የወያኔ መንግስት ከኦሮሞ ባለሀብቶች ከ40 ሚሊዮን ብር በላይ ዘረፈ

(የቄሮ ዜና ምንጭ /ቄዜም/ ፍንፍኔ ሀምሌ 12፣2011) የወያኔ ሽፍታ ቡድን በኦሮሞ ባለህብቶች ላይ የሚፈጽመዉ ዘረፋ በግልጽ እየተባባሰ መሆኑ ተዘገበ።

የቄሮ ዜና ምንጭ ከፍንፍኔ እንደዘገበው በወያኔ ገቢዎችና ጉምሩክ ባለሥልጣን ዓቃቤ ሕግ ተከሰው በእስር ላይ የሚገኙት አቶ አየለ ደበላ (አይኤምኤፍ)፣ አቶ ገብረ ኪዳን ገብረ ሥላሴ (ሞሮኮ)፣ አቶ ከበደ ተሰራ (ወርልድ ባንክ) እና አቶ ሌንጫ ዘገዬ በባንክ ያላቸው ከ40 ሚሊዮን ብር በላይ ወደ ወያኔ ሒሳብ እንዲዛወር መደረጉ ታወቋል፡፡

ከወያኔ ገቢዎችና ጉምሩክ ባለሥልጣን በተጻፈ ደብዳቤ ከሰኔ 23 ቀን 2003 ዓ.ም. ጀምሮ አቶ አየለ ደበላ፣ ወ/ሮ አልማዝ ሁሉቃ (የአቶ አየለ ባለቤት)፣ አቶ ከበደ ተሰራ፣ ወ/ሮ አልማዝ ጫካ (የአቶ ከበደ ባለቤት)፣ ወ/ሮ አልማዝ ሁሉቃና ወ/ሮ አልማዝ ጫካ በጋራ በንብ ኢንተርናሽናል ባንክ አክሲዮን ማኅበር በተለያየ የሒሳብ ቁጥር አስቀምጠውት የነበረ በድምሩ 40,747,259.75 ብር፣ ወደ ወያኔ ካዝና ሒሳብ ከሰኔ 25 ቀን 2003 ዓ.ም. ጀምሮ ገቢ መደረጉን ለጉዳዩ ቅርበት ያላቸው ምንጮች አስታውቀዋል፡፡

ታሳሪዎቹ በተከሰሱበት ወንጀል በወያኔ ከፍተኛው ፍርድ ቤት የተጣለባቸውን የእስርና የገንዘብ ቅጣት በመቃወም ለወያኔ ጠቅላይ ፍርድ ቤት ይግባኝ ጠይቀዉ ጉዳዩ በመታየትም ላይ ነው፡፡

ይህ በእንዲህ እንዳሌ የወያኔ ዘራፍዎች ለማንም ምንም ሳያሳውቁ የግለሰቦቹን የባንክ ሒሳብ ወደ ራሱ ሒሳብ እንዲዛወር አድርጓል ። ድርግቱ ግን በህገ_ወጥ የተደረገና ባለህብቶቹም ምክንያቱን እንደማያውቁ  ለምንጫን ገልጸዋል፡፡

‹‹ገንዘቤን በአደራ አስቀምጥልኝ›› ተብሎ የተሰጠው ባንክም፣ ለባለቤቶቹ ሳያሳውቅ አድርግ የተባለውን ማድረጉ አግባብነት የሌውና በሕግም ተገቢ እንዳልሆነ እምነት እንደሌላቸው የገለጹት እነዚህ ምንጮች፣ ሁለቱንም ወገኖች ለማነጋገር ቢሞክሩም ምላሽ የሚሰጣቸው ማጣታቸውን ተናግረዋል፡፡

ምናልባት በፍትሐ ብሔር የተከሰሱበትና የተጠየቁበት ሁኔታ እንዳለ ተጠይቀው፣ ባለሥልጣኑ ከፍተኛ የሆነ ግብር እንዳለባቸው መጠየቁን አስታውሰው፣ የጠየቀው ግብር በተዘጉና ፈቃዳቸው በተመለሱ ድርጅቶች መሆኑን ቀርበው ማስረዳታቸውን ይናገራሉ፡፡

