Qerroon baratee eessaa ka’ee garamitti?

            Qerroon baratee eessa irraa ka’ee garamitti?

Sabboonaa Qeerrootiin(Hawaasaa University)

Waggoota digdamaam dibbeen mishoomaa fi guddina nutti tumamaa haabahu iyyuu malee mee Kan waggaa kaan dhiifnee kan waggaa Wagga 3 asitti wantaa ta’ee akkasumas ammo wagga kana qofaa barrnoota ilaalchisee adeemsa Ethiopia kessa jiruu haa tilmaamnu.

Karaa fodda televisiona isaanitiin humni nama baratee meeqa akka ta’ee Ethiopia kessa dhibbantan yeroo ka’an 90-97 giddu himuun kanuma barsiifamee fi gurra hawassa cufuu wantaa ta’eef kana dubbachun nuuf qaanidha.sirna  barnoota Ethiopia dhabbanna hin qabne yeroo ilaallu barnoota sadarka kutaa 10ffatti xumuruun erga eegalame kaase rakkolee gurguddan mudatanii jiru.fkn  barattotni heddun kutaa 10ffatti kufaani yookin ammo garaa qoph’insatti hin darbin hafaan mallaqa isaanin ogumma akka barataanifi kollejjota qulqullina hin qabnefi meesha hanquu ta;an akka babal;atan taasisee.dubbif jenne malee kan mootumma isaa kamtuu qulqullina qaba yoo jenne garuu  deebiin keenya callisudha.

Qotee bulaan biyyatti jireenyi isaa harka garaa afaani ta’ee  ta’ee qotiyyo isaa cimdii qabuus ta’ee qeenxee gurguree ilmoo isaa barsiisuu itti fufee. Gatiin xaa’oo mataa isaa irra ba’ee milishan gandaa meesha warana baatee har’aaf bor irra dhaabatu jalaa ilmoon koo baratee na baasa jedhee  itti xaaruu itti fufee.haa ta’uu malee kasaara mootummafi abbotiin qabeenya waliin uumata irratti xaphataan kaasun salphadha.abban qabeenya kollejji qulqullina hin qabne  malammaltumman bane boors abbotii irree  mootumma wayyane furdisaa jira.ilmii qotee bulaa fi dafqaan bulaa garuu qarshii isaa gadii lolaasee ilmoo isaa barsiifate,..ilmoon isaa garuu har’aa hojii tokko ille dhabee bakka beeksifni maxxanfame maratti dookumentii isaa adda isaa irra kewwate aduu dhugaa oola.

Mootummaan Wayyaanee humni Ethiopia keessatti barate kan hin baratiin irra caalaa fi ummati Ethiopia harki 90-97% baratee jira kanaaf mishoomaa fi guddinni biyya san keessatti akka rookeetaa dhuka’aa jira haajedhu malee,guyyaa TV Wayyaanee irratti lallabamaa jiru kana namoota biyya Ethiopia keessatti baratanii jireenya dhabuun karaa irra bulanii fi kanneen karaa irra rakkina isaanii baadhatanii deemaa jiran akka fakkeenyaatti suuraa isaanii walakkaa magaalaa Adaamaa keessa kaafnee kana waliin maxxansinee jirra.

Barnoota Ethiopia fi hegeree namaa

Barnoota Ethiopia fi hegeree namaa

Inni rakkoo fi gidiraa argee ilmaan qotee bulaa Oromoo iyyuu barateee hojii fi mindaa dhabuun karaa irra deemee kadhata,bakka bultii dhabee ala gala.Yoo miseensa ergamee bultootaa hin tahiin biyyatti keessa jiraachuu fi hojjechuu hin dandayu. Ummanni kaan ammoo barnooti haahafuu midhaan nyaatee bulu hin qabu. Mootummaan TPLF isa kamiin akka Ethiopia keessa namni baratee 90-97% jedhee akka lallabuu barbaade hin beeknu. Barattooti Oromoo Qeerroon barnoota isaanii fixan hojii dhabanii barandaa kanneen bulanii qabsoo saba isaanii itti xichaa jiran hedduu dha.Kaan ammoo osoo barnoota hin fixiin gara mana hidhaatti guuramanii deeman ifa gala dha. Dhihoo kana baatii Ebla 14,2011 dhalachuu Qeerroo irraa eegalee barattooti Oromoo hidhaman kumaatama tahu,kaan bakka buuteen isaanii hin beekamu.Kun hundi osoo jiruu humni barate guddate jedhanii yeroo lallaban nama hin raaju,amala Wayyaanee waan taheef.

 

Sabboonaa Qeerroo Hawaasaa irraa

Mootummaan TPLF Barattoota University Adaamaa Dabalata Summiin Miite. Waraanni Federaalaa University Adaamaa Dhuunfate.

/Odeessa Qeerroo Adaamaa, Adoolessa 2 bara 2011/ Sochii Dargaggoota Oromoo(Qeerrootti) kan baarage mootummaan Wayyaanee guyyaa har’aa Adoolessa 2,2011 barattoota University Adaamaa kanneen baranoota waggaa sadaffaa  baratan nyaata summaayaa nyaachisuu irraan kan ke’e barattooti 30 gara mana yaalaa guddaatti yeroo geeffaman barattooti kaan ammoo hanga ammaa mana yaalaa dhabuun doormii isaanii keessa ciisanii rakkachaa jiru.

Haalli kun barattoota irratti akka tahuuf deemu kan dursee beeku mootummaan TPLF waraana Feederaala jedhaman mooraa University keessatti heddumminaan qubachiisee barattooti hundi akka hin sochoonee fi gaaffii hin gaafanne humna qawween doorsisuu yaalaa jiru.

