Dr, Nagaasoo Gidaadaa Waggoota 20 guutuu rafaa akka turee fi amma ammoo dammaquu isaa beeksise.

Hogganaan dhaaba maxxannee Wayyaanee OPDO fi President Ethiopia duraanii Dr,Nagaasoo Gidaadaan Wayyaanota(Mallas Zeenaawwii)n gowwomfameera,haxxummaan isaa har’a naaf gala jedhanii kitaaba barreessan. Kitaaba isaanii kana irratti Dr,Nagaasoon reefu waggaa 20 booda akka haxxummaan Wayyaanee isaaniif gale beeksisuun isaa namoota hedduuf koflaa fi raajii haatahu iyyuu malee waanneen burjaajii siyaasaa Wayyaanee keessa jiru ibsuun isaanii hin oolle.

Dr.Nagaasoo Gidaadaa kitaaba tibbana ’’ Daandii Nagaasoo’’  jedhanii baaseen ‘’Mootummaan Waayyaanee Jalqabuma irraa kan badeedha’’  jedhanii Hiccitii Mootummaa Waayyaanee dhoksaa gola diinaa waa’een Taamiraat Laayinee,Waa’een Siyyee Abirahaa,Waa’een Pirezidaantummaa isaanii ,Waa’een Asteer Maammoo ,Waa’een Raadiyoo Faanaa,Waa’een Daggafaa Bulaa,Waa’een Abbaaduulaa Gammadaa fi waa’een tooftaa bittaa waayyaanee Tigiraayi utuu tokko illee hin hafin dhoksaa gola diinaa bakkee yaaseera jedhanii maxxansan.

Waa’een Taamiraat Laayinees akkuman duraan gabaasa dheeraa keessatti waa’ee malaammaltummaa Kaadiroota Tigiree fi Bitamtoota Oromiyaa keessatti dhiyeessee ture, waa’een hidhamuu Taamiraat Laayinee Sababii Malaammaltummaa Tigiroota Caalaatti hojjeteef yokin  dhuguma maatii isaa yakkee yokin seera dhaabaa EPRDF cabsee utuu hin taane haaloo Tigirooti TPLF/EPRDF faayidaa isaanii eeguufii dideef irratti qabatan qofaaf akka ergamaa seexanaatti hidhaa cimaa keessatti gatamuu Taamiraat Laayinee Dr.Nagaasoon dhoksaa isaa inuma gadi y kitaaba isaanii irratti gadi yaasanii jiru.

Kan Dr.Nagaasoon Gowwomfameera jedhan ’’Jalqaba irratti Mootummaa ce’umsaa booda yeroo Mallas Ministeera Muummee  fi Dr.Nagaasoon immoo Pirezidaantii ta’utti Mallas wanta xalayaa barreessee hojjetu hundumaa irratti  Chaappaa TPLF tiin fayyadameetu sobee dhuma isaa irratti chaappaa EPRDF waanan argachuu dhabeef chaappaa TPLF tiin fayyadamuuf dirqameera’’ jedhee waggoota baayyeedhaaf hojii mootummaa Itiyoophiyaa maqaa TPLF qofaan fayyadamuudhaan qarshii biiliyoonaan lakkaa’amu gara Tigiraayitti dhangalaasaa yeroo ture ani irratti dammaquu hin dandeenye, dhuguman se’e malee haxxummaan Mallas dafee naaf hin galle ture jedhe Dr.Nagaasoon.

Addumaan Mootummaan Waayyaanee sirna bittaa ishee yeroo diriirfachuu jalqabdetti’’ Taamiraat Laayinee Lammii Guraagee qarshiidhaan bittee Paartii Mootummaa Waayyaanee Naannoo Amaaraa bulchu irratti dura taa’aa gochuun itti fayyadamuu ishee Ummati Amaaraa yakka irratti raawwatame har’a hiccitii Dr.Nagaasoon bakkee baasaniin baruudhaan FDBGtiif kaka’aa jiraachuun barame. Kana irraa ka’uudhaan inni barattootnii fi uummati Oromoo Yeroo Abbaan Duulaa inni Alii Hasan jedhama ture sun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa jedhamee Muudame Inni Oromoo waan hin taaneef nu bulchuu hin danda’u jechuudhaan mormiin hiriira nagaan dhageessifatamaa ture sirrii ta’uu isaas Dr.Nagaasoon caqasaniiru.

Walumaa gala Kitaabi Dr,Nagaasoo kun mata duree “Daandii ye-Negaso menged” jedhee afaan Amaaraan bahe akka irraa hubatamutti Dr kun waggoota 20 Wayyaaneen biyya bitaa turte rafaa turanii reefu dammaquu isaa kan muldhisu dha. Baroota 20 kana keessa ummati oromoo yeroo ajjeefamu,hidhaa tti dararamu,qe’ee irraa buqa’ee waan nyaatu dhabu,dachiin irratti gurguramu san hunda Dr,Nagaasoon hiriba guddaa keessa akka turanii amma yeroo dammaqan kanas rakkoon saba Oromoo itti muldhachuu dhabee,hegereen Oromoo garamitti akka deemu arguu dhabee waan Wayyaanee keessatti hamee fi gumgummii walii isaanii jidduu bali’aan katabanii jiraachuu mul’isa.

