Shirota Gola Wayyaanee

(Lubabaas Qeerrootiin)

 (Kutaa 2ffaa)

KUTAAN KUN TAAYITAA ABBAA DUULAA GAMMADAA, WAL DHABDEE ISAA FI MALLAS GIDDUU, MUUDAMA PIREZIDAANTUMMAA ALAMAAYYOO ATOOMSAA, MOGGAASA GODINA ADDAA OROMIYAA NAANNOO FINFINNEE, WANTOOTNI KUN WAAN WAL QABATANIIF AKKA KANAA GADIITTI TUQAA TUQAADHAAN QOQQOODEE GAGGABAABSEEN IBSA:INNIS

Gabaasa shiroota Gola Wayyaanee kana koo keessatti baayyee gaddaa kanan dhimma itti bahe jecha’’ Naannoo Oromiyaa” jedhuu dha. Jecha kana kanan itti fayyadamee ibse waan  koloneeffattooti jedhan ibsuuf malee ani akkasitti hin waamu. Sababiin isaa akka jarri  akka bittaadhaaf akka isaaniif mijatuuf gandaa wajjin wal qixxeessanii naannoo jedhan utuu hin taane, Oromiyaan biyya  malee naannoo miti.

Gara gabaasa kootti yoon deebi’u Filannoo Dura Yeroo Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Abbaa Duulaa Gammadaa (WaldaGiyorgis) Magaalota Gurguddoo Oromiyaa Kanneen Magaala Guddoo Oromiyaa Finfinnee (Kan isaan Addis Ababa jedhanii waaman) daangessan kan akka Buraayyuu, Holataa, Dukam, Laga Xaafoo, Sabbataa fi kan kana fakkaatan Koloneel Mallas Zeenaawwiin Addis Ababaatti dabaluun wayyaanotaaf hiruu barbaadee Abbaa Duulaa Gammada gaafate.

Yeroo kana utuu wal bira  gahanii hin haasa’in asii achi bilbilaan haasofnaan Abbaan Duulaa hindandaa’amu jedheen. Koloneel Mallas dhuguma Abbaan Duulaa dida jedhee waan hin yaadneef waliin mari’achuuf beellama qabsiifate. Hamma yeroon beellamaa kun gahutti Abbaan Duulaa Kaabinoota Kaadiroota wayyaanee fi Bitamtoota isaanii naannoo Oromiyaa bulchan walitti qabatee magaalota ni gaafatamu jedhee yaadu hundumaa kan Finfinnee marsanii jiran hunda “Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee” jedhee moggaasuun miidiyaadhaan labse.

Yeroo Koloneel Mallas beellama isaa eeggate lachan isaanii walitti dhufanitti gaaffiidhuma duraa sana Koloneel Mallas yeroo cimsee gaafatutti Abbaan Duulaa “Kan Naannoo Oromiyaa bulchaa jiru ana waan ta’eef hin dandaa’amu nuti misoomsinee Addis Ababaatti hin daballu,” jedhee waan dideef utuu walii hin galin gargar bahan. Kana duwwaa utuu hin taane waan Abbaan Duulaa  hojjetu hundumaatti Koloneel Mallas baayyee gammadaa hin turre. 

Mallasaan OPDO kan ijaare aka qabeenya dhuunfaa isaatti ergachuuf malee ummata Oromoof yaadee miti. Namooti OPDO ta’anis adeemsa keessa dhiibbaa fi loogii ummata Oromoo irra gahaa jiru yeroo hubatan gara qabsoo bilisummaa Oromootti waan dabalamaniif, haalli kun Mallas hedduu aarsaa jira. Yeroon ‘Dhaabbati Dimokiraataawaan Uummata Oromooo DhDUOn yoo faaqame keessi isaa ABO dha’ jedhees akka jiru kan yaadatamuu dha.

Haala akkanaa keessatti filannoon dhufee yeroon Koloneel Mallas Pirezidaantota Naannowwanii haaraa kaasee muudu dhufe. Yeroo kanatti Abbaa Duulaa bakka inni Taayitaa hinqabne yoon kaa’e iyyuu Oromiyaa irra nama isaa wajjin walii hingalle kaa’uutu nu irra jira jdhee koloneel Mallas gorsitoota wayyaanee wajjin mari’atee akka tasaa nama Abbaa Duulaa wajjin waliif hin galle bitamaa kaadiree Wayyaanee Alamaayyoo Atoomsaa argate.

