ee ,waan ittin xaa’oo binnee facaasannuu dhaabnee utuu rakkannuu nuti mootummaa keessaanii isiin bulchiina nun jechuu hin dandeessaan isiin ofii keessaaniifuu aangoo hin qabdan jechuun gadoota garaagaraa keessaattii qonnaan bultoonnii OPDO balaaleeffachuun  FDG’n itti  fufanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

Daldaltooti fi Qonnaan Bultooti Diddaa Qeerrootti Makaman!

(Qeerroo, Naqamtee, 19 Adoolessaa 2011) Godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Limmuu Galiilatti Fincilli Diddaa Garbummaa kan daldaltootaa fi qonnaan bultootaan kaé itti fufee akka jiru gabaasame.

Qeerroon akka gabaasetti, diddaan ummataa kun gara fincilaatti kan babal’áte gaaffii gaafa Adooleessaa 9/11/2003 A.L Haabashaattii daldaltoonnii fi qonnaan bultoonnii maagalaa Limmuuttii walga’ii godhatanii sagalee mormii dhageessisuuf wayta yaalanitti jeequmsa poolisiin uumeen akka eegale beekamee jira.

Yeroo ummati dhiibbaa fi hiraarsa karaa sirna wayyaanee isaan irra gahaa jiru ibsachuuf  walitti qabamaniitti humni pooliisii Onaa Limmuu Galiilaa waan isaan bittineesseef fincilli kun daran hammate.

Gabaasa Qeerroo irraa akka hubatamutti, sababiin mormii uummataa inni guddaan ”daldaltoota irraatti qaraxa[gibirrii]dachaan waan dabaaleef, qonnaan bultootaatti gatiin xaa’oo humnaa ol waanta’eef akka isaan irraa xiqqeeffamu gaafachuuf ture.

Gaaffii ummataa kan qonnaan bultooti waan ittiin xaa’óo  bitatanii sanyii isaanii facaasan dhabanii rakkachaa waan jiraniifi, gaaffiin gatiin xaa’oo akka humna keenyaatti gatii madaalawaa ta’een nuf haa dhiiyatu jedhu akka biraatti waan ilaalameef ummati gaaffii sirnaa gaafateef deebiin reebichaa fi hiraarsa taée jira.

Kana malees, daldaltoota  kanfaltiin gibiraa humna ol dachaa lamaan waan nuti dabaleef hin kaffaluu jedhanii akka fincilan beekamee jira.

Wayyaaneen Qabeenya Mootummaa Gurgurtee Dhuunfachaa Jirti!

(Qeerroo, Finfinnee, 17 Adoolessa 2011) Mootummaan Wayyaanee Sodaa Finiclla diddaa gabrummaaf jecha qabeenyi mootummaa gara dhuunfaatti gurguraa jiraachuun beekame; qabeenya mootummaa kanas maqaa dhuunfaatiin kan bitataa jiran dabballoota Wayyaanee ta’uun beekamee jira.

Maddi Oduu Qeerroo akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee finciloota biyyoota Arabaa fi Afrikaa Kaabaa keessatti taha jiruun hodofee biyya Ethiopia keessatti fincilli barattootaa fi ummata Oromoo keessattuu qeerroon itti fufee jiru mootummaa Wayyaanee haalaan yaaddessuu isaa argaa jirra.

Haallen mootummaa Wayyaanee aangoo irraa buqqisan dhiyaachaa jiraachuun kan isa yaaddesse mootummaan Wayyaanee, jidduu kana baayyee jeeqamee waan jiruuf yoo fincilli biyya Ethiopiaa jedhamtu kana keessatti ka’e qabeenyi mootummaa jedhamu ni saamama sababa jedhuun Qabeenya mootummaa haala hatattama taheen gara dhuunfaatti deebisaa jira.

Akka kanaan Mootummaan Shiraa Abbaa Irree Waayyaanee moggaasetti ‘’Dhaabbatoota Misoomaa Mootummaa’’kan jedhaman sobaan ‘’abboota qabeenyyaa dhuunfaatti gurguramaniiru ‘’ jechuudhaan ‘’Kaadirootaa Mootummaa Waayyaanee keessaa ‘kan qabsaa’ota TPLF/EPRDF warra duraanii jedhamanii beekamaniif’’tolaan hireefi. Dhaabbatoota kana lakkoofsa konkolaataa isaanii 4 irraa gara 3tti jijjiiruun kana dhuunfaa fakkeessuun qabeenya uummataa biiliyoonaan lakkaa’amuu wajjin kanneen kaadiroota Waayyeenee Tigiraayiif Hiraman keessaa muraasi isaanii kanneen kanatti fufanii jiraniidha.