Gabaasa Qeerroo tokko  Finfinnee irraa

Oromummaa fi Oromiyaaf dubbachuun Yakka Jedhee Mootummaan Waayyaanee Oromoota digdama murtoof dhiheesse:

Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Adoolessa 25,2011/ Mootummaan waayyaanee  ‘’humna EPRDF  biyya bitee jiru tuqan’’  jechuudhaan, miseensummaa ABOn shakkamu jechuun waan qabatamaa tokko malee Oromoota 20 mana murtii federaalaa Waayyaaneetti yakkaan dhiyeesse.

Abbaan alangaa mootummaa Waayyaanee lakk.galmee himannaa yakkaa 555/03 Galmee Geetinnat Gammachuufaa jechuudhaan namoota 20 yakkaan dhiiyeesse. Yakka inni ittiin himate lakkoofsa yakkaa 329(1)A ,38(1) fi 241 kan mootummaan Waayyaanee mormitoota siyaasaa kan akka ABO ittiin yakkuuf seera ofiif baafate irratti hundaa’uudhaan  ta’uu beeksisee jira. Kanas Gaazexaan Bariisaa Adoolessa 22 bara 2011 bahee fi gaazexootni dhuunfaa balballoomsanii  akka jiran beekama.

Sababiin Yakka jedhamee Obbo Geetinnat Gammachuufaa irratti dhiyaate:

1ffaa:Dhaaba mootummaan Itiyoophiyaa morman  akka ABO tti miseensa waan ta’aniif,

2ffaa:Dhaaba ABO f miseensota filanii waan ijaaraniif/gurmeessaniif

3ffaa:Odeeffannoo dhaaba ABO wajjin waan wal jijjiiraniif,

4ffaa:Dhaabbata ABO qarshii fi materiyaalii garagaraan waan deggaraniif/gargaaraniif

5ffaa:Walumaa gala  ‘’kaayyoo Mootummaa Itiyoophiyaa rakkina irra buusu isa qabatee jiru ABO keessatti hirmaannaa qabu’’  jechuudhaan,

Sababii kanaaf ‘’yakka olaanaa ‘’ jechuudhaan yakkaman jedhee doorsisa abdii kutannaa dhiheessa.

‘’Himatamtooti shakkamtoota ‘’ jedhamanii Obbo Geetinnat Gammachuufaa dhiyaatanii  kara Abukaatota isaanii mormii isaanii galmeeffataniiru.

Abaan Alangaa Mootummaa Waayyaanee ,Mormiin shakkamtooti dhiyeeffatan ragaadhaan kan hin deggaramne waan ta’eef manni murtii mormii isaanii kufaa godhee raga isaan irratti akka fuuchuu eegalu/jalqabu gaafateera.

Manni murtii federaalaa dhaadacha guyyaa kana Adoolessa 22 bara 2011 Ooleen ‘’mormii shakkamtootaa’’ fi ‘’mormiin isaanii kufaa haa ta’u ‘’ isa Abbaan Alangaa mootummaa Waayyaanee jedhe erga dhaggeeffatee booda:

Shakkamaa tokkoffaan karaa abukaatoo isaa mormii dhiyeeffateen ’’Yakkamaan kun yakka kana fakkaatuun himatamee utuu deemsa irra jiruu Sadaasa  16 bara 2001 A.L.H labsii irratti hundaa’ee dhiifamaan waan gadi dhiifameef yakka tokkicha sanaan yeroo lama himatamuu/yakkamuu hin qabu’’ isa jedhameef  ‘’ shakkamaan kun galmee dhiifamaan ittiin gadi dhiifame(galmeen himata yakkaa inni yeroo sana dhiifamaan ittiin ba’e yokin gadi dhiifame)’’ dhaadacha kana irratti  waan hin caqasaminiif/waan hin yaadachiisiniif manni hidhaa galmee sana mana murtiif dhaadacha itti aanu irratti akka dhiyeessu ajaji kennameera.

Himatamaa shakkamaa salgaffaan  ‘’Yakka wal fakkaatuun yakkamee/himatamee manni murtii walii gala Oromiyaa bilisaan waan gadi dhiiseef lammata yakka kanaan himatamuu/yakkamuu hin qabu’’  jechuun kara abukaatoo isaa mormii dhiyeeffateef ;Murtoon manni murtii waliigala Oromiyaa ittiin bilisaan gadi dhiise sun Dhaadacha Kana irratti Afaan Oromoon waan dhiyaateef Abukaatoon isaa gara Afaan Amaaraatti hiikuudhaan dhaadacha itti aanu irratti akka dhiyeessu manni murtii Federaalaa TPLF guyyaa kana  dhaadacha geggeessaa ture ajaje.

Akkasitti  manni murtii kun galmee kana sakatta’ee ‘’Mormiiwwan Shakkamtooti dhiyeeffatanii’’ fi  ‘’kufaa naaf haa ta’u ‘’ isa Abbaan Alangaa Mootummaa Waayyaanee gaafate irratti murtii kennuudhaaf Hagayya 4 bara 2011 irratti beellama qabatee dhaadacha guyyaa kanaa raawwateera.

Kana malees yeroo ammaa guutummaa Oromiyaa keessatti bakkoota qaqabnee gabaasuu hin daneenye mara qoteebulaa fi hojjetaa akkasumas qeerrolee Oromoo heddumminaan hidhamaa akka jiran gabaafama. Sochiin qeerroo bilisummaa ummata Oromoo qabatee bakkoota adda addaatti akka qabatee jiruun mootummaan TPLF naasuu kanaa bakka hundatti bobba’ee tohachuu dadhabuun raafamaa jira.

Qabson itti fufa ! Gabroomsaan ni kufa!