Artisti Elemoo Alii fi Qooda Qabsoo Bilisumma Oromoo

(Qeerroo, Oromiyaa, 16 Adoolessa 2011) Artisti Elemoo Alii baroota dheeraaf qabsoo bilisummaa Oromoof  ogummaa isaan gumaacha akkuma jirutti, ammas diddaa Qeerroo tumsuun faaruu diddaa qeerroo bilisummaa leellisu gumaache.

“Hidhaanis jabaatu, qeerroon diddee kaate,” kan jedhu Aartisti Elemoon, dhaamsa isaa kana keessatti cunqursaan kamuu jabina diddaatiin akka buqqa’u hubachiisee jira.

Aarsaan qabsoo keessatti inni baase dargaggoota Oromoo kumaatamaan akka bilisummaa saba isaaniif qabsaayan kakaasuu keessatti qooda ol-aanaa qaba.

Arsitis Elemoo sochii keenya kan Qeerroo Bilisummaa Oromoo daran jabeessuuf gumaacha hojii artii godhee dhaamsa Dargaggoota Oromoo walii galaaf walleen dabarse as tuqaa dhageeffadha.

Artist Alemoo, maqaa SOCHII DARGAGGOOTA BIYYOOLESSAA BILISUMMAA FI DIMOKRAASII( QEERROON) guddifnee si galateeffanna.

Qabsoon Itti Fufa! Gabroomsaan ni Kufa!!