Attamitti Abbaan Duulaa fi Alamaayyoon wal dhaban?

Kana dura Abbaan Duulaa fi Alamaayyoon Koloneel Mallasitti wal iyyatanii turan. Maal irratti? Abbaan Duulaa wayyaaneefis Amanamummaa dhabeera waan gaafatame diduun. Akkuma kana Malaammaltummaa ni hojjeta.(Matta’aas ni fudhata). Alamaayyoon immoo Wayyaaneedhaafis Aamanamaa dha. Malaammaltummaa immoo hin hojjetu. Pheenxeedha waanan ta’eef hinbarbaadu jedha. Abbaa Duulaatiinis malaammalltummaa hojjechuu hinqabdu jechuun waltajjii irratti waan ittiin mormeef yeroo sanaa kaasee hanga bulchiinsa irra jirutti Abbaan Duulaa haala gadheedhaan Alamaayyoo gadi qabe.

Maal godhee gadi qabe?

Filannoo 97 booda Koloneel Mallas Alamaayyoo ministeeratti muuduuf jennaan naannoo irratti barbaadna jedhee Abbaan Duulaa Koloneeliin amansiisee erga keessaa hambisee booda naannoo irrattis utuu hin ramadin dhiise. Booda irra Dhaabbata Raadiyoo fi Televizhinii Itiyoophiyaatti Daarikteerri Oromiyaa irraa gaafatamnaan Abbaan Duulaa Alamaayyoo yeroo ergutti Koloneel Mallas kana dhaga’ee Ministeeratti fillaan Naannoo irratti barbaadnaa jettanii attamitti miidiyaa bakka bishina siyaasaa cimaa hin barbaadnetti Alamaayyoo ergita jedhee Abbaa Duulaatti aare. Haa ta’u iyyuu malee utuu namni hin dhaga’in calluma jedhanii dhiisan.

Ergasii yeroo kan biiraa Alamaayyoon carraa barumsa maastersii argatee hayyama gaafannaan Abbaan Duulaa waan dideef Koloneel Mallasitti utuu iyyatuu carraan barumsaa sun yeroonsaa darbee duraa gubate. Koloneel Kana argee utuu jiruu carraan barumsaa kan biraa Hindii irraa dhufnaan Alamaayyoo dura kaa’ee warra kaan gorgomsiisaa itti dabalaa ergaa jedhee ajaja dabarse. Akkasitti Alamaayyoon Hinditti Maastersii baratee xumuree deebi’e. Akkasitti Koloneel Abbaa Duulaa fi Alamaayyoon akka walii hin galle addaan baafatee amma Alamaayyoo Pirezidaantii Oromiyaa godhe. Abbaa Duulaa immoo bakka taayitaa hinqabnee fi waan tokko iyyuu hojjechuu hindandeenye Afayaa’ii godhe. Namootni yeroo mammaakan “Password” dhaan hidhee achi kaa’e jedhu.

Abbaan Duulaa malaammaltummaa maalfaa hojjtee?

Kan isaa utuu warra kaan ta’ee umurii guutuu itti murteessu turan. Amma garuu Abbaan Duulaa dheengadda yeroo TPLF(Wayyaaneen)gargar caccabanii dafaxaan Koloneel Mallasiin ajjeesuuf qophaa’anitti Koloneeliin du’a oolchuu irratti iyyuu boombii koloneeliif qophaa’een kufee oole.kanaaf utuu Abbaan Duulaa malaamaltummaa akkamii hojjetee iyyuu namni itti dubbatu hin jiru ni sodaatu waan ta’eef.

Wayyaaneen (TPLF) attamitti gargar caccabanii? Maalfayitti caccabanii? Akkam ture?

Seenaan isaa dheeraadha. yeroo biraan isiniif dhaama. waa’ee isaa ajandaa guddaa fi baayyee barbaachisaa waan ta’eef jechuudha. Malaammaltummaa Abbaa Duulaatti yoon deebi’e kan isaa duukaa Kan Koloneel Mallasii kaasee  ibsuun barbaada.

