Jiddu Galeessa Oromiyaatti Sochiin Qeerroo Bilisummaa Qonnaan Bultoota Dabalatee Itti Fufe.

(Gabaasa Qeerroo, Miidhaa Qanyii, Oromiyaa, Adoolessa 20, 2011)Godina Shawaa lixaa Onaa Midaa Qaanyiittii qonnaan bultoonnii  Oromoo fi dargaggoonni Oromoo FDG kaasaniin dhaaba jalee Wayyaanee OPDOn akka faaydaa hin qabne beeksisan.

Qonnaannaan bultooti finciloota Qeerroon itti fufan cinaa dhaabbatanii gaaffii abbaa biyyummaa fi walabummaa biyyaa gaafataa jiran kun osoo OPDOn maqaa Oromoon Oromiyaa keessa jirra jettuu Wayyaaneen mootummaa Federaalaa kan jedhuun guyyuu Qabeenya ummataa samuu fi dachii irratti gurguruu balaaleffachuutti jiran.

Kana malees, yeroo irraa gara yerootti dhaloota Oromoo keessaa isaan gaaffii mirgaa uumamaa gaafatan  hidhaa,  abbaa barbaadus biyya aarihaa kan jiru Wayyaanee waan ta’eef  faaydummaan OPDO akka hin jirre kan ibsan qonnaan bultooti kunneen, OPDOn barbaachistuu miti,  nurraa haakaatu, dhaaba maqaa Oromoon daldalu waan taheef bakka nu bu’uu hin dandayu  jechaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira.

Qonannaan bultoonni ona Midaqanyii  FDGf  gandoota gara garaa keessatti walitti dhufuun OPDO onichan isiin aangoo hin qabdan yeroo ilmaan keenya mootummaan feederalaa yeroo barbaadeetti akka barbaadetti balleessaa tokkoo malee hidhee daraaru ga’een keessaan maaliidhaa?

Ilmaan oromoo hisisaa,kana biraan immoo jireenyaa nutti qaalessitan gaatiin xaa’oo humna keenyaa ol nuti ta’ee ,waan ittin xaa’oo binnee facaasannuu dhaabnee utuu rakkannuu nuti mootummaa keessaanii isiin bulchiina nun jechuu hin dandeessaan isiin ofii keessaaniifuu aangoo hin qabdan jechuun gadoota garaagaraa keessaattii qonnaan bultoonnii OPDO balaaleeffachuun  FDG’n itti  fufanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!