Bitootessaa 29/2017 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Diddaa Uummataa fi Qeerroo Dargaggoota Oromoo irraa Sodaaguddaan kan itti bulee mootummaan Wayyaanee maqaa duulaa sakkatta’insaa humna addaa ABO jedhuun uummata hiraarsa jira. Haaluma Kanaan Aanaa Jaardagaa Jaartee bakka addaa Shullukkee jedhamu keessatti Torbee darbe irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee Waraanaa Komaandii Poostii fi humnoota basaasa isaa uummatatti bobbaasuun humna Addaa ABOtu isin waliin jira jechuun sakkatta’insaa humnaa olii uummatarratti gaggeessa kan jiranii fi Uummats hiraarsaa jiraachuun ibsame jira.
Bifuma Walfakkaatuun Aanaa Amuruu bakka,addaa Hagamsa jedhamuun beekamuttis Humni Waraana Wayyaanee bobbaafamee humna addaa ABO isin keessa jira beektuu baasaa jechuun Uummata kan hiraarsaa jiran yoo ta’uu uummatni doorsiisa humna waraanaa komaandii Poostiif jennee dhaaba jalee wayyaanee uummata reebsisaa jirtuu OPDO jalatti akka hin bullee murtii dabarfatee jiraachuu maddeen Qeerroo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa gabaasan .
We hope to freedom