1ffaa Hang har’aatti ‘’Global Fund ‘’ dhimma HIV/AIDS fi  Dubartootaa Itiyoophiyaatiif dhufu akkaawuntii isaa  Niitii Koloneel Mallas Azeeb Masfin qofatu beeka jedhama. Dhaabbatootni Maqaa International jedhuun Finfinnee keessatti dhaabaman Hoteelota dabalatee  kan 100 ol ta’uu fi kan guyyaatti qarshii miliyoonaan lakkaa’amu galchu kan ishee ta’uun isaa beekamaadha. Yeroo dheengadda Dhaabbati Komiishinii Farra Malaammaltummaa fi Naamusa Gaarii Federaalaa  jedhee of waamu Qabeenya Kaadiroota wayyaanee galmeessaan ture jedhee gabaasetti qabeenyi Koloneel Mallas  Biliyoona 100 ol akka ta’e gabaasi Raadiyoo Faanaatiif ergame ifa baaseera. Kana jechuun isa wayyaanonni piropogaandaa Siyaasaa  godhatanii ittiin mormii uummatummaa biyyoota Afirikaa kan birootti ka’e kan uummata biyya  kanaa hundumaa  biraa isa quunnamaa ture ittiin ukkaamsuuf  Hidhaa Abbaayi qarshii biliyoona 80 n ijaarra jedhee ittiin uummata saamaa jiru ijaaree irraa hafa jechuudha.

Kara kan biraa Kaadirootnii fi bitamtootni wayyaanee kumaan lakkaa’aman kan sababii yakka malaammaltummaatiif hooggansa biiroolee fi waajjiroota Federaalaa fi Naannoowwanii hojii irraa ari’aman ajaja koloneel Mallas Zeenaawwii fi Bitamtoota isaatiin Inveesteroota yoking abbootii qabeenyaa jedhamanii maqaa waldaa aksiyoonaatiin ayyama fudhatanii qarshii uummataa malaammaltummaadhaan uummata saaman irratti dabalataan Magaala Finfinneetii lafi kennameefii dhaabbatoota mataa mataa isaanii qabaatanii hiramsi qabeenyaa wal qixxummaa irratti hinhundoofne geggeeffamaa jira. 

Asumaan kan uummata wayyaaneef magaalaa Finfinnee keessatti godhamaa jiru yoon asumaan caqase erga yeroon filannoo darbee kaasee Kaadirootaaf mana gamoo ijaareen itti gallcha jedhees gaazexaa irratti erga Koloneel labsee booda jiraattota naannoo waajjira Koloneel Mallas ,naannoo Sharaateen Addis Hotel,Araat Kiiloo fi kutaa magaalaa iddoo iddoo filatamoo irraa uummata dirqamaan kaasee gara dhuma lafa finfinneetii dhaqee lafa itti gurguruun yeroo ammaa bakka uummati ka’e kanatti Kaadirooti Wayyaanee Gamoo ijaarrataa jiru.Namni tokko har’a gamoo yeroo ijaaru yoo wayyaaneedha ta’e calluma jedhee ayyama malee ijaara.Yoo ta’uu baate garuu rakkina meeqaan Miseensa Humna Bittaa Wayyaanee ADWI ta’uunsaa erga mirkanaa’ee booda matta’aa kenneefii ‘’Blue Print’’kan gamoon sun maaliif akka ijaaramuu,eenyu akka ijaaru,eenyuuf akka ijaaramu, gibirri meeqa akka itti kaffalamu erga adda baasee akka argamutti kaa’ee booda qofaa ijaaruu danda’a.

Fakkeenyaaf Gamoo Tigirootni ijaaran kan takkaa gibirri itti kaffalame takkaa dhagaa’amees argamees hin beeku. Garuu Baankiin Internaashinaalii Awwaash Gamoo Qarshii Miliyoona 300 ijaaree, gibira miliyoona 100 koloneelii Mallasiif kaffaluu isaa miidiyaan darbuunsaa yaadannoo yeroo dhiyooti. Kan amma ta’aa jiru immoo amma gabaasee fixuuf yeroon nah in gahu.

