Harmee Oromoo Boochisuun Itti Fufe.

(Qeerroo, Amboo, 22 Adoolessa 2011) Mootummaan murna bicuu, Wayyaaneen Qeerroo Oromoo adamsuu fi hidhuu itti fufuun, barattoota Oromoo magaala Amboo keessaa badiin tokkoo malee mana hidhaatti darbaa akka jiru gabaasame.
Gabaasaan Qeerroo Amboo irraa akka hubachiisetti, sirni Wayyaanee akkuma baroottan daraban Harmee Oromoo boochisaa turetti, ammas  Adoolessa 20,2011 barattooti Oromoo sadarkaa lammaffaa barataa turan badiin tokkoon malee magalaa Amboo keessaa qabamanii bakka jiran hin beekamu.
Akka gabaasa Qeerroo magaalaa Ambootti barattooti kun mana barnoota isaanii keessatti qaroo fi dammaqoo tahanii fi dhimmota miidhaa saba isaanii irra gahuu fi mirga dhala namaaf waan dubbataniif qabamani malee badii tokko illee hin qaban.  Maqaa barattoota kanaas
1.   Barattaa Ifaa Gaarii
2.   Barataa Eebbisaa Tulluu
3.   Barataa Caala Tolaa
4.   Barattaa Lata Kinfuu warreen jedhaman tahuu gabaasi qeerroo naannoo sanii ni addeessa.
Yeroo har’aa duula barattoota Oromoo fi qoteebulaa Oromoo hidhuutti kan bobba’e mootummaan Wayyaanee, hidhaa fi ajjechaan akkasumas ummata deegsanii hiyyoomsuun daran qabsoo Oromoo jabeessa malee furmaata gaaffii mirga ummata Oromoo akka hin taane dargaggoonni Oromoo bakka hunda irraa beeksisaa jiru.
Haala kana irratti Qeerroon Bilisummaa dhaamsa gabaabaa dabarseen hidhaa fi ajjeechaan kamuu Qeerroo jabeessa malee kaayyoo isaanii dubbatti hin deebisu jedhee jira.
“Oromoon jaarraa 16ffaa keessa biyya isaa alagaa irraa deebifatee, leelloo walabummaa goonfate har’a saba bicunn hiraarfamaa jiraachuun qaanessaa dha,” kan jedhe Qeerroon, kaka’umsa seenaa fokkotaa kana jijjiiruuf karaa Qeerroo haaromfame waanti duubatti deebisu akka hin jirre hubachiiseera.
“Qeerroon dhaloota haaraa egeree biyyaa ti. Qeerroon biyyaa fi biyyee garbummaan dhaalamte bara baraan jiraachisuu hin fedhan. Qeerroon irra deebi’ee kan dhaamu, hidhaan nu hin balleessu; kaka’umsa keenyas hin laamshessu. Inumaayyuu, kaayyoon keenya hagam jabaa fi haqa irratti akka hundaa’e mirkaneessa.” jedhee jira.

QABSOO-DHA MAQAAN ISAA*

 Taammanaa Bitimaa

Isa kuffifamee lafarra ciisu
Silaa tolaan jarri isan-dhiisuu
Bakka itti-kufee olkaasee
Sansalata irraa babbaasee
Kan akka ejersaa isa dhaabu
Seerri-saanii-woo isan dhaabuu
Qabsoo-dha maqaan isaa
Gonfachiisaa bilisaa!

Qabsoo-dha maqaan kansaa
Dachee hunda biyyisaa
Keessumaa qabsoo bilisummaa
Kan caccabsee darbatu
Harqoota kan gabrummaa
Isa guutuu taasisu
Nameenya kan namummaa!

Iddootti kufee olkaasee
Kiyyoo mormarraa baasee
Madaasaa irraa haqee
Raammoo isa madaa keessaa
Nyanyaata akka bineensaa
Irraa mimmicirqisee
Nama nama taasisa
Bineensarra olcaalchisa!

