Dabballooti Wayyaanee Ummata Saamsisaa Jiran!

(Qeerroo, Amboo, 25 Adoolessa 2011) Godina Shawaa Lixaattii dabballoonni OPDO halkan wal qindeessuun ummataa fi daldaltoota saamaa fi saamsisaa akka jiran ibsame.

Qeerroon akka gabaasettii, namoonni maqaan isaanii Gareen 1ffaa Kabbadaa Qoroo miseensaa fi aangawaa waajjira milishaa Onaa Midaa Qanyii, kan yeroo hedduu sabboontota Oromoo dararaa ture, jalatti ijaaraman halkan dhokatanii ummata saamaa fi saamsisaa jiran.

Ergamtooti OPDo kunneen hattoota kurfeessuun halkan ummata saamaa fi samsiisaa kan turan yammuu ta’u,  gochaan isaanii waan isaan irratti beekameef yeroo ammaa kanaa humna poolisaa godina Shawaa Lixaatiin  to’atamanii waajjira poolisaa godina Shawaa Lixaatti akka argaman beekameera.

Kana malees, maqaa ABO fi Qeerrootiin kanneen ummata saamaa fi saamsisaa turan keessaa Gareen 2ffaa namaa Tamasgeen Damissee jedhamuu, kan hojjetaa puulii ijaarsaa Onaa midaa Qanyii kan turee fi yeroo hedduu hattoota qindeessuun qonnaan bultootaa fi daldaaltoota saamaa fi saamsiisa kan turee ta’uun beekamee jira.

Saamtonni kunneen kan yeroo dheeraaf dabballoota OPDO ta’anii ummata hiraarsaa jiran kunneen haala kanaan garee uumanii torbee kanaa keessaa Onaa Midaa Qanyii fi Calliyaa Geedoo gidduu fi Onaa Iluu Galaan gidduuttii uummaata saamaa fi saamsisaa otuu jiranii bira gahamee akka ta’atamanis gabaasaan Qeerroo dabalee hubachiisee jira.

Haata’uutii, mootummaan wayyaanee samtoota[hattootaa] kana to’achuu dhiisee sabboontotaa nagaa hidhaa fi dararaa akka ture kan gabaase Qeerroon, ammas maqaaf malee murtiin dhugaa dabballota OPDO kana irratti akka kennamu waanti mirkaneessu akka hin jiirre eeree jira.

Qeerroon Ummata Dammaqsuu Itti Fufan!

(Qeerroo, Amboo, 25 Adoolessa 2011) Sabboontonni Qeerroo Oromoo Godina Shawaa Lixaa, Onotaa Caalliyaa, Geedoo, Midaa Qaanyii fi Amboo keessatti dirqama isaanii ga’ummaan bahachaa jiraachuun gabaasame.

Gabaasaan Qeerroo akka hubachiisetti, Ilmaan Oromoo balleessaa tokkoo malee  hidhamuun akka dhaabbatu, kanneen hidhamanis akka hiikaman bulchiitoota Onaa isaanii gaafataa jiru.

Keessaayyuu, dabballooti OPDO siyaasa wayyaaneen gowwoomfamanii ummata isaanii miidhaa turan gochaa diinummaa irraa deebi’anii gaaffii mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuu keessatti akka qooda fudhatan barumsi kennamaafii akka jiru beekamee jira.

Qeerroon yeroo ammaa kanatti ummati keenya mirga abbaa biyyummaa sarbamuun, qe’ee isaa keessatti akka malee hiraarafamaa jiraachuun yoo furmaata hin arganne badiin caalu akka dhufuu malu dabballoota Wayyaaneetti himaa jiran.

Dabballooti Wayyaanees, otuu garboomfataaf ugguumanii ummata isaanii hiraarsaa jiranii, mootummmichi yeroo fedhetti isaanis qabee hidhaa jiraachuun maalummaa sirna sanaa ifatti kan saaxilu ta’uu barsiisaa kan jiran miseensoti Qeerroo, haala kana jijjiiruuf dhalli Oromoo marti karaa danda’een walqabatee akka hojjatus dhaamsi darbaa jira.

Kana malees, srini wayyaanee kaayyoo dheeraa Oromoo fi Oromiyaa deegsuu baafatee hojjachaa akka jiru kan himan miseensoti Qeerroo, sirna orom-nyaataa kana  gamtaan buqqisuuf, dabballoti OPDO Qeerroo waliina akka dhaabbatanii wayyaanee dachee Oromiyaa irraa buqqisan itti himaa akka jiran gabaasti Qeerroo ni hubachiisa.