Sochiin Qeerroo bilisummaa yaaddoo itti tahee kan jiru Wayyaaneen ,yeroo ammaa kana barattoota bifa kamiinuu miidhuu fi barnoota irraa ar’uu kan saganteefate waan taheef Qeerroon Oromiyaa guutuu jiru gochaan Wayyaanee kun kanuma ummata Oromoo mara irra geessisaa jiru waan taheef qabsoo bilisummaa Oromoo irraa akka isaan hin dhaabnee fi wareegama barbaachisu kafaluun babummaa fi ukkaamsaa jalaa akka bahan murtii yeroo adda addaatti godhatan irratti ibsanii jiru.

Qabsoon itti fufa.Gabroomsaan ni kufa!

Shirota Gola Wayyaanee

(Lubabaas Qeerrootiin)

 (Kutaa 3ffaa)

QABEENYA LAFAA, ALBUUDAA, WARSHAA, DACHEEN OROMIYAA YEROO AMMAA MAAL KEESSA JIRAA?

Tigiraay irraa kan hafe naannowwan hundumaa fi biyya Oromiyaa guutummaa keessatti lafti kan mootummaa (Koloneel Mallas) jedhamuun akka Mana jireenyaatiif lammii Tigiraay irraa kan hafe eenyuufuu akka hin kennamne erga dhorkamee waggoota lakkofsiseera. Yeroo ammaa lammiin biyya keenyaa wayyaanee irraa kan hafe mana keessa jiraatu hin qabu. Anii fi jaallewwan na fakkaatan Finfinnee keessaa miindaa keenya akkuma jirutti kiraa manaa qarshii 1000 fi isaa ol kaffallee jiraanna.Warri mana kireessu immoo wayyaanota. Yeroo ammaa isaan malee kan mana baayyinaan Finfinnee keessaa qabu hin jiru.

Finfinnee dabalatee kutaan biyya keenya Oromiyaa kamitti iyyuu lafi jireenyaaf waan hinkennamneef uummati keenya carraan isaa maal akka ta’u ofii isaatii iyyuu gaaffii keessa galeera. Maaliif hin kennamu jedhanii yoo kaadirootaa fi bitamtoota wayyaanee gaafatan, isaan ajaja koloneel jedhaa jedhe jedhu, innis malaammaltummaa wajjin waan wal qabatuuf hamma siistemii malaammaltummaa irra bilisa ta’e diriirsinutti qofa tura jedhu.

Amma mana jireenyaa akkamitti ijaarrachuun dandaa’amaree? Yoo mootummaa Wayyaanee irraa lafaa fi qarshii argatanii ijaarrachuu barbaadan maabaraan ijaaramanii (miseensa Dhaabbata Wayyaanee ADWI ta’uu qabu) qofadha.Yoo kanaa achii immoo warra qaala’ina jireenyaa irraa kan ka’e mana isaanii isa moofaa fi caccabaa gurgurachuu barbaadan irraa qarshii olaanaadhaan bitatanii ijaarrachuun ni dandaa’ama (Finfinnee keessatti jechuudha).

Albuudaan akka Warqee fi Kan kana fakkaatan kan  Yuubdoo fi Najjoo, Imina Baradii Mandii ,Albuudotni Godina Gujii, Albuudaan Bishaan Amboo, Warshaan Biiraa Beddellee fi kan biroon kan ani lakkaa’ee hin fixnee Inveesteroota Wayyaanee Tigiraayi, Bitamaa Wayyaanee Sheek Alaamuddin fi kubbaaniyoota biyyoota ambaatti gurguramaniiru.

Ammaa kaasee ‘strategy’ wayyaaneen Lafa Oromoo irra uummata ishee qabattee siistemii bittaa ishee baballifachuuf qabattee ifa gochuuf jettu immoo Magaalota Godinoota Oromiyaa kan Shawaa Bahaa Adaamaa, kan Shawaa Lixaa Amboo, Kan Shawaa Kibba Lixaa Walisoo, Kan Arsii Shaashhimannee, Kan Baalee Magaalaa Roobee, Kan Booranaa, kan Wallagga Bahaa Naqamtee, Kan Wallaggaa Lixaa Gimbii, Kan  Qellem Wallaggaa Dambi Doolloo, Kan Iluu Abbaa Boora Mattuu fi Beddellee, magaalota gurguddoo kanaa fi kan kana fakkaatan Magaalota Addaa Gochuun Federaala jala galchuun Ummata Wayyaanee Tigiraayi baayyinaan qubachiisuun yeroo gabaa Shaqaxa Filannoo Dimokiraatawaa jedhan sun dhufu itti fayyadamuuf akka ta’e ajaja Koloneel Mallas miseensota irratti gadi buusaa  jiran ta’uun bira gaa’ameera.

Yaa Qeerroo! amma kan waliif dhaamaa jirru, waan diinoti keenya godhan keessaa kan hubannee fi argine callaa dha. Dubbiin Oromiyaa dhimma guddaa irratti jabaannee hojjachuu qabnuu dha. Bakka jirrutti waan keessa jirru, waan ollaa keenya jiru, waan nu harka jiru, waan nutti dhufaa jiruu fi waantota dhimma keenya irratti dorgomtoota ta’an, kanneen keessaas ta’ee alaan beeknu malee ulee alagaan dhaanamuu jalaa hin baanu.

Dhimmi kun egaa baayyee bal’aadha waan ta’eef yeroo biraa ballinaan ibsa.  Qabsoon shiroota Golee  diinaa saaxilanis itti fufa.