Walgahiin Hawaasa Dubartoota Oromoo fi Hawaasa Dubartoota Afrikaa Biyyoota 16 Irraa Walitti Dhufan Magaalaa Guddoo Biyya Masrii Kaayiroo Keessatti Geggeeffame Milkiin Xumurame.

IMG_2114Walgahiin Hawaasa Dubartoota Oromoo fi Hawaasa Dubartoota Afrikaa Biyyoota 16 Irraa Walitti Dhufan Magaalaa Guddoo Biyya Masrii Kaayiroo Keessatti Geggeeffame Milkiin Xumurame.

Onkoloolessa 15,2015 magaalaa guddoo Masrii Kaayiroo keessaa bakka Opera jedhamutti walgahiin Dubartoota Afrikaa fi Dubartoota Oromoo hirmaachise sirna miidhagaa ta’een geggeeffamaa ture milkiin xumuramuu odeessi nu gahe ifa godha.

Ajandaa walgahii kanaa keessaa tokko kan ta’e miidhamnii fi cunqursaan dubartoota Afrikaa fi Oromoo irra gahaa jiru hawaasni addunyaa akka hubatuu fi furmaatni akka itti barbaadamuuf medialeen ifa bahee gabaafamaa hin jiru kan jedhu oggaa ta’u, kana irrattis furmaata isaaf bal’inaan mariin geggeeffamuun hubatameera.

Walgahii kana kan banan bakka bu’aa Ministeera Aadaa fi Turizimii biyya Masrii Dr.Mohaammed Rannaanii oggaa ta’an, Itti gaafatamaa walitti dhufeenya Afro-Egypt Dr.Mohaammed Nasru-ddiin akkasumas Itti Aantuun Ambasaaddara Sudaan Kibbaa walduraa duubaan haasaa dhageessisaniin walitti dhufeenyi Masrii fi Afrikaa cimuu akka qabu hubachiisan