(Qeerroo, Finfinnee, 17 Adoolessa 2011) Mootummaan Wayyaanee Sodaa Finiclla diddaa gabrummaaf jecha qabeenyi mootummaa gara dhuunfaatti gurguraa jiraachuun beekame; qabeenya mootummaa kanas maqaa dhuunfaatiin kan bitataa jiran dabballoota Wayyaanee ta’uun beekamee jira.
Maddi Oduu Qeerroo akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee finciloota biyyoota Arabaa fi Afrikaa Kaabaa keessatti taha jiruun hodofee biyya Ethiopia keessatti fincilli barattootaa fi ummata Oromoo keessattuu qeerroon itti fufee jiru mootummaa Wayyaanee haalaan yaaddessuu isaa argaa jirra.
Haallen mootummaa Wayyaanee aangoo irraa buqqisan dhiyaachaa jiraachuun kan isa yaaddesse mootummaan Wayyaanee, jidduu kana baayyee jeeqamee waan jiruuf yoo fincilli biyya Ethiopiaa jedhamtu kana keessatti ka’e qabeenyi mootummaa jedhamu ni saamama sababa jedhuun Qabeenya mootummaa haala hatattama taheen gara dhuunfaatti deebisaa jira.
Akka kanaan Mootummaan Shiraa Abbaa Irree Waayyaanee moggaasetti ‘’Dhaabbatoota Misoomaa Mootummaa’’kan jedhaman sobaan ‘’abboota qabeenyyaa dhuunfaatti gurguramaniiru ‘’ jechuudhaan ‘’Kaadirootaa Mootummaa Waayyaanee keessaa ‘kan qabsaa’ota TPLF/EPRDF warra duraanii jedhamanii beekamaniif’’tolaan hireefi. Dhaabbatoota kana lakkoofsa konkolaataa isaanii 4 irraa gara 3tti jijjiiruun kana dhuunfaa fakkeessuun qabeenya uummataa biiliyoonaan lakkaa’amuu wajjin kanneen kaadiroota Waayyeenee Tigiraayiif Hiraman keessaa muraasi isaanii kanneen kanatti fufanii jiraniidha.
1) Daandii Markabaa Itiyoophiyaa
2) Fana Broadcasting Corporate S.Co (Maqaa Moofaa: Raadiyoo Faanaa)
3) Mana Bishaan Ho’aa Dhiqannaa Dhagnaa yokin Amaariffaan:Fiwul Wuha(Hot Water Shower)
4) Dhaabbata Buufata Qooraa Itiyoophiyaa(Dry Port),
5) Artistic Printing Press,
6) Warshaa Biiraa Beddellee
7) Warshaa Biiraa Harar
8) Warshaa Bishaan Albuudaa Amboo
9) Warshaa Nyaataa Dirre Dawwaa(Dire Dawa Food Complex)
10) Ethiopian Telecommunication
11) Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa
12) Waldaa Ogeeyyii Seeraa Dubartoota Itiyoophiyaa
13) Dhaabbata Paarkiiwwan Itiyoophiyaa
14) Waldaa Ikkoonoomsitoota Itiyoophiyaa
15) Warshaa Sibiilaa Qaallittii
16) Warshaa Indaastirii Qonnaa Sabbataa(Sabata Agro Industry),
17) Dhaabbata Hojii Ijaarsa Bishaanii Itiyoophiyaa
18) Hoteelota Mootummaa kanneen amma gara dhuunfaatti naannaa’an jedhaman
19) Dhaabbata Gargaarsaa fi Misooma Harar
20) Dhaabbata Daldalaa Hadiidii
21) Fooramii Jijjiirama Qilleensaa Itiyoophiyaa
22) Kolleejjii Siivil Seervisii Itiyoophiyaa
23) Dhaabbata Ti’aatirii Siniimaa Itiyoophiyaa
24) Dhaabbata Tiyaatirii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa
25) Dhaabbata Maxxansaa Birihaanii fi Salaam
26) Dhaabbata Tuurizimii Itiyoophiyaa
27) Dhaabbata Tamboo biyyooleessaa
28) National Motors Corporation
29) Dhaabbata Daldala Doonii Itiyoophiyaa
30) Ethiopian Coffee Forest Forum
31) Dhaabbata Warshaa Gogaa Itiyoophiyaa
32) International Trading Manufacturing and Service
33) Waldaa Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa
34) Ethiopian Pulp and Paper Organization
35) Warshaa Uffataa Aqaaqii
36) Warshaa Sibiilaa Aqaaqii
37) Ethiopian Public Health Association(EPHA)
38) Warshaa Zayitii Addis Moojoo fi kkf dha.
