Karoora TPLF fi Gowwummaa Isaa

Qeerroo Adaamaa, Guyyaa Waxabajjii  28,2011/ Mootummaan Wayyaanee TPLF sochii mirgaa fi abbaa biyyummaa dargaggootii fi ummanni Oromoo  Oromiyaa keessatti taasisaa jiran irraa soda guddaa qabaatee akka goolamaa jiru biyya lafaa irraa dhokataa miti,sochii kana sodaachuu irraan kan ka’e gaaffii ummanni Oromoo gaafatu karaa nagaa fi sirna dimokraatawaan deebii deebisuu hanqatee hidhuu,doorsisuu,qabeenya saamuu,biyyaa ari’uu fi hiyyoomsuu ajjeessuun furmaata jedhee jedhee itti jira.Ummanni Oromoos tahe human warraaqsaa kanneen tahan Qeerroon Oromootaa gochaa TPLF kanaaf osoo hin jilbeefatiin qabsoo wal irraa hin citiin gaggeessaa jiru.

Haaluma kanaan jidduu kana schii barattoota Oromoo ittiin tohachuuf jecha karoora TPLF baafate keessaa tokko,barattooti Oromoo mooraalee University jiran naannoo sosso’anittis tahe barataa tahuu isaanii kan beeksisu,kana irra darbees hojii kan ittiin argachuu dandayan yoo waraqaa eenyummaa ykn ID cardii WALDAA MISHOOMA OROMO jedhu kan OPDO qabate duwwaa dha jechuun karaa ergamtoota isaanii moraalee keessatti labsaa jiru,barattoota garii dirqiin akka fudhatan taasisaa dhaa jiru. Imaamati kun kan lafa kaayame barattoota kanneen sochii dargaggoota keessa jiranii fi hin jirre ittiin adda baafna jedhanii ture,garuu karoorri isaanii kun hunda barataa biratti tooftaa tahuun isaa waan beekamuuf harkatti fashale.

Gowwoomi mootummaa TPLF inni guddaan,barattoota Oromoos tahe ummati Oromoo kanneen sirna mootummaa san jala jiran hund qaama sochii warraaqsa bilisummaa Oromoo tahuu hanga har’aatti hubachuu dhabuu isaati,sochiin Qeerroo bilisummaa biyya biraa irraa dhufee osoo  hin taane moorummaa Wayyaanee keessatti wal ijaaruu fi sirna san akka rirmaatti nyaatee kuffisuu keessaa akeeka guddaa  qeerroo tahuu beekuu dhabuu isaati.Schiin warraaqsa bilisummaa Oromoo qaamota ijaarsa mootummaan sun qabnu keessatti gadi jabaatee yoo ijaarame malee kan laafee waraqaa eenyummaa ykn ID  TPLF kennun gowwomfamu akka hin taane beekuutu itti jira.

Sochiin Qeerroo akkuma warraaqsaa biyya kamiinuu keessatti dargaggooti qooda isaanii kennanii ummata isaanii bilisa baasaniitti kan qabate waan taheef akeeka isaa hamma bakkaan gahutti gochaalee TPLFn kan duubatti deebi’u miti.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe.

Odeessi Qeerroo, Dambi Dolloo irraa akka ibsutti Dargaggooti Oromoo fi ummanni Oromoo  naannoo Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti walitti Waxabajjii 25,2011 irraa kaasanii hanga har’aatti FDG gaggeessaa jiraachuun gabaasi Qeerroo naannoo sanii ni ibsa. FDG kun baroota dheeraaf ummanni aanaa Gidaamii qabeenyaan duurettii taatee bunni,Warqeen,Midhaan,Beeladi,fi kkf aanaa kana irraa mootummaa gabromfataa dhufaa darbaan sadarkaa guddaatti sooraa ture,garuu ummanni naannoo kanaa hanga har’aatti jireenyi isaa gadadoo fi rakkina guddaa keessa jira,manni barnoota,tajaajilli fayyaa,ibsaan,bishaan kan qonnaaf kan gargaaru xaawoon kkf naannoo kanaaf takka iyyuu mootummaa gabroomfataa irraa kennamee hin beeku. Kana hundaan walitti qabatee ummati aanaa kanaa FDG gaggeessuun yeroo gabaabaa keessatti ergamtooti Wayyaanee OPDOn akka aanaa san gadhiisanii bahan gaafatan.

Ummanni aanaa kanaa bulchiinsa OPDO jala jiraachuu irra bulchiinsa naannoo Gumuzi beeneshaangul jala galanii jiraachuutu akka irra filatamu gaaffii isaanii fi Akeeka isaanii akka tahe fincila kana irratti ibsataa jiru.

Dabalata gabaasaa kanaa yeroo dhihootti irra deebinee dhiheessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!