(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Adoolessa 12, 2011) Mootummaan Wayyaanee Ilmaan Oromoo seeraan ala hidhuu, ukkaamsuu fi himachuu itti fufe; torbee kana keessa ilmaan Oromoo torba humnoota tikaan hordofamaa turan dhabamuun isaanii beekamee jira.
Qeerroon akka gabaasetti, ilmaan Oromoo sobaan hidhuu fi hiraarsuu kaayyoo kan godhate mootummaan Wayyaanee labsii shororkeessaa baaseen dahatee dhaloota Oromoo egeree fi abdii biyyaa ta’an dhabamsiisuutti jira.
Akka kanaan gidduu darbe ilmaan Oromoo hedduu kanneen yeroo dheeraaf manneen hidhaa maa’ikalaawwii fi dhoksaa adda addaa keessatti hiraarsaa ture himannaa kijibaa itti banee erga mana murtii ofii to’atutti dhiyeessee eegalee karaa caasaa fi sabqunnamtii isaa olola itti banee jira.
Olola kijibaa kanaan wal qabatees biyyattii keessatti hidhaa fi ukkaamsaan babal’achuu isaa gabaasa bal’aa akka qabu kan ibse Qeerroon, ilmaan Oromoo torba kanneen yeroo dheeraaf humnoota tikaa Wayyaaneetiin adamsamaa fi hordofamaa turan gaafa Waxabajjii 19, 2011 irraa eegalee dhabamuu isaanii gabaasa argachuu isaa beeksisee jira.
Tokkoffaa, Gammachuu Anbassaa Waddeessaa barnoota olaanaan (BA degree in Accounting + distance learner of ACCA, Finance Dep’t kan qabuu dha. magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu dhaabbata German Leprosy and TB Relief Association hogganaa kan jiru dha. Otuu hin ukkaamsamiin duras, yeroo hedduu humnoota tikaa Wayyaaneetiin doorsisamaa akka ture kanneen isa beekan Qeerroof ibsanii jiru.
Gammachiis Garbaabaa Gurraachoo immoo ogummaa Diploma in Automechanics, Diploma in Law, Diploma Theology, kan qabu yoo ta’u, muuxannoo fo ogummaa qabuun project manager ta’ee magaalaa Holotaa keessatti NGO “Good Samaritan Training Center” jedhamu keessa kan hojjatuu dha. Ob Gammachiis Garbaabaas yeroo hedduu akka ergamaa wayyaanee ta’uuf gaafatamee waan dideef, sodaachisamaa akka ture kanneen ibsan ammas humnoota tikaa mootummaadhaan ukkaamsamuun akka hin oolee Qeerroof himanii jiru.
Kanneen gidduu kana ukkaamsamuun beekame keessa kan dhibii immoo
Asfaaw Daadhii Tufaa yoo ta’u, ogummaan isaa Athelet dha. Yeroo dheeraaf ‘Menar Athletics Club’, jedhamu keessatti fiigicha Marathon fi abbaa meetira 10,000 keessatti hirmaataa akka ture beekamee jira.
Kanneen achi buuteen isaanii dhabame keessaa arfaffaan, Girmaa Anbassaa Waddeessaa jedhama. Girmaan barnoota olaanaa kan “Road construction” jedhamu mana barnootaa “Addis Ababa Tegbare-ed”, jedhamu keessatti baratee qabxii olaanaadhaan kan eebbifame yoo ta’u, Finfinnee keessatti kan argamu dhaabbata Yetinayet Building Construction jedhamu keessatti Project Coordinator ta’ee hojjata ture.
Kan biraa Ayyalaa Alamuu Qana’aa kan jedhamuu dha. Ayyalaan barnoota olaanaadhaan BSC Degree in Computer Science,kan qabuu fi dhuunfaadhaan hojii ogummaa system administrator fi computer maintenance hojjachaa otuu jiruu akka dhabame gabaasamee jira.
Aadde Shittaayee Malaakuu Kitilaa immoo BA degree in Accounting kan qabduu fi Oromiyaa dhiyaa, aanaa Qilxu Kaarraa keessatti Internal Auditor of Indusry and urban development taatee hojjataa jirtu humnoota tikaa Wayyaanee ukkaamfamte. Yeroo amma bakki jirtu kan hin beekme yoo ta’u, sana duras yeroo hedduu doorsisamaa akka turte kanneen ishii beekan Qeerroof himanii jiru.
