Diddaan qabsoo ittiin dallaa garbummaa diiganii dha.

(Qeerroo, Adaamaa, 16 Waxabajjii 2011) Diddaan qabsoo ittiin dallaa garbummaa diiganii gara bilisummaatti ce’an waan ta’eef sobaa fi doorsisa jalaa fi ergamtuu abbootii irreetiin akka dubbatti hin deebine barattooti Yunvarsitii Adaamaa ibsan.

Barattooti Yunvarsitii Adaamaa keessa baratan ololaa fi doorsisa ergamtuu wayyaanee kan ta’e Junaddii Saaddoof kennaniin akka hubachiisanitti, yoomiyyuu taanaan diddaan qeerroo karaa maraan jabaatee itti fufa.

Haata’uutii, ergamtichi Wayyaanee marii barattoota waliin godhe keessatti yeroo barattooti gaaffii mirgaa fi gaaffii akkaadaamii kan akka ‘nyaata nuuf sirreessaa’ fa’aa gaafatanitti,   deebiin qajeelaa kennamaafii hin jiru.

Yeroo kaanitti, ‘qaamni as jiru kun deebii isinif kennuu hin danda’u,’ jedhamaa akka turan kanneen ibsan kun dabalanii akka hubachiisanitti, deebii kana argamu yeroo ‘qaama olaanaa argamee qofaa dha.’

Dhumarrattis qaamni olaanaa jedhame sun ergamticha wayyaanee, Juunayidii Saaddoo  akkuma dallaa seeneen akeekkachiisa kenneen, ‘Nyaatni rakkoo tokko hin qabu; isin rakkoo ilaalchaa qabdu,’ ittiin  jedhee jira.

Qeerroon garuu, dhimmoota akkanaan kan duubatti deebi’u akka hin jirre ibsanii, deebiin akkanaa kan sammuu ergamtoota abbootii irree irraa yeroo yeroon facaafamu waan ta’eef qabsoo diddaa eegalan akka malchiisutti qindeeffatanii itti fufuuf murteessanii jiru.

 

Ijoolleen Biyya irraa maal gadi oofuu?(wallee)

Biyya irraa diina oofu