/Gabaasa Qeerroo, Adaamaa, Adoolessa 04,2011/ Mootummaan Wayyaanee ammas akkuma kana duraa gaafa guyyaa Adoolessa 02,2011 aduu sambata duraa barattoota mooraa keessa jiran nyaata summaa’e nyaachisuun gabaasame.
Qeerroon Adaamaa irraa akka gabaasett, barattooti nyaata summaa’e kana nyaatanii dhibeef saaxilaman kunnee irra guddaan isaanii kanneen barana eebbifamanii fi kaan ammoo qormaata xumuranii yeroo gannaatti maatii isaaniittii deebisuuf kanneen qophiitti jiranii dha.
Akka kanaan ammas yeroo lammataaf beekaa nyaata summiin makaa barattoota Oromoo fi saboota kaanii hamma tokko nyaachifamuun yeroo ammaa Hosptala ciisanii kan jiran yoo ta’u, kaan isaanii immoo waldhaansa dhabanii rakkachaa akka jiran beekamee jira.
Mootummaan Wayyaanee yeroo adda addaatti sochii barattoota Oromoo doomsuu fi of irraa ittisuuf jecha tooftaan inni itti dhimma bahu hidhuu, reebuu, doorsisuu, ajjeesuu, biyyaa arihuu fi summii nyaachisuu dha.
Bara kana keessa barattooti Oromoo yeroo lama mooraa University Adamaa fi yeroo tokko mooraa University Arbaminc keessattis summii nyaataan makame nyaachifaman hanga har’aa gariin fayyaa dhabuun, kaan ammoo hanga ammaatti hosptala keessaa rakkachaa jiraachuun beekamu.
Kan dheengadda guyyaa sambata duraa mooraa University Adaamaatti tahes heddummina barattootaa waan miidhee jiruuf qaami mootummaa birmateefii tokko illee hin jiru.
Kaafteeriyaan mana nyaata barattootaaf kennamus guyyaa kaleessaa waraqaa CUFAMEERA( TASHIGUAL) jedhuun irratti maxxanfamee manni nyaata irraa nyaatan hin jiru. Barattooti hafan nyaata ala irraa bitatanii akka hin nyaanneef waraana Feederaalaan eegamuu caalaa iyyuu maallaqa ittiin of jiraachisan dhabuun dararaa keessa jiru.
Diddaa barattoota Oromoo ykn Qeerroon itti fufiinsa qabaachuu isaa irraa kan ka’e ergamee bulaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo gochaan kana barattoota Oromoo irratti warra raawwachiisu keessaa isa hangafa tahuus hojjettootii mootummaa kanneen degertoota sochii qeerroo tahan ifatti dubbatu.
Haalli kun hanga har’aa kanaan cimee waan jiruuf Oromootiin bakka hunda jirtan barattoota Oromoo Adaamaa fi Oromiyaa jiran hunda cinaa dhabbattanii akka cunqursaa falman qeerroo Adaamaa dhaammatu.
Qabsoon itti fufa! Cunqursaan ni kufa!!