Ilmaan Oromoo kunneen yoo sabboonummaa isaaniitiin ta’e malee yakka kamuu kan hin hojjanne ta’uu qoratee akka bira gahe kan ibse Qeerroon, Abinnat Hailu G/Sillaasee, BA degree in Management kan qabduu fi kaampaanii dhuunfaa tokko keessatti human resource manager taatee otuu hojjataa jirtu magaalaa Finfinnee keessaa akka ukkaamfamte beeksisee jira.
“lammiilee hawaasa keessatti maqaa fi kabajaa gaarii qaban ukkaamsuu fi gara dabarsuun amala mootummaa Wayyaanee ti,” kan jedhe Qeerroon ibsa har’a baase keessatti, lammillee kunneen baraarsuuf dhaaboliin mirga dhala namaaf falman akka biramataniif, hawaasti addunyaa immoo mootummaa dhala Oromoo balleessuutti jiru kana callisee akka hin ilaalle gaafatee jira.
Keessaayyuu, ilmaan Oromoo egere biyyaa ta’an kanneen barumsa olaanaa qaban, kanneen beekumsaa fi ogummaa gurgurdaa qaban dhabamsiisuuf akeeka baafatee hojjataa akka jiru kan bira gahe ta’uu kan hubachiise Qeerroon, akkuma kana duraatti ammas manneen barnootaa olaanaa keessaa barattoota Oromoo ukkaamsuun akka itti fufee jiru hubachiisee jira.
“Dambaliin Ukkaamsaa Wayyaanee barattoota callaa irratti kan xiyyeeffatee miti,” kan jedhe ibsi Qeerroo, “Hojjattoota Oromoo muuxannoo fi ga’umsa olaanaa qaban, kanneen hawaasa keessatti amala gaarii qaba dhabamsiisuun akka haaraatti eegalee jira,” jedhee jira.
Akka kanaan, baatii shanii oliif achi buuteen isaa kan dhabamee ture, Tafarii Qajeelaa hiraarsaa fi reebicha olaanaa irra gahaa tureen booda torbaan kana keessa himannaa kijibaa itti banameen maa’ikalaawwii irraa gara Qaallittiit geessamee akka jiru beekamee jira.
Bitootessa 11, 2011 irraa eegalee achi buuteen isaa dhabamee kan ture, Tafarii Qajeelaa,hojjataa dhaabbata misoomaa Oxfam UK magaalaa Finfinnee keessatti argamuu yoo ta’u, ilmaan isaa shan irraa qabamee akka hidhaatti darbame beekamee jira.
Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanas ilmaan Oromoo bebbeekamoo fo sabboonoo ta’an caasaalee mootummaa federaalaa fi naannolee keessaa calaluu baasuuf iccitiin irratti hojjataa akka jiru odeessa akka qabu kan saaxile, Qeerroon yeroo gannaa keessa illee barattoota manneen barnootaa olaanoo boqonnaaf maatii isaanii biratti deebi’an akka hordofaniif humnooti tikaa fi basaasaa bobbaafamuu isaanii bira gahuu isaa ibsee jira.
Haallen walxaxoo akkanaa qabsoo diddaa keessatti mul’achuu akka malan kan eere, ibsi Qeerroon kun, “Yeroo mara mootummaan ummata bulchu irraa abdii hin qabne gochaa gara jabinaan guutame mara fudhachuun beekama. Qeerroonis haala kana hubatanii of-eeggannoon hojjachuu qaban,” jedhee jira.
“Ba’aa garbummaa ofirraa buusuuf wareega gaafatu kamiyyuu baasuun dirqama kanneen garbummaa didanii ti,” kan jedhe dhaamsi Qeerroo dhuma irrattis, “wareega fedhe gaafatus, guyyaa bilisummaa dhiyeessuu fi umurii garbummaa gabaabsuuf diddaan keenya kan hundee garbummaa ciru sadarkaa sadarkaan itti fufa! Hundeen sirna ukkaamsaas diddaa garbummaan burkutaa’a,” jedheera.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk