Mootummaan TPLF Addatti Barattoota Oromoo Himannaa Sobaan Yakke

“Bara Baraan Waraana Keessa Jiraachuu Irra Bilisummaa Keenyaaf Wareega Kaffaluuf Qabsoo Gaggeessine”  jedhanii waan filataniif Qeerroon Yakkamoota tahan jedha manni heera Feederaala Ethiopia.

Himannaa Mootummaan TPLF Qeerroo irratti dhiheesse keessaa tokko

Himannaa Mootummaan TPLF Qeerroo irratti dhiheesse keessaa tokko

Baatii Eblaa 2011 keessaa sochiin Dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi dimokraasii(Qeerroon) qabsoo bilisummaa sabootaaf jedhee dhaabatee Oromiyaa guutuu keessatti sosso’aa jiraachuu aduunyaan beeka. Qabsoo murannoon eegalame kana karaa nagaa meeshaa tokkoon malee qeerroon mirga  bilisummaa fi dimokraasii waan gaafataa jirtuuf rasaasaan reebamuu fi kumaatamaan hidhaatti guuramuun kaan ammoo nyaata summaayaa nyaachifamuu kaanis biyyaa arihamuun irraan gahameera. Barattoota  fi hojjettoota maqaa Qeeerroon yakkamanii kumaatama hidhaman keessaa hanga ammaa kanneen dararaan guddaa irraan gahamee reefu mana murtee feederaalaatti dhihaatan keessaan kanneen armaa gadi  yakka hin jirreen mirgaaf qabsooftan jedhanii yakkaman.Yakka kanaafis raga namoota 15 itti yaamuu fi kanneen raga tahanii dhihaatan gariin isaanii biyya Kenya kan jiraatanii fi jireenyaan kan biyya keessa kan  hin taahe tahuu beekamaa dha. Maqaa ragaalee kanaa yoo isaan sobaan raga kana kan bahan tahe guutuu isaanii gara fuula duratti  qeerroon ni maxxansiti. Ragaalee sobaa  qeerrolee Oromoo irratti funaanuun dhaalota booruu qabsoo irraa dhaabuun wan hin dandayamneef ummati Oromoo fi aduunyaan yakka isaan itti himatama fuula tokko maxxansinee jirra.

  1. Dachaasaa Wiirtuu Moosisaa , University Haromaayaa irraa
  2. Geetuu Saqataa Roorroo ,University Finfinnee irraa
  3. Dirribsaa Daamxee Jootee  , University  Finfinnee
  4. Alamuu Tashoomee Beke   ,Dhiha Shawwaa Fantaallee matahaaraa irraa
  5. Shaafii Se’id Wedaay Daadhii ,Harargee Mi’essoo irraa
  6. Sileshii Soorii Malaakuu ,Harargee Harmaayaa irraa
  7. Daagim Bekele Galata ,Wallaga Boojjii irraa
  8. Eebbisaa Raatessaa ,Wallaga Horroo Guduruu irraa
  9. Damee Zarihun Mulata ,Wallaga Dambi Dolloo irraa
  10. Alamaayyoo Raggaasaa , godina Kibbaa irraa
  11. Mirreessaa H/Iyyasuus Qananii, University Finfinnee irraa
  12. Senaa Mararaa Birruu ,University Arbaminci irraa
  13. Getacho Abara Toleera ,University Haromaya
  14. Birhanu Immiruu Irranaa  ,Finfinnee ganda 08 irraa
  15. Lalisaa Abdiisaa  Wallga ,Qeellam irraa
  16. Abdiisaa Derejjee Amanuu  ,Wallaga Shaambu irraa
  17. Jireenya Dessalenyi Rumichaa  ,Finfinnee Gullallee irraa
  18. Derejjee Guutuu Qana’ii  ,University Jimmaa irraa
  19. Abdiisaa Guddataa Luulaa,  University Madda Walabuu
  20. Kabadee Beenyaa Hinseene , Jimmaa naannoo  Qersaa ganda Ginchaa irraa
  21. Barsiisaa Lammii Dargoo ,University Haromaayaa irraa
  22. Gurmeessaa Daammanaa Kumsaa ,Dhiha Shawwaa magaala Aamboo ganda 03 irraa
Dachaasaa Wiirtuu Moosisaa

Dachaasaa Wiirtuu Moosisaa

Damee Zarihun Mulata

Damee Zarihun Mulata

Mirreessaa H/Iyyasuus, Qananii

Mirreessaa H/Iyyasuus, Qananii

 

 

 

 

Senaa Mararaa Birruu

Senaa Mararaa Birruu

Dirribsaa Daamxee Jootee

Dirribsaa Daamxee Jootee

 

 

 

 

 

Yeroo tahan Kana malees baatii Waxabajjii fi Aoolessa 2011 kana keessa  mooraa idhaa Ma’ikalaawwii  keessatti haala baay’ee rakkisaa fi suukkanneessaa keessaattii kanneen argaman

Girmaa Nagaasaa Waggaasaa

Girmaa Nagaasaa Waggaasaa

 

 

 

 

 

 

Dargaggoonni [qeerroon]Oromoo keessaa  barataa Girmaa Nagaasaa Waggaasaa Lixa Shaawwaa irraa qabamee hidhamee moraa maakalawii mana dukkana keessaatti hidhamee halkan nannoo sa’aa 7 fi 8 ttii guyyuu qoratamaa kan jiruu ta’uu hubatamera,Akkasumas barataa Ebbisaa Raatessaa mooruma Hidhaa kana keessatti haala sukkanneessaan dararamee qoratamaa akka jiru gabaasi Qeerroo mooraa Ma’ikelaawwii irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!

