HD Jaal Daawud Ibsaa irratti maaltu gaggeeffame?
[SQ-Hagayya 1/2020]
HD ABO jaal Daawud Ibsaa irratti turban lamaa asitti maaltu irratti gaggeeffamaa jira isa jedhuuf SQ jala bu’ee hordofaa isiniif gabaasaa ture . kanumaan wal qabatee waan har’a tahes kanuma torbanoota dabarsineen kan wal qabatu malee adda miti.
Guyyaa kaleessaa jechuun Adoolessa 31/2020 akka yaaliin ajjeechaa HD ABO jaal Daawud irratti aggaamamee jiru qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo jala bu’ee hordofuun sabaa himaalee hawaasaarra akka tammsa’u gochuun ummata bal’aa Oromoon dhugaa jiru qaqqabsiisee ture.
Wanti guyyaa har’aa Hagayya 1/2020 Waajjira ABO muummee Gullalleetti tahee fi HD ABO jaal Daawud irratti tahes kanuma.
Akka qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofaa turee fi jirutti wantoota armaan gadii kana qulqulleeffachuuf yaaleera.

1, HD ABO jaal Daawud Ibsaa ajjeesisuuf murni tahe guyyoota sadan darban dirqama mootummaa irraa fudhateen gaggeessuummaa Alamuu Qinaaxxii fi Bayyanee Biraanuu jedhamuun tahuu odeessi qaruuxee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 30/2020 qaqqabe ifa godha.
2, Adoolessa 1/2020 wal gahiin akkaataa HDn ABO jaal Daawud itti ajjeefamu wal galteen namoonni dirqama fudhatanii akka xumuran odeessi qaruuxee Qeerroo Bilisummaa Oromoo akka biyya Itiyoophiyaatti sa’aatii laaqanaa irratti guutummaan odeessaa qaqqabuu barame,
3, Akka odeessi qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo odeessi qaqqabe ifa godhutti HD ABO jaal Daawud Adoolessa 31/2020 halkan keeessa ykn Hagayya 1/2020 akka ajjeefamuu dandahu odeessi ifa godhu ragaalee waliin isa qaqqabuu irraan kan ka’e guyyaa kaleessaa jechuun Adoolessa 31/2020 Qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo odeessa kana sabaa himaalee hawaasaa irratti akka ummatni bal’aan beekuuf ifa godhee ture.
4, Adoolessa 31/2020 miseensi GS ABO Atoomsaa Kumsaa namni jedhamu gara waajjira Gullallee imaluun eegdota waajjira ABO Gullallee jiraniin doorsisuu fi HD ABOf guyyaa tokko qofaatu hafe jedhee dhaadachuu qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo ragaa waliin qulqulleeffateera.
5, Guyyaa har’aa jechuun Hagayya 1/2020 humni waraanaa ganamaan waajjira ABO Gullallee imaluun eegdota waajjira ABO Gullallee jiraniin HDn ABO jaal Daawud akka har’a waajjira hin seenne ni ajjeefamu kanaaf bilbilaa itti himaa jechuun ijoolee waajjira ABO Gullallee eegdu itti bilbilchiisan.
6, HDn ABO ergaan kun isaan qaqqabuu osooma dhagahuu doorsisaa fi ajjeechaa sodaachuu dhiisanii hojii isaanii idilee gaggeessuuf waajjira ABO Gullallee jirutti akkuma durii ka’anii imalanii waajjira seenuu yeroo dhaqu naanoo waajiratti humni waraanaa akka waajjira hin seenne dhorkuuf yaalii godhus HDn ABO humnaan seenuu danda’aniiru.
7, HDn ABO jaal Daawud Ibsaa akkuma waajjira seenaniin humna waraanaa baay’inni isaanii 20 tahan waajjira dhuunfatan. Yeroo HDn ABO jaal Daawud waajira seenu hoggantootni ABO jaal Toleraa Adabaa, Qajeelaa Mardaasaa, Atoomsaa Kumsaa waajjira Gullallee ABO galma walgahii keessa taa’aa turan.
8,Waraanni mooraa seenan HD ABO jaal Daawud wal arganii akka saka’ataniif gaafatanii namuu akka mooraa lakkisee bahu gaafatan. Yeroo kana HDn ABO jaal Daawud mooraa sakatta’uuf eeyyama mana murtii fidaatii bakka taajjabbiin jirutti walumaan sakattaana jedhan.
