WARRAAQSII FDG DARAN JAJJABACHUUN BAKKOOTA HEDDUU FINIINAA JIRA

Mudde 21/2015 Warraaqsii biyyoolessaa oromiyaa FDG Godina Horroo guduruu keessatti Jabaachuun itti fufe,Warraaqsaa guyyaa har’aa Magaalaa Haratoo keessatti gaggeeffamaa jiruun hanga ammatti Ilmaan Oromoo Madaa’an 8 ga’aniru,.
Godina Lixa Shaggar aanaa Gindabaratitti Diddaan Uummataa daran Jabaachuu Guyyaa kaleessa irraa eegaluun daandiin Konkolaataa Gara Abunaa gindabarat geessuu bakkoota hedduutti cufamuun waraannii wayyaanee daandii banuuf rakkoo ulfaataan muddamee jira.
Aanaa Meettaa Roobii keessatti Yakki Waraanaa ilmaan oromoo irratti rawwatameen lubbuun namoota hedduu galafatame, hanga ammaa reffii namaa barbaadamaa jiraachuun ibsame jira. Gabaasaan itti fufa.

3 thoughts on “WARRAAQSII FDG DARAN JAJJABACHUUN BAKKOOTA HEDDUU FINIINAA JIRA

  1. ** GODAANNISAA’E ******=====°°=°°°====================Kulkula duraaniiDhibee kaleeFoxxoqa lafeeDhiitoo kaleeSolloqee madaa’eeGodaannisaa’ee.—————————————————-Dhugaa haalaniiAdii faalaniiHumnaan gudiraniiGanama dhidhiittaaGalgala rirriittaaBittaa gurgurtaaSaamicha galaa-n Agabuu bulaaQoonqa’ee beela’eeGaraan godaannisaa’ee.————————————————-Dhaamsa dhaamaniiSanyii kutaniiBusheessa himuuWaliin dhadhahaniiWalitti hunkuraniiBadii himuuFoolanoota hin dhalleeMorkataa mirgaan hin galleFalmaa of hin falleeTa’eetuuuuu…………………Ukkaamsaan raata’eeDhiigni machaa’eeHiddi godaannisaa’ee.—————————————————Harka abbaa biyyaaAfaan komii iiyyaaKaan didee hin morkatuuMoorgaan hin jallatuuDadhabbii hin himatuuIrratti ol utaalaniiGadi korkomaniiFoon cunqursaa’eeLafeen godaannisaa’ee.—————————————————Lolli saamichi malaaHarka wayyaa jalaaFirummaa alagaaGaraa keessi maagaaAti ba’aa lafa hin kaayattuuBoqonnaa hin argattuuDhaalamta osoo jirtuuSagaleen kee hin dhagahamtuuSobaan kan jajamtuuMalaan kan sarbamtuuAtoo hin falmattuuGodaannisa kee hin haqattuuKeetti hin jiraattuuAmma orma kadhattuu.————————————————-Egaa har’a mul’ate miidhaan garbummaaGodaannisa haqachuuf sabni uume tokkummaaWaliin haa mirkaneeffannu abbaa biyyummaa.==============================================================

  2. ***** GODAANNISAA’E ******
    =====°°=°°°====================
    Kulkula duraanii
    Dhibee kalee
    Foxxoqa lafee
    Dhiitoo kalee
    Solloqee madaa’ee
    Godaannisaa’ee
    —————————————————-Dhugaa haalanii
    Adii faalanii
    Humnaan gudiranii
    Ganama dhidhiittaa
    Galgala rirriittaa
    Bittaa gurgurtaa
    Saamicha galaa
    -n Agabuu bulaa
    Qoonqa’ee beela’ee
    Garaan godaannisaa’ee.
    ————————————————
    Dhaamsa dhaamanii
    Sanyii kutanii
    Busheessa himuu
    Waliin dhadhahanii
    Walitti hunkuranii
    Badii himuu
    Foolanoota hin dhallee
    Morkataa mirgaan hin galle
    Falmaa of hin fallee
    Ta’eetuuuuu…………………
    Ukkaamsaan raata’ee
    Dhiigni machaa’ee
    Hiddi godaannisaa’ee.
    —————————————————
    Harka abbaa biyyaa
    Afaan komii iiyyaa
    Kaan didee hin morkatuu
    Moorgaan hin jallatuu
    Dadhabbii hin himatuu
    Irratti ol utaalanii
    Gadi korkomanii
    Foon cunqursaa’ee
    Lafeen godaannisaa’ee.
    —————————————————
    Lolli saamichi malaa
    Harka wayyaa jalaa
    Firummaa alagaa
    Garaa keessi maagaa
    Ati ba’aa lafa hin kaayattuu
    Boqonnaa hin argattuu
    Dhaalamta osoo jirtuu
    Sagaleen kee hin dhagahamtuu
    Sobaan kan jajamtuu
    Malaan kan sarbamtuu
    Atoo hin falmattuu
    Godaannisa kee hin haqattuu
    Keetti hin jiraattuu
    Amma orma kadhattuu.
    ————————————————-
    Egaa har’a mul’ate miidhaan garbummaa
    Godaannisa haqachuuf sabni uume tokkummaa
    Waliin haa mirkaneeffannu abbaa biyyummaa.
    ==============================================================

  3. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

Leave a Reply to seefuuamanuu Cancel reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s