1)    Daandii Markabaa Itiyoophiyaa

2)    Fana Broadcasting Corporate S.Co (Maqaa Moofaa: Raadiyoo Faanaa)

3)    Mana Bishaan Ho’aa Dhiqannaa Dhagnaa yokin Amaariffaan:Fiwul Wuha(Hot Water Shower)

4)    Dhaabbata Buufata Qooraa Itiyoophiyaa(Dry Port),

5)    Artistic Printing Press,

6)    Warshaa Biiraa Beddellee

7)    Warshaa Biiraa Harar

8)    Warshaa Bishaan Albuudaa Amboo

9)    Warshaa Nyaataa Dirre Dawwaa(Dire Dawa Food Complex)

10)    Ethiopian Telecommunication

11)     Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa

12)     Waldaa Ogeeyyii Seeraa Dubartoota Itiyoophiyaa

13)     Dhaabbata Paarkiiwwan Itiyoophiyaa

14)      Waldaa Ikkoonoomsitoota Itiyoophiyaa

15)      Warshaa Sibiilaa Qaallittii

16)      Warshaa Indaastirii Qonnaa Sabbataa(Sabata Agro Industry),

17)      Dhaabbata Hojii Ijaarsa Bishaanii Itiyoophiyaa

18)      Hoteelota Mootummaa kanneen amma gara dhuunfaatti naannaa’an jedhaman

19)      Dhaabbata Gargaarsaa fi Misooma Harar

20)        Dhaabbata Daldalaa Hadiidii

21)        Fooramii Jijjiirama Qilleensaa Itiyoophiyaa

22)        Kolleejjii Siivil Seervisii Itiyoophiyaa

23)        Dhaabbata Ti’aatirii Siniimaa Itiyoophiyaa

24)        Dhaabbata Tiyaatirii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa

25)        Dhaabbata Maxxansaa Birihaanii fi Salaam

26)        Dhaabbata Tuurizimii Itiyoophiyaa

27)        Dhaabbata Tamboo biyyooleessaa

28)        National Motors Corporation

29)        Dhaabbata Daldala Doonii Itiyoophiyaa

30)        Ethiopian Coffee Forest Forum

31)        Dhaabbata Warshaa Gogaa Itiyoophiyaa

32)        International Trading Manufacturing and Service

33)        Waldaa Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa

34)        Ethiopian Pulp and Paper Organization

35)        Warshaa Uffataa Aqaaqii

36)        Warshaa Sibiilaa Aqaaqii

37)        Ethiopian Public Health Association(EPHA)

38)        Warshaa Zayitii Addis Moojoo fi kkf dha.

Qabeenyi mootummaa gurguramaa jiru kun hedduu ta’uu kan eere gabaasti Qeerroo kun, dhaabbatooti misoomaa, industiriiwwanii fi kanneen kana fakkaatan dhaabbatoota mootummaa qabeenyaa uummataa ta’anii utuu jiranii maqaa kan dhuunfaa ta’uu isaanii ibsu kan akka ‘’PLC,S.Co,fi kkfttii fi koodii lakkoofsa konkolaattota dhaabbata kanneenii 4 irraa gara 3tti jijjiiruun kaadiroota Mootummaa waayyaanee Tigiraayi TPLF dhaaf tolaan hiramaniiru.

Kanaa fi dhaabbatoota Mootummaa kan akka Korporeeshinii Humna Ibsaa Itiyoophiyaa, Dhaabbata Abbaa Taayitaa Bishaanii Itiyoophiyaa, Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa, Hoteelota Mootummaa, Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Buufata Qilleensaa Itiyoophiyaa, Dhaabbata Sanyii Filatamaa Itiyoophiyaa, Dhaabbata Meeshaalee Biyya Alaatti erguu fi Fichisiisu fi kkf kanneen lakkaa’amanii dhumuu hin dandeenye ilaalchisee gaaffiiwwan ka’aa jiru.

1)    Dhaabbatooti misoomaa mootummaa kan turan hundi eenyufayi?eenyurraa fuudhaman?eenyufayi kan gara dhuunfaatti naannessan?Attamitti?Maaliif gara dhuunfaatti naanna’e? Seera isa kamiin?