 

 

 

 

LABSII WALABUMMAA MIIDIYAA FI MIIDIYAA ITIYOOPHIYAA

Isa Du’e Ajjeesuun jagna Nama hin jechisiisu! (Miidiyaa Itiyoophiyaa).

Walabummaan Labsii Miidiyaa fi Miidiyaan Itiyoophiyaaf, Itiyoophiyaa gidduu garagarummaan jiru ;Garaagarummaa Ifaa fi Dukkana,Guyyaa fi Halkanii,samii fi dachee, gidduu jiruu ol akkuma ta’etti jira.Kana duras Mirgi Labsii Miidiyaadhaa kabajamee hin beeku.Ammas yoo cabe hawaasi addunyaa reefuu waan dhaga’aniif haaraa isaaniti ta’e malee walabummaan miidiyaa Itiyoophiyaaf keessatti takkaa walabumaa qabaatee akka hin beekne seenaan midiyaa biyyichaa ni ibsa.

Gaazeexessitooti hedduun kan miidhiyaa biyyatti irraa hojjetanis tahe dhuunfaatti waldaa ijaratanii dhugaa biyyattii keessa jiru ibsuuf hojjetaa turan walabummaa dhabuun Hidhaa galanii jiru,kaan biyyaa arihamanii jiru. Kan yeroo dheeraa yoo dhiifne as dhihootti Dhaabbatooti Gaazexeexaa Dhuunfaa sadii:1ffaa.Awuraambaa Taayimsi,2ffaa.Fiittii fi 3ffaa.Addis Nagar  jeeqxotaa fi goolessitummaan yakkamanii  baqatanii biyyaa bahuu isaanii eeree akkan ture ni yaadatama.Amma immoo Abbaan Dhaabbata Gaazexaa Awuraambaa Taayimsi Obbo Wubisheet Tasfaayee jedhamu Humna waraanaa Muutummaa Wayaanee nama 7 ol ta’aniin qabamee harki isaa kaateenaadhaan hidhamee mannii fi Waajjirri Dhaabbata Gaazexaa Awuraambaa erga sakattaa’amee booda qabeenya Dhaabbatichaa wajjin fuudhamee bakka mana hidhaa maayikalaawwii jedhamutti hidhamuun maatiin isaa akka hin daawwanne dhorkameera.Kanuma irraa kan ka’e Gaazexeessitoota Dhaabbata Awuraambaa Taayimsi warri kaan sodaa du’aa fi jireenyaa keessa galanii waan godhan wallaalanii akka jiran haati manaa hidhamaa  fi Gaazexeessaa Wubisheet Tasfaayee Aadde  Biraanee Tasfaayee ibsa gaazexeessitootaaf laatteen dhaamteetti.Waa’ee gaazexeessaa hidhame kanaa ilaalchisee Daarikteerri Dhaabbata Gaazexaa Awuraambaa Taayimsi kan ammaa Obbo Daawwit Kabbadee haasawaa Sagalee Raadiyoo Amerikaa fi Miidiyaalee Addunyaa Biroo wajjin godhaniin ibsa kennanitti Mootummaan wayyaanee ’’ walabummaa labsii miidiyaa akka waan cabeetti ibse’’  jechuun baayyee aaranii baannananiiru.Garuu kan cabe labsiidhuma walabummaa gaazexeessitootaati malee waan addaa miti. Walabummaan waan hin jirreef cabe jechuun ibsuu dhiisuu danda’a.Isa sila iyyuu du’ee jirutu  irra deebi’ee du’e yoo jenne xiqqoo ishee itti Dhiyaata.Egaa Gaaffii fi Deebii Daawwit Kabbadee waajjin miidiyaaleen addunyaa godhan kana irratti akka ibsanitti hidhamaan kun jalbultii filannoo bara 2002(A.L.H) dura hojii gaazexaa kana irratti Kaadireen Mootummaa Wayyaanee Daarikteerri Olaanaan Abbaa Taayitaa Biroodkastii Itiyoophiyaa bilbilee hidhamaa kana waamuun ‘’Paartiilee Siyaasaa murtaa’oof akka Lissaaniitti tajaajilaa waan jirtuuf gatii kaffalta of eeggadhu’’ jedhanii erga doorsisanii gadi dhiisanii booda hidhamaan kun daarikteerummaa irraa gara Itti Aanaa Daarikteerummaatti gadi of buusee hanga guyyaa hidhamuutti hojjetaa turuun eerameera.Akkasitti torban tokkoo ol sababa qabameef utuu hin beeksisin turanii erga Sagaleen Raadiyoo Amerikaa fi Miidiyaaleen addunyaa biroon oduu isaa balballoomsanii fi Dhaabbati Mirga Gaazexeessitota addunyaa CPA n ‘’seera labsii mirga gaazexeessitootaa kan cabse waan ta’eef hatattamaan akka gadi dhiifamu ‘’jedhee mootummaa wayyaanee erga gaafatee booda mootummaan wayyaanee walumatti Gaazexeessaa kana dabalatee namoota sagal geggeessitoota Paartii Mormitootaa,Namoota Dhuunfaa fi Gaazexeessituu Gaazexaa Fiitii ,kan maqaan ishee Ri’iyoota Alamuu jedhamtu Waxabajjii 21 bara 2011 guyyaa gaafa facaasaa/hoji lammaffoo ganama sa’a 4 irratti humna waraanaa wayyaaneetiin qabamtee harkashee kaateenaan erga hidhanii booda manaa fi Waajjira Dhaabbata Gaazexaa Dhuunfaa Fiitii sakatta’uun meeshaalee maxxansaa,maxxansa hanga har’aa fi qabeenya Dhaabbatichaa waliin qabanii Mana hidhaa  Maayikalaawwiitti sababa hinbeekamneen kan hidhamte waliin walumatti namoota 9 hidhamanii jiru.