9, Waraanni mootummaa mooraa waajjira Gullallee weerare kun eegdota waajjira Gullallee dabalatee namoonni hojii idileef waajjira keessa jiran lakkisanii akka bahan dirqamsiisuu eegale ammas HDn dhimmi kana jala dhaabbatanii morman. Yeroo kuni tahu hoggantootni dhaabaa kanneen akka Toleeraa Adabaa, Qajeelaa Mardaasaa fi Atoomsaa Kumsaa mooraa keessa turan dhaabbatanii ilaaluun dhumarratti osoo HDn waraana waliin wal mormuu mooraa lakkisanii bahan. HDn jaal Dawud ibsaa fi waraana waajjira sakattaana jedhe gidduutti uumameen atakaroo turtii sa’aatii tokkoo booda humni waraana waajjira sakatta’uuf ol seenee ture mooraa lakkisee bahe.
10, yeroo homaan waraanaa waajjira sakattaana jedhee HD jaal Daawud waliin mormii gaggeessu Ibsaa Nagawoo fi Araarsoo Biqilaa humni waraanaa mooraa alatti ittisee nageenya keessaniif gaarii miti deebi’aa gala jechuun of duuba deebi’aanii akka galan godhaman.
11, waraanni mootummaa erga waajira ABO lakkisee bahee booda turtii daqiiqaa 10 hin caalle keessatti gara mooratti deebi’uun HD ABO jaal Daawud akka waajjira lakkisee deemu 3F lamaan dhufanii fuudhanii kallattii lixaan Winget irraan karaa xoorhaayilloch qabanii 3F sadiin ajjabuun kallattii biratti geessuuf kan yaalan hordoffii qaruuxee Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi eegdota HD jaal Daawud Ibsaa konkolaataa lamaan jala bu’anii hordofuun yoo dune waliin duuna wareegama dhufu waliin fudhanna jedhanii osoo humni waraanaa HD waliin jiru doorsisuu kutannoo fi murannoon hanga dhumaatti waliin imalaniin soda tokko malee kallattii gara dabarfamuuf ture irraa HD jaal Daawud gara mana isaaniitti akka galuuf dirqameera.
12, Taateen kun yeroo gaggeefamutti hogganttotni ABO itti aanaa HD Araarsoo Biqilaa dabalatee ,Toleraa Adabaa, Ibsaa Nagawoo, Atoomsaa Kumsaa fi Qajeelaa Mardaasaa mana Araarsoo Biqilaa deemuun wal gahii gaggeessaa jiru.
Walumaa galatti taateen turban lamaa as HD ABO jaal Daawud irratti aggaamame hoggantoota olaanoo dhaabichaa itti aanaa HD irraa qabee tahuu qaruuxeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordoffii godhen mirkaneeffateera. Guyyaa har’aas ajjeechaan HD jaal Daawud irratti aggaamame dursee sabaa himaalee hawaasaa irratti ummataaf ifa waan taheef shira lammataa yadaa bulanii dubbiin kun kana tahuu dandaheera. Hoggantootni gochaa kana keessatti hirmaachaa jiran dirqama mootummaa irraa isaaniti kennameen HD jaal Daawud hojii irraa akkaataa itti gaggeeffamu gochuu ykn kun dadhabame akka ajjeefamuuf tahuu ragaan arganne ifa godha. Ammas ummatni keenya bal’aan ummatni Oromoo biyya keessaa fi alaa haala amma mooraa qabsoo Oromoo ABO keessatti tahuu harka mootummaan tahuu fi gaggeessummaa hoggantoota dhaabichaan tahuu akka hubattanii taatee kan dura dhaabbachuun balaaleffattan isin beeksisuu barbaanna.
Sagaleen Qeerroo Bilisummaa taatee kana HD ABOf jecha oson taane dirqama qabsoon itti kennite of harkaa waan qabuuf shira dhaaba keenya ABO irratti dalagamu sodaa tokko malee ummata keenyaaf ibsaa deemna. Ragaalee barbaachisoo tahanis ummataaf kan dhiyyeessinu tahuu iosin hubachiifna.
Sagaleen Qeerroo Bilisummaa ummata keessa taa’ee ummataaf hojjeta.
Shiraa fi dabaan mooraan qabsoo Oromoo hin diigamu gantootaa fi hayyalaallattoota calalatee fuulduratti imala.