2) Dhaabbatoota misoomaa kanneen baayyee qarshii olaanaa biiliyoonaan lakkaa’amu galchan irratti hoogganaa boordii olaanaa kan ta’an eenyufayi? Maalis hojjetan? Gidduu kanatti Tigiroota waajjiraalee kana geggeessaniin qabeenyi uummataa saamame,miliqfame,baayyinnii fi gosi qabeenya sanaa hammii fi gosi isaa meeqa?ken jedhu

3) Daldaltootni Tigiree waggaa 20 har’aa qabeenyaan kara dhumaa tokkoffaa fi negatiivii keessa turan qabeenyi isaanii yeroo sana baayyinnii fi gosi isaa hammam ture? Har’a eessaa fi eessa ga’anii biiliyeenarii fi  miiliyeenarii kan ta’an meeqa?Maaliin achi ga’anii??  fi kkf gaaffii uummati bal’aan waayyaanota TPLF/EPRDF dhaaf dhiyeessuuf deebiin isaa rasaasa, hidhaa, ajjeechaa, ukkaamsaa, cunqursaa fi saamicha caalu uummata bal’aa irratti raawwachuu,abbaa irraa ajjeesuu fi hidhuun daa’imman warra malee ,ijoollee jalaa ajjeesuu fi hidhuun warra ijoollee malee, haadha irraa qabanii ajjeesuu fi hidhuun abbaa manaa haadha manaa malee fi daa’imman haadha malee hambisuu fi kkf ta’ee jira deebiin isaa.

Artisti Elemoo Alii fi Qooda Qabsoo Bilisumma Oromoo

(Qeerroo, Oromiyaa, 16 Adoolessa 2011) Artisti Elemoo Alii baroota dheeraaf qabsoo bilisummaa Oromoof  ogummaa isaan gumaacha akkuma jirutti, ammas diddaa Qeerroo tumsuun faaruu diddaa qeerroo bilisummaa leellisu gumaache.

“Hidhaanis jabaatu, qeerroon diddee kaate,” kan jedhu Aartisti Elemoon, dhaamsa isaa kana keessatti cunqursaan kamuu jabina diddaatiin akka buqqa’u hubachiisee jira.

Aarsaan qabsoo keessatti inni baase dargaggoota Oromoo kumaatamaan akka bilisummaa saba isaaniif qabsaayan kakaasuu keessatti qooda ol-aanaa qaba.

Arsitis Elemoo sochii keenya kan Qeerroo Bilisummaa Oromoo daran jabeessuuf gumaacha hojii artii godhee dhaamsa Dargaggoota Oromoo walii galaaf walleen dabarse as tuqaa dhageeffadha.

Artist Alemoo, maqaa SOCHII DARGAGGOOTA BIYYOOLESSAA BILISUMMAA FI DIMOKRAASII( QEERROON) guddifnee si galateeffanna.

Qabsoon Itti Fufa! Gabroomsaan ni Kufa!!

  

የወያኔ መንግስት ከኦሮሞ ባለሀብቶች ከ40 ሚሊዮን ብር በላይ ዘረፈ

(የቄሮ ዜና ምንጭ /ቄዜም/ ፍንፍኔ ሀምሌ 12፣2011) የወያኔ ሽፍታ ቡድን በኦሮሞ ባለህብቶች ላይ የሚፈጽመዉ ዘረፋ በግልጽ እየተባባሰ መሆኑ ተዘገበ።

የቄሮ ዜና ምንጭ ከፍንፍኔ እንደዘገበው በወያኔ ገቢዎችና ጉምሩክ ባለሥልጣን ዓቃቤ ሕግ ተከሰው በእስር ላይ የሚገኙት አቶ አየለ ደበላ (አይኤምኤፍ)፣ አቶ ገብረ ኪዳን ገብረ ሥላሴ (ሞሮኮ)፣ አቶ ከበደ ተሰራ (ወርልድ ባንክ) እና አቶ ሌንጫ ዘገዬ በባንክ ያላቸው ከ40 ሚሊዮን ብር በላይ ወደ ወያኔ ሒሳብ እንዲዛወር መደረጉ ታወቋል፡፡

ከወያኔ ገቢዎችና ጉምሩክ ባለሥልጣን በተጻፈ ደብዳቤ ከሰኔ 23 ቀን 2003 ዓ.ም. ጀምሮ አቶ አየለ ደበላ፣ ወ/ሮ አልማዝ ሁሉቃ (የአቶ አየለ ባለቤት)፣ አቶ ከበደ ተሰራ፣ ወ/ሮ አልማዝ ጫካ (የአቶ ከበደ ባለቤት)፣ ወ/ሮ አልማዝ ሁሉቃና ወ/ሮ አልማዝ ጫካ በጋራ በንብ ኢንተርናሽናል ባንክ አክሲዮን ማኅበር በተለያየ የሒሳብ ቁጥር አስቀምጠውት የነበረ በድምሩ 40,747,259.75 ብር፣ ወደ ወያኔ ካዝና ሒሳብ ከሰኔ 25 ቀን 2003 ዓ.ም. ጀምሮ ገቢ መደረጉን ለጉዳዩ ቅርበት ያላቸው ምንጮች አስታውቀዋል፡፡