በፍትሐ ብሔር በኩል ጥያቄ የሚቀርብ ቢሆን እንኳን መጥርያ ደርሷቸው ሊከራከሩና መጨረሻው ታይቶ ውሳኔ መሰጠት ሲገባው፣ ያለምንም ማስጠንቀቂያና አፈጻጸም ሒሳብ እንዲዛወር ማዘዝ ‹‹ተገቢ ነው›› ብለው እንደማያምኑ አስረድተዋል፡፡

አቶ ገብረ ኪዳን ገብረ ሥላሴና አቶ ሌንጫ ዘገዬም ተመሳሳይ ድርጊት የተፈጸመባቸው መሆኑንና ሒሳባቸው በኢትዮጵያ ንግድ ባንክ በተለያዩ ቅርንጫፎች በመሆኑ፣ ትክክለኛ የገንዘቡ መጠን ባይታወቅም ገቢ እንዲሆን መደረጉን ምንጮች ገልጸዋል፡፡

አቶ ከበደ ተሰራ በንብ ኢንተርናሽናል ባንክ በተለያዩ ሒሳብ ቁጥሮች አስቀምጠውት የነበረው በድምሩ 6,199,387.03 ብር፣ ባለቤታቸው ወ/ሮ አልማዝ ጫካ በሦስት የተለያዩ ሒሳቦች በድምሩ 1321.95 ብር፣ ወ/ሮ አልማዝ ጫካ (የአቶ ከበደ ባለቤት) እና ወ/ሮ አልማዝ ሁለቃ (የአቶ አየለ ባለቤት) በጋራ 10 ብር ያስቀመጡ ሲሆን፣ ቀሪው በሁለት የተለያዩ ሒሳብ ቁጥሮች የተቀመጠው ገንዘብ የአቶ አየለ ደበላ ነው፡፡

“የባለሀብቶቹ ገንዘብ በፍርድ ቤት ውሳኔ ለገቢዎች ተፈርዶ ብሆን እንኳን  ባንክ ቤት ያለፍርድ ቤት ትዕዛዝ፤ ለተፈረደበት ወገን የፍርድ ትዕዛዙን ሳያሳውቅ የገንዘብ ዝውውር ሊያደርግ አይችልም ነበር” ያሉት አስተያያት ሰጭዎች “ይህ ሁኔታ የስርዓቱን አይን ያወጣ ዘራፍነትን የሚያጋልጥ ነዉ” ብለዋል ።

የወያኔ አገዛዝ በእስረኞች ላይ የሚፈጽመዉ ሰቆቃ እያተጋለጠ ነው

(የቄሮ ዜና ምንጭ /ቄዜም/ ፍንፍኔ ሀምሌ 12፣2011) የዘረኛው መለስ ዜናዊ አገዛዝ በታሰሩ የኦሮሞ እና ሌሎች የፖለቲካ እስረኞች ላይ የሚፈጸመው ሰቆቃ የሚያጋልጥ ባለ 24 ገጽ ሪፖርት ለተባበሩት መንግሥታት የሰብዓዊ መብት ኮሚቴ መቅረቡ ተዘገበ።

የአለም አቀፍ የሰብአዊ መብት ተከራካሪ ድርጅት አምንስቲ ኢንተርናሽናል እንደፈረንጆች አቆጣጠር ጁላይ 11 ቀን በጄነቫ ሲውዘርላንድ ለተሰየመው የተባበሩት መንግሥታት ድርጅት የሰብአዊ መብት ኮሚቴ እንዳጋጠው ፤ የመለስ ዜናዊ አገዛዝ በታሰሩ እስረኞች ላይ የፈጸማቸው ዘግኛኝ ሰቆቃዎች እንዲመረምሩና ለድርጊቱ ተጠያቂ የሆኑ አካላት ለፍርድ እንዲቀርቡ ጠይቋል።

በኦሮሞ እና በግንቦት 7 የፖለቲካ  እስረኞች ላይ የተፈጸመውን አሰቃቂ የግርፋት አይነቶች የዘረዘረው የአምንስቲ ኢንተርናሽናል ሪፖርት በተለይ በኦነግ ደጋፊነት ተጠርጥረው በገፍ በሚታሰሩ የኦሮሞ ተወላጆች ላይ ተመሳሳይ የሆነ ስብዕናን የሚነካና  የሚዘገንን ጥቃትና ሰቆቃ መፈጸሙን እንዳረጋገጠ አጋልጧል።

በሺዎች የሚቆጠሩ የኦሮሞ ተወላጆች ኦነግን ትደግፋላችሁ በሚል ሰበብ ብቻ በኦሮሚያ ክልል በሚገኙ ፖሊስ ጣቢያዎች ፤ ወህኒ ቤቶች፤ ወታደራዊ ማሰልጠኛ ካምፖች እና ድብቅ በሆኑ ማጎሪያ ቤቶች እየታሠሩ አሰቃቂ የሆነ ድብደባ ይፈጸምባቸዋል ያለው አምንስቲ፤ ታሳሪዎች ገላቸውን በአለንጋ ይተለተላሉ ፤ ይረገጣሉ፤ በጋለ ብረት ይተኮሳሉ ፤ ሴቶች ተገደው ይደፈራሉ፤ ብልታቸው ውስጥ ጠርሙስ እና ሌላ አሰቃቂ ቁስ በመክተት ለስቃይ ይዳረጋሉ በማለት ከከሰሰ በኋላ ይህ ሁሉ ስቃይ የተፈጸመባቸው እስረኞች ያለፍርድ ለረጅም ጊዜ እሥር ቤት ይሰቃያሉ ሲል ሪፖርቱ ይገልጻል።

ሃረር ውስጥ በንግድ ሥራ ይተዳደሩ በነበሩት በአቶ ሙላቱ አበራ ላይ የተፈጸመው ጭካኔ የተሞላበት ሰቆቃ በብዙ የኦነግ ተጠርጣሪ እስረኞች ላይ እንደሚፈጸም ግልጽ ነው ያለው አምኒስቲ ለ3ኛ ጊዜ በኦነግ ደጋፊነት ተጠርጥሮ ወደ ሃረር ማዕከላዊ ፖሊስ የተወሰደው አቶ ሙላቱ ፤ የጎን ስፋቱ 4 ሜትር ቁመቱ አንድ ሜትር በሆነ ከምድር በታች ባለ አንድ ጠባብ የጨለማ ክፍል ውስጥ ከሌሎች 3 ታሳሪዎች ጋር እርቃኑን እንዲታሰር ከተደረገ በኋላ ማታ ማታ ቀዝቃዛ ውሃ ከአናታቸው ላይ እየተንጠባጠበ እንዲሰቃዩ መደረጋቸውንም አጋልጦአል።

እነ አቶ ሙላቱ የታሰሩበት ክፍል ውስጥ እስረኞች እንዳይተኙ በሚል ሹል ሆኖ የተጠረበ ድንጋይ እንደተነጠፈበት፤ ሲደክማቸው ግድግዳውን ተደግፈው እንኳን እንዳይቆሙ የክፍሉ ጣሪያ ከፍታ አንድ ሜትር ብቻ እንደሆነና፤ በዚህ ላይ ወገባቸው ላይ የብረት ካቴና ከታሰረ በኋላ ህመም እንዲሰማቸው በየቀኑ ብሎኑ እንዲጠብቅ ይደረጋል ሲል ዘግቧል። በዚህም የተነሳ የአቶ ሙላቱ የወገብ አጥንት ለስብራት በቅቶአል በማለት በዜጎቻችን ላይ እየደረሰ ያለውን ስቃይ ሪፖርቱ ይፋ አድርጎል።

የወንድ ብልታቸው ላይ በገመድ ጠርሙስ እንዲንጠለጠል በማድረግ በህመም ስቃይ ውስጥ ሆነው ያልሰሩትንና የማያውቁትን ወንጀል ጭምር እንዲናዘዙ ይደረጋሉ ያለው አምኒስቲ ከግንቦት 7 ጋር የመፈንቅለ መንግሥት ሙከራ ሊያደርጉ ነው ተብለው በማዕከላዊ ወንጀል ምርመራ ዘግናኝ የሆነ ድብደባ ከተፈጸመባቸው መሃል አቶ ጌቱ ወርቁና ጀኔራል አሳመነው ፅጌ ገለልተኛ በሆነ ሃኪም እንዲታዩና የህግ ጥበቃ እንዲደረግላቸው ለፍርድ ቤት አቤቱታ አቅርበው ተቀባይነት አለማግኘታቸው ይታወሳል።

አምኒስቲ ለተባበሩት መንግሥታት ድርጅት የሰብአዊ መብት ኮሚቴ ባቀረበው በዚህ ሪፖርቱ በኢትዮጵያ እስር ቤት ውስጥ ባሉት እሰረኞች ላይ የተፈጸመውን ጭካኔ የተሞላበት ሰቆቃ በገለልተኛ አካል እንዲመረመርና ሰቆቃ ፈጻሚዎቹ በአስቸኳይ ህግ ፊት እንዲቀርቡ ተማጽኖአል።

Ukkaamsaan Hammaate; Sirni Ukkaamsaa Diddaa Garbummaan Burkutaa’a

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, Adoolessa 12, 2011) Mootummaan Wayyaanee Ilmaan Oromoo seeraan ala hidhuu, ukkaamsuu fi himachuu itti fufe; torbee kana keessa ilmaan Oromoo torba humnoota tikaan hordofamaa turan dhabamuun isaanii beekamee jira.

