Tapha Kubbaa Miillaa Premieum League Ethiopia irratti Qiddus Gorgiis jedhamee beekamu yeroo taphachuuf Hawaasaatti argamu Waraqaan Waamicha Qeerroo Bilisummaa Heddumminaan Faca’uun Magaalaa Hawaasaa Jeeqe.
(GabaasaQeerroo,Hawaasaa,Waxabajjii 19,2011) magaalaa Hawaasaa irratti gareen gubbaa miillaa bebbeekamoo Premieum League Ethiopia kan maqaa Qiddus Gorgis jedhamanii beekamu dorgommiif magaala Hawaasaa ture, bakka stadium taphaa kanatti waraqaan waamicha Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo) heddumminaan bittimfamuu isaan wal qabatee polisoonni TPLF meeshaalee waraanaa hidhatanii magaalaa Hawaasaa fi naannoo tapaha kubbaa miillaa sanitti olii fi gadi fiiguun jeequmsa guddaa ummata irratti fiduun beekame, plisoonni kun waraqaalee faca’e kana eenyu akka facaasee fi heddumminaan bitinfamuun eessa irraa akka ka’e waan wallalaniif ummata mara karaa irratti qabanii sakatta’aa turan,haallen kana bakka irraa dhufee faca’e qabatamaatti waan dhabanif garee degertoota Qidus Gorgisii kanneen Finfinnee irraa dhufantu kana godhe jedhanii dergertoota garee kanaa qabuu eegallan.
Haala kanatti kanatti kan aaran deggertoonnii fi gareen kun aariidhaan poolisootatti dhagaa darguu fi goolama goddaa kaasan,dallaan naannoo sanatti argamu diigamee hanga poolisoonni heddumminaan dhufan baqatanitti jeequmsi guutuu dirree kubbaa sanitti ka’e ummanni dirree sanitti argame addaan faca’e, humni Qeerroon Oromoo naannoo sanatti argamanis haala kana keessa dhadatnoo dhageessisaa poolisa Wayyaanee guyyaa guutuu mormaa akka turan beekama. Kana irraan kan ka’e humni polisaa fi ummatta jidduutti falammiin tureen guutuun magaalaan Hawaasaa guyyaa guutuu jeeqamaa ooluun Qeerroon Hasaasaa irraa gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!