Kunuunsaa fi Eegaan Mirgaa fi Walabummaa Gaazexeessitoota Addunyaa CPA n ibsa gidduu kana baaseen  wanti gaazexeessitoota kanneen irratti akka seera walabummaa Addunyaatti Gaazexeessaan kam iyyuu  deemsa mana murtii dura hidhamuu fi gaafatamuu akka hin dandeenye eeree,wanti mootummaan wayyaanee raawwataa jiru  faallaa/farra labsii walabummaa miidiyaawwanii ta’uu isaaf gaazexeessaan kun hatattamaan akka gadi dhiifamu mootummaa Itiyoophiyaa gaafateera.CPAn dhimma kana ilaalchisee  kan inni waliin haasawaa godhe  kaadiree mootummaa wayyaanee kan ta’e Itti Aanaa Daarikteera Olaanaa Waajjira Dhimoota Kumiyunikeeshinii Mootummaa Shimallis Kamaal  ibsa kenneen soba dhugaa irraa akka dacheen samii irraa gadi fagaattu fagaatu ‘’biyya kana keessatti gaazexeessaan hidhame hinjiru,hidhamuus hinqabu,yoo kun ta’eera ta’es dogoggora ‘’jedhee ibseera.Garuu gaazexeessitooti hedduun hidhamuu fi kaan biyyaa arihamuun biyyi lafaa kan beekuu fi ammos namooni olitti tuqne hidhamuu isaa hawaasi addunyaa mana hidhaa keessatti ija isaaniin arganii miidiyaa isaaniin bira ga’anii argan gaazexeessaadhuma malee uumama kan biraa akka hin ta’in CPAn ragaadha.Isaan kana duraan dhoksanii utuu sababii hidhamaniif hin beeksisin turanii erga hawaasi addunyaa bira ga’ee gara itti dhoksan dhabanii booda torban kana Adoolessa 2011 eegalee ‘’namooti kun utuu isaan humna ibsaa fi Telee Itiyoophiyaa irratti balaa geessisuuf jedhanii bira geenyee qabanne malee hojii gaazexeessummaa fi siyaasaa waliin wal hinqabatu’’ jechuun sobaan miidiyaa mootummaa wayyaanee biyyattiitiin labsaa jira.

Walumaa gala mirgi gaazexxessuummaa fi gaazexoti Ethiopia keessaa ni eegama jechuun dhara. Qabsaawoti Oromoo hedduun rakkoo kanneen osoo jiruu sagalee ummata Oromoo dhageessisuuf jecha biyya keessatti bobaa diinaa jala ta’anii qabsoo osoo godhanii harka diinaa seenaa turan,gariin ammoo bakka bu’an hin beekamu. Warri sababa kanaan biyya irraa arihamanis ni jiru. Mootummaan Wayyaanee gaazexxessitoota hafnaan biyya Oromoo fi Ethiopia kaan guutuu Hidhaa keessa galchee waan jiruuf Hidhaa kana irraa saba biyya sanii baasuuf Qeerroon Oromootaa bakka hundatti wal gurmeessuun qabsaawaa jiraachuun abdii guddaa kan namaa kennu waan taheef jabaannee Akeeka kana bakkaan gahuun fimaata keenya.

Baatii Adoolessa kana keessas sararaan qeerroo http://www.qeerroo.com akka Oromiyaa keessatti hin banamneef tattaaffii mootummaan Ethiopia godheen qunamtiin isaa hedduu harkfataa jira,sanis tahu qeerroon sagalee isaa ummata Oromoo dhageessisuu dandayu mara akka mootummaan TPLF cufuu hin dandeenye dha

Qeerroo , Finfiinee irra

Adoolessa 07,2011