Qeerroon akka gabaasetti, ilmaan Oromoo sobaan hidhuu fi hiraarsuu kaayyoo kan godhate mootummaan Wayyaanee labsii shororkeessaa baaseen dahatee dhaloota Oromoo egeree fi abdii biyyaa ta’an dhabamsiisuutti jira.

Akka kanaan gidduu darbe ilmaan Oromoo hedduu kanneen yeroo dheeraaf manneen hidhaa maa’ikalaawwii fi dhoksaa adda addaa keessatti hiraarsaa ture himannaa kijibaa itti banee erga mana murtii ofii to’atutti dhiyeessee eegalee karaa caasaa fi sabqunnamtii isaa olola itti banee jira.

Olola kijibaa kanaan wal qabatees biyyattii keessatti hidhaa fi ukkaamsaan babal’achuu isaa gabaasa bal’aa akka qabu kan ibse Qeerroon, ilmaan Oromoo torba  kanneen yeroo dheeraaf humnoota tikaa Wayyaaneetiin adamsamaa fi hordofamaa turan gaafa Waxabajjii 19, 2011 irraa eegalee dhabamuu isaanii gabaasa argachuu isaa beeksisee jira.

Tokkoffaa, Gammachuu Anbassaa Waddeessaa barnoota olaanaan (BA degree in Accounting + distance learner of ACCA,   Finance Dep’t kan qabuu dha. magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu dhaabbata German Leprosy and TB Relief Association hogganaa kan jiru dha. Otuu hin ukkaamsamiin duras, yeroo hedduu humnoota tikaa Wayyaaneetiin doorsisamaa akka ture kanneen isa beekan Qeerroof ibsanii jiru.

Gammachiis Garbaabaa Gurraachoo immoo ogummaa Diploma in Automechanics, Diploma in Law, Diploma Theology, kan qabu yoo ta’u, muuxannoo fo ogummaa qabuun project manager ta’ee magaalaa Holotaa keessatti NGO  “Good Samaritan Training Center” jedhamu keessa kan hojjatuu dha. Ob Gammachiis Garbaabaas yeroo hedduu akka ergamaa wayyaanee ta’uuf gaafatamee waan dideef, sodaachisamaa akka ture kanneen ibsan ammas humnoota tikaa mootummaadhaan ukkaamsamuun akka hin oolee Qeerroof himanii jiru.

Kanneen gidduu kana ukkaamsamuun beekame keessa kan dhibii immoo Asfaaw Daadhii Tufaa yoo ta’u, ogummaan isaa Athelet dha. Yeroo dheeraaf  ‘Menar Athletics Club’, jedhamu keessatti fiigicha  Marathon fi abbaa meetira 10,000 keessatti hirmaataa akka ture beekamee jira.

Kanneen achi buuteen isaanii dhabame keessaa arfaffaan, Girmaa Anbassaa Waddeessaa jedhama. Girmaan barnoota olaanaa kan “Road  construction” jedhamu  mana barnootaa “Addis Ababa Tegbare-ed”, jedhamu keessatti baratee qabxii olaanaadhaan kan eebbifame yoo ta’u,  Finfinnee keessatti kan argamu dhaabbata Yetinayet Building Construction jedhamu keessatti Project Coordinator ta’ee hojjata ture.

Kan biraa Ayyalaa Alamuu Qana’aa kan jedhamuu dha. Ayyalaan barnoota olaanaadhaan BSC Degree in Computer Science,kan qabuu fi dhuunfaadhaan hojii ogummaa   system administrator fi computer maintenance  hojjachaa otuu jiruu akka dhabame gabaasamee jira.

