(Gabaasa Qeerroo, Finfinnee, Adoolessa 22, 2011) Barattoota Oromoo seenaa gootummaa galmeessanii garaaf osoo hin taane sabaaf otuu hojjatanii humna wayyaaneetiin qabamanii mana hidhaa fi mana murtii Wayyaaneetti geessamaa jiran akka dhimma isaanii maatiin isaanii hin hordofne godhamuun beekame.
Maatiin barattoota kanaa gabaastuu Qeerroof akka ibsanitti, mootummaan Wayyanee mana Murtii Federalaa jedhee waamuu fi kan dabballooti Wayyaanee akka abbaa seeraatti ramadamanii murtii jalloo ilmaan Oromoo irratti murteessan irratti argamanii dhimma ilmaan isaanii hordofuu hin dandeenye ugguramanii jiru.
Akka kanaan gaafa Adoolessa 22,2011 barattoota mana hidhaa Qaallittii irraa gara dhaddecha Wayyaanee federaalaa kanatti geeffaman badiin, bakka warri hidhes tahe warri murtii tumus isaanuma tahee jiru mana seeraa Wayyaanottaa dhihaatanitti maatiin barattootaa kun akka bakka abbaan seeraa itti dhimma barattoota sanaa ilaalu jiru hin seennee fi yakka sobaa barattoota kana irratti dhihaate akka hin dhageeffanneef alatti dhorkamuun maatii barattootaa fi ummata deggersa barattootaaf argaman dheekkamsee jira.
Sababa kanaan dheekkamsaa fi diddaa guddaa mana murticha fuula duratti waan dhalateef jecha,waraanni Federaalaa dhaqabuun maatii barattoota kanaa yakka tokkoon malee gara mana hidhaatti guuranii jiru.
Haala kanatti kan dalansuu godhatan Oromoonni kaan daanyotaa fi polisoota waliin sirnii fi mirgi dimokraasii guutuutti Ethiopia keessa akka hin jirree fi guyyaa tokko yakka godhan kanatti akka gaafatamuuf deeman itti himuun qeerroon naannoo sanatti argame gabaasa.
Barattooti guyya kan mana seeraa sanatti dhihaatanis battala osoo murtiin kamuu hin kennamiin gara mana Hidhaa irraa dhufanitti deebisuu isaanii gabaasaan qeerroo Finfinnee addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!