ታሳሪዎቹ በተከሰሱበት ወንጀል በወያኔ ከፍተኛው ፍርድ ቤት የተጣለባቸውን የእስርና የገንዘብ ቅጣት በመቃወም ለወያኔ ጠቅላይ ፍርድ ቤት ይግባኝ ጠይቀዉ ጉዳዩ በመታየትም ላይ ነው፡፡

ይህ በእንዲህ እንዳሌ የወያኔ ዘራፍዎች ለማንም ምንም ሳያሳውቁ የግለሰቦቹን የባንክ ሒሳብ ወደ ራሱ ሒሳብ እንዲዛወር አድርጓል ። ድርግቱ ግን በህገ_ወጥ የተደረገና ባለህብቶቹም ምክንያቱን እንደማያውቁ  ለምንጫን ገልጸዋል፡፡

‹‹ገንዘቤን በአደራ አስቀምጥልኝ›› ተብሎ የተሰጠው ባንክም፣ ለባለቤቶቹ ሳያሳውቅ አድርግ የተባለውን ማድረጉ አግባብነት የሌውና በሕግም ተገቢ እንዳልሆነ እምነት እንደሌላቸው የገለጹት እነዚህ ምንጮች፣ ሁለቱንም ወገኖች ለማነጋገር ቢሞክሩም ምላሽ የሚሰጣቸው ማጣታቸውን ተናግረዋል፡፡

ምናልባት በፍትሐ ብሔር የተከሰሱበትና የተጠየቁበት ሁኔታ እንዳለ ተጠይቀው፣ ባለሥልጣኑ ከፍተኛ የሆነ ግብር እንዳለባቸው መጠየቁን አስታውሰው፣ የጠየቀው ግብር በተዘጉና ፈቃዳቸው በተመለሱ ድርጅቶች መሆኑን ቀርበው ማስረዳታቸውን ይናገራሉ፡፡

በፍትሐ ብሔር በኩል ጥያቄ የሚቀርብ ቢሆን እንኳን መጥርያ ደርሷቸው ሊከራከሩና መጨረሻው ታይቶ ውሳኔ መሰጠት ሲገባው፣ ያለምንም ማስጠንቀቂያና አፈጻጸም ሒሳብ እንዲዛወር ማዘዝ ‹‹ተገቢ ነው›› ብለው እንደማያምኑ አስረድተዋል፡፡

አቶ ገብረ ኪዳን ገብረ ሥላሴና አቶ ሌንጫ ዘገዬም ተመሳሳይ ድርጊት የተፈጸመባቸው መሆኑንና ሒሳባቸው በኢትዮጵያ ንግድ ባንክ በተለያዩ ቅርንጫፎች በመሆኑ፣ ትክክለኛ የገንዘቡ መጠን ባይታወቅም ገቢ እንዲሆን መደረጉን ምንጮች ገልጸዋል፡፡

አቶ ከበደ ተሰራ በንብ ኢንተርናሽናል ባንክ በተለያዩ ሒሳብ ቁጥሮች አስቀምጠውት የነበረው በድምሩ 6,199,387.03 ብር፣ ባለቤታቸው ወ/ሮ አልማዝ ጫካ በሦስት የተለያዩ ሒሳቦች በድምሩ 1321.95 ብር፣ ወ/ሮ አልማዝ ጫካ (የአቶ ከበደ ባለቤት) እና ወ/ሮ አልማዝ ሁለቃ (የአቶ አየለ ባለቤት) በጋራ 10 ብር ያስቀመጡ ሲሆን፣ ቀሪው በሁለት የተለያዩ ሒሳብ ቁጥሮች የተቀመጠው ገንዘብ የአቶ አየለ ደበላ ነው፡፡

“የባለሀብቶቹ ገንዘብ በፍርድ ቤት ውሳኔ ለገቢዎች ተፈርዶ ብሆን እንኳን  ባንክ ቤት ያለፍርድ ቤት ትዕዛዝ፤ ለተፈረደበት ወገን የፍርድ ትዕዛዙን ሳያሳውቅ የገንዘብ ዝውውር ሊያደርግ አይችልም ነበር” ያሉት አስተያያት ሰጭዎች “ይህ ሁኔታ የስርዓቱን አይን ያወጣ ዘራፍነትን የሚያጋልጥ ነዉ” ብለዋል ።