Aadde Shittaayee Malaakuu Kitilaa immoo BA degree in Accounting kan qabduu fi Oromiyaa dhiyaa, aanaa Qilxu Kaarraa keessatti  Internal Auditor of Indusry and urban development taatee hojjataa jirtu humnoota tikaa Wayyaanee ukkaamfamte. Yeroo amma bakki jirtu kan hin beekme yoo ta’u, sana duras yeroo hedduu doorsisamaa  akka turte kanneen ishii beekan Qeerroof himanii jiru.

Ilmaan Oromoo kunneen yoo sabboonummaa isaaniitiin ta’e malee yakka kamuu kan hin hojjanne ta’uu qoratee akka bira gahe kan ibse Qeerroon, Abinnat Hailu G/Sillaasee, BA degree in Management kan qabduu fi kaampaanii dhuunfaa tokko keessatti  human  resource manager taatee otuu hojjataa jirtu magaalaa Finfinnee keessaa akka ukkaamfamte  beeksisee jira.

 “lammiilee hawaasa keessatti maqaa fi kabajaa gaarii qaban ukkaamsuu fi gara dabarsuun amala mootummaa Wayyaanee ti,” kan jedhe Qeerroon ibsa har’a baase keessatti, lammillee kunneen baraarsuuf dhaaboliin mirga dhala namaaf falman akka biramataniif, hawaasti addunyaa immoo mootummaa dhala Oromoo balleessuutti jiru kana callisee akka hin ilaalle gaafatee jira.

Keessaayyuu, ilmaan Oromoo egere biyyaa ta’an kanneen barumsa olaanaa qaban, kanneen beekumsaa fi ogummaa gurgurdaa qaban dhabamsiisuuf akeeka baafatee hojjataa akka jiru kan bira gahe ta’uu kan hubachiise Qeerroon, akkuma kana duraatti ammas manneen barnootaa olaanaa keessaa barattoota Oromoo ukkaamsuun akka itti fufee jiru hubachiisee jira.

“Dambaliin Ukkaamsaa Wayyaanee barattoota callaa irratti kan xiyyeeffatee miti,” kan jedhe ibsi Qeerroo, “Hojjattoota Oromoo muuxannoo fi ga’umsa olaanaa qaban, kanneen hawaasa keessatti amala gaarii qaba dhabamsiisuun akka haaraatti eegalee jira,” jedhee jira.

Akka kanaan, baatii shanii oliif achi buuteen isaa kan dhabamee ture, Tafarii Qajeelaa  hiraarsaa fi reebicha olaanaa irra gahaa tureen booda torbaan kana keessa himannaa kijibaa itti banameen  maa’ikalaawwii irraa gara Qaallittiit geessamee akka jiru beekamee jira.

Bitootessa 11, 2011 irraa eegalee achi buuteen isaa dhabamee kan ture, Tafarii Qajeelaa,hojjataa dhaabbata misoomaa Oxfam UK magaalaa Finfinnee keessatti argamuu yoo ta’u, ilmaan isaa shan irraa qabamee akka hidhaatti darbame beekamee jira.

Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanas ilmaan Oromoo bebbeekamoo fo sabboonoo ta’an caasaalee mootummaa federaalaa fi naannolee keessaa calaluu baasuuf iccitiin irratti hojjataa akka jiru odeessa akka qabu kan saaxile, Qeerroon yeroo gannaa keessa illee barattoota manneen barnootaa olaanoo boqonnaaf maatii isaanii biratti deebi’an akka hordofaniif humnooti tikaa fi basaasaa bobbaafamuu isaanii bira gahuu isaa ibsee jira.

Haallen walxaxoo akkanaa qabsoo diddaa keessatti mul’achuu akka malan kan eere, ibsi Qeerroon kun, “Yeroo mara mootummaan ummata bulchu irraa abdii hin qabne gochaa gara jabinaan guutame mara  fudhachuun beekama. Qeerroonis haala kana hubatanii of-eeggannoon hojjachuu qaban,” jedhee jira.

“Ba’aa garbummaa ofirraa buusuuf wareega gaafatu kamiyyuu baasuun dirqama kanneen garbummaa didanii ti,” kan jedhe dhaamsi Qeerroo dhuma irrattis, “wareega fedhe gaafatus, guyyaa bilisummaa dhiyeessuu fi umurii garbummaa gabaabsuuf diddaan keenya kan hundee garbummaa ciru sadarkaa sadarkaan itti fufa! Hundeen sirna ukkaamsaas diddaa garbummaan burkutaa’a,” jedheera.