Inni nama sanyiin hin qoqqobu
Dabalees amantiin hin qoqqoodu
Aadaan addaan hin baasu
Bifaan gargar hin yaasu
Hunda ija takkaan laala
Cufaaf mirgasaa abbala
Isa abbaan walqixxeessaa
Saboota addunyaa keessaa!

Injiree nurraa micirqisee
Hinjirree nurraa dhidhimsee
Yeeyyilee nurraa bittimsee
Shilmiis saawwanirraa harcaasa
Daanawoos gumbii keessaa baasa
Gabrummaa qabeetoo rarraasa!

Kan Oromoos qabsoo
Kan Kuush kaanis qabsoo
Keessumaa qabsoo sabaa
Kuffifamaa-dha ol-qabaa!

Oromoo, yaa abbilee
Oromiyaa, yaa harmilee
Erga qorichi qabsoo ta’ee
Erga malli tokkummaa ta’ee
Haa qabsoofnu tokko taanee
Hidhannee manaa baanee!

Obbolummaan waltaanee
Hidhannee manaa baanee
Warra Kuushiin waltaanee
Bakka kufnee olkaanee
Imimmaan walirraa haquun
Obbolummaan walolqabuun
Karchallee wajjin diignee
Roorroo walirraa dhiibnee
Hayyee, qabsoo-dhaan galma keenya geenya
Sansalata malee, guyyum tokkollee teenya!

Yaa Oromoo, aadaan-kee bubburree
Ilaa, biyyi-kees sonaan cocorree
Akka nafxanyoota asittis “iskistaa”
Achittis “iskistaa”, mitii sirboonni-kee
Biddeenuma callaasoo, miti nyaanni-kee
Of-tuullummaa fi sanyummaa miti yaanni-kee!

Atoo qaccee Leenjisaa Diigaa-tii
Atoo diroo Elemoo Qilxuu-tii
Eekaa sanyii Taaddoo Birruu-tii
Maarree lammii Abbishee Garbaa-tii
Mataa gadqabachuu
Eessaayyi barattee
Oromo-sodaan beekuu
Kan eessaayyi argattee?

Oromoo uummata kiyya
Uummata-koo uumee tiyya
Yaa safuun guddisa-koo
Abbaa dhugaa lubbuu-too
Atiwoo galaanaa
Jarri maa si dhaana?
Maaf dhaana dirra-kee
Maaf waxala miila-kee?

Ol-ka’i uummata kiyya
Walta’i yaa saba kiyya
Xiqqaa-guddaan waltayii
Alaa-manaa walgayii
Harqoota gabrummaa caccabsi
Sansalata ciccirii darbaddhu
Galma-kee ni geessa abdaddhu!

Ni mootaa, ni mootaa daran abdaddhu
Dhalawwan-kee mara walitti qabaddhu
Sabbata-kee jabeessitii hidhaddhu
Aayyoo ka’ii, siiqqeen joollee-tee labsaddhu
Oromiyaa iyyii, ilmaan Kuush waammaddhu
Mirgaan mancaa qabaddhu
Bitaan wantaa qabaddhu
Oljedhi-kaa waanjoo ofirraa darbaddhu
Biyya biraan qabduu Oromiyaa jaarraddhu!

Barliin – 16. 06. 09

************* Hubachiisa **************

* Walaloon kun gaafa 02.08.09 Kora Waldaa Qorannoo Oromoo, jechuun kan OSA isa dira Atlaantaa, Biyya Ameerikaa keessatti adeemsifame irratti kan uummataaf dubbifame ture. Silaa barri kun bara qabsoo uummatoota Afrikaa Kaabaa fi Jiddugaleessa Bahaa-tii, kunoo ijoolleen Oromoos, dhaloonni qubee gabroomfattoota Habashaa irratti fincilaa jirtii, mee walaloo kun isaaniif: mararfannoo, rajeeffannoo, jajjabeessii fi bira-dhaabbannoo haa tahu!