Gara Malaammaltummaa Abbaa Duulaa fi Kaadiroota Wayyaanee Oromiyaatti yoon deebi’e, Abbaan Duulaa qarshii Miliyoona Afuriin erga mana gamoo ijaaree booda irratti baramnaan dafee DhDUO dhaaf kenneera jedhee labse. Hoogganaa DhDUO ture Kaadiree fi Bitamaan Wayyaanee Zalaalem Jamaanee immoo Biyya Arabaatti Mana warqeedhaann ijaaruunsaa haalaan odeeffameera.Lafa Oromiyaa immoo sharasharee mattaa’aadhaan jijjiiree qarshii gara biliyoonaatti dhiyaatu baankii garaagaraatti kuuseera,konkolaataa hedduu biteera fi kan kana fakkaatan kan gabaafamanii hin dhumne hedduudha.Kana irraa kan ka’e dheengadda Hooggansa Dhaabaa irraa kaasanii Hoogganaa Biiroo Qonnaa godhaniiru. 

Namooti 160 ol ta’an tibbana malaammaltummaa fudhatan jedhamanii Hooggansa kaadirummaa Biiroowwan Oromiyaa irraa kaafamanii garri caalaan isaanii hidhamaniiru. Dhuguma malaammaltummaa wayyaanota caalaa hojjetanii? Deebiinsaa salphaa dha. Lakkii. Maaliifiree?

Wayyaaneen, EPRDF, kan malaammaltummaa  jettee hiituu fi hojii irraa ariituuf sababi inni sirriin isaa malaammaltummaa miti. Sadarkaadhuma irra jiran irratti baajeta Biiroo sanaaf ramadame seeraan ala fayyadamuun jiraachuu mala ta’a. Yookiin immoo faayidaa kan biraa waanuma wayyaaneen Tihiraayi gaafatte yoo kennuu dide yoking didde,akka waan seera dhaabaa koloneeffattoota wayyaanee irra darbeetti ilaalama.Yeroo inni dide itti hin dubbatan.Kuufatanii taa’anii  yeroo kan biraa malaammaltummaa hojjete jedhanii hidhu. Obbo Taammiraat Laayinee kan bara amma sana hidhaman malaammaltummaa wayyaanee tigiraayii fi Koloneel Mallasii fi Niitii isaa caalaa hojjetanii utuu hin ta’in haalli isaanii waan akkasii of keessaa qaba.Hidhamuuun kaadirootaa fi Bitamtoota Wayyaanee Biirowwan Oromiyaa irraa amma hidhamanii jiranii fi kan hojii irraa ari’amanii jiran dhugaan isaa kan akkasiiti.Abbaan Duulaa akka Koloneeliif gaaffii isaanii raawwachuu dideef Hidhaa kan Taamiraat Laayinee caalutu isa argata ture,oolmaa addaa waan koloneel Mallasiif Ooleef malee.Kaan immoo ni tura malee Abbaa Duulaa carraa Obbo Taamiraat Laayineetu isa eeggata jedhu baayyotni. Sanas ta’ee kanas jecha kana fayyadamuukoof dhiifama malee inni yeroo Yunivarsitii turre barattootni ‘’ DhDUO (OPDO) n Koondomii wayyaaneeti.’’jedhan jecha sirriidha.

Kara biraa immoo yeroo yeroo bulchiinsa Abbaa Duulaa Sodaan wayyaanee hin hafneefii Oromiyaa irraa kutee isa ‘Addis Ababa jedhanii waamanitti dabaluun hafee Oromoon akkuma baayyina isaa lafa Finfinnee irrattii fi Biiroowwan Oromiyaa fi Federaalaa irratti akkuma saba Isiraa’el yeroo biyya Gibxii Macaafa Seera Ba’uu Boqonnaa 1 hanga Boqonnaa Shanii sana dhiibbii diinaatiif baayyachaa biyyattii irratti harka fudhaa dhaalaa waan jiraniif Wayyaaneen yeroo ammaa ’strategy’ addaa baafattee siistemiin ittiin Oromoo hojii waajjira mootummaa irraa kaaftee wayyaanota Afaan Oromoo leenji’anii xiqqoo xiqqoo haasa’an biiroowwan Oromiyaa fi Federaalaa irra naqaa jirtu dha malee hammi kun dhuguma malaamaltummaa wayyaanee caalaa hojjetanii akka hin taane uummati Oromoo warri barate ni beeka.

Amma waanan dadhabeef kanas asuma irratti dhaaba; shira gola Wayyaanotaa keessatti Oromoo fi Oromiyaa irratti hojjatamaa jiru saaxiluun kiyya garuu itti fufa.

 

Itti fufa