Qabsoon Haqaa fi Bilisummaa mo’ataa dha!

Deeggartootaa fi tumsitoota Qeerroo,
Nagaan haa dursu!
Yeroo ammaa mootummaan Itoophiyaa fuula isaa badaa san dhofkachuuf jecha seerota jajalloo fi doorsisaaf tolu ofii tumee ofii muraa jira. Kun waan nama ajaa’ibu ta’uu baatus mootummaan kun waan iaja isaa duratti ta’aa jiru otuu argaa fi dhagayaa jiru guyyaa akkuma mootota isa duraa sanaitti irree ummataan qileetti darbamu eeggachaa akka jiru ifatti mul’ataa jira.

Gidduu kana jaarmiyoota fedhii fi gaaffii mirgaa kabachiisuuf falmaa haqaatti jiran maqaa balleessuuf jecha “paarlaamaan” mootummaa Itoophiyaa mooraa shororkeessummaa keessatti akka ramadan labsee jiraatus, seerri fedhii fi dantaa ummataa hin kabajne kamuu akkuma tumamee labsametti akka hafu seenaa biyyattii irraa baruu hin dandeenye.

Waan kun ta’ee ganama isaa waanti magaalaa Hawaasaa keessatti ta’es ummata mirga isaaf falmachaa jiru seeera waraqaa irra kaayame dhiisii meeshaan waraanaa kamuu akka hin deebifne kan mirkaneessuu dha.

Guyyaa kanatti haalli ta’ee jirus gariin isaa karaa Qeerroo gabaasamee dha. Haalli walqunnamtii hedduu rakkisaa waan ta’eef suuraa fi vidiyoo guyyaa kana ture dabarsuun hin danda’amne. Haata’uutii, kan isa kanatti hidhamee isinii ergame waan guyyaa san ta’e haga tokko kan mul’isuu dha.

Qabsoon Haqaa fi Bilisummaa mo’ataa dha!