LAFI OROMIYAA LABSIIDHAAN DUREESSOTA BIYYOOTA ALAATTI GURGURAMUUN AKKUMA ITTI FUFETTI JIRA
Gabaasa Qeeerroo Adaamaa,Adoolessa 09,2011
Akka Wayyaanotni moggaasanitti Magaalaa Finfinnee marsanii magaalotni argaman ‘’Godina Addaa Naannoo Finfinnee’’isa jedhamu irratti labsiin seera itti fayyadama lafaa haaraan sababii inni durii sirrii hin turreef bahuu isaayi jedhanii tibbana gaazexootni dhuunfaa fi kan mootummaa balballoomsaniiru.Isaanis:
- Sandaafaa ijaarsa gamoo Real Estate tiif,
- Sabbataa IjaarsaWarshaa Agirooindaastiriif,
- Dukamiin ijaarsa warshaalee gurguddoo fi ulfaatoof,
- Laga Xaafoo Real Estate fi Induustirii Aara Qabaniif
- Holataa Ijaarsa Giddugaleessa Hormaata Horii Manaa fi WarshaaAannaniif
Kunis kan gurguramu Kubaaniyoota Turkii,Hindii,Chaayinaa fi kkf ta’uu isaa gaazexaan Rippoorterii Caamsaa 15 bara 2011 bahe ibseera.Keessumaa Kubbaaniyaan Turkii Akkigoon Insat jedhamu Sandaafaatii Hanga Laga Xaafootti Lafa Oromiyaa Heektaara 1000 ol ta’u qarshii biliyoona 2 oliin geggeessaa mootummaa wayyaane Mallas Zeenaawwii irraa biteera.Coomni lafa keenyaa alagaatti gurguramee dhumee Oromoon hiyyoomee fi biyyaa arihamee kaan hidhaatti dhumee akka jiraate taasiseera. Kana malees qabeenyi Oromiyaa gurguraman hundi kuufama bank bulchitoota TPLF tahee dilbaayaa akka jiru adunyaan raga bahaa kan jir tahuu as tuqaa dubbisa..
http://en.wikipedia.org/w/index.php?title=List_of_heads_of_state_and_government_by_net_worth&oldid=331394125
Gabaasa Qeerroo Adaamaa irraa