Bittaa Murna Bicuu TPLF fi Miidhaa Ummata Oromoo irra gahaa jiru

(Dhaamsa Qeerroo,Jimmaa 14 Waxabajjii 2011) Sirni abbaa irrummaa murna bicuun durfamu  haala yeroo aanjaa argateen akeeka isaa  guuttatee Itophiyaa eerga dhuunfatee kunoo waggoota digdama qadaadde.

Waggoota digdama dabran kunneen keessatti murni bicuu kun ummata addaan qooduu, ummatoota walitti buusuu fi wal irratti diina taasisuun bittaa isaa jiraachise.

Gara jabummaa dorgomaa hin qabneen ummatoota fixaa fi ficcisiisaa, kuma kudhanootaan mana hidhaatti naqee irratti roorrisaa fi hiraarsaa, kan kumoota baay’een lakkaa’aman firaa fi lammii, biyyaa fi qe’ee dhalootaa dhiisanii biyya alaatti akka baqatan taasisuu dhaan umrii bittaa isaa dheereffatuun jiraate.

Bitta Murna Bicuu TPLF fi cunqursa Oromoo,Ibsa Qeerroo Wax 14,2011