Qabeenyi mootummaa gurguramaa jiru kun hedduu ta’uu kan eere gabaasti Qeerroo kun, dhaabbatooti misoomaa, industiriiwwanii fi kanneen kana fakkaatan dhaabbatoota mootummaa qabeenyaa uummataa ta’anii utuu jiranii maqaa kan dhuunfaa ta’uu isaanii ibsu kan akka ‘’PLC,S.Co,fi kkfttii fi koodii lakkoofsa konkolaattota dhaabbata kanneenii 4 irraa gara 3tti jijjiiruun kaadiroota Mootummaa waayyaanee Tigiraayi TPLF dhaaf tolaan hiramaniiru.
Kanaa fi dhaabbatoota Mootummaa kan akka Korporeeshinii Humna Ibsaa Itiyoophiyaa, Dhaabbata Abbaa Taayitaa Bishaanii Itiyoophiyaa, Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa, Hoteelota Mootummaa, Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Buufata Qilleensaa Itiyoophiyaa, Dhaabbata Sanyii Filatamaa Itiyoophiyaa, Dhaabbata Meeshaalee Biyya Alaatti erguu fi Fichisiisu fi kkf kanneen lakkaa’amanii dhumuu hin dandeenye ilaalchisee gaaffiiwwan ka’aa jiru.
1) Dhaabbatooti misoomaa mootummaa kan turan hundi eenyufayi?eenyurraa fuudhaman?eenyufayi kan gara dhuunfaatti naannessan?Attamitti?Maaliif gara dhuunfaatti naanna’e? Seera isa kamiin?
2) Dhaabbatoota misoomaa kanneen baayyee qarshii olaanaa biiliyoonaan lakkaa’amu galchan irratti hoogganaa boordii olaanaa kan ta’an eenyufayi? Maalis hojjetan? Gidduu kanatti Tigiroota waajjiraalee kana geggeessaniin qabeenyi uummataa saamame,miliqfame,baayyinnii fi gosi qabeenya sanaa hammii fi gosi isaa meeqa?ken jedhu
3) Daldaltootni Tigiree waggaa 20 har’aa qabeenyaan kara dhumaa tokkoffaa fi negatiivii keessa turan qabeenyi isaanii yeroo sana baayyinnii fi gosi isaa hammam ture? Har’a eessaa fi eessa ga’anii biiliyeenarii fi miiliyeenarii kan ta’an meeqa?Maaliin achi ga’anii?? fi kkf gaaffii uummati bal’aan waayyaanota TPLF/EPRDF dhaaf dhiyeessuuf deebiin isaa rasaasa, hidhaa, ajjeechaa, ukkaamsaa, cunqursaa fi saamicha caalu uummata bal’aa irratti raawwachuu,abbaa irraa ajjeesuu fi hidhuun daa’imman warra malee ,ijoollee jalaa ajjeesuu fi hidhuun warra ijoollee malee, haadha irraa qabanii ajjeesuu fi hidhuun abbaa manaa haadha manaa malee fi daa’imman haadha malee hambisuu fi kkf ta’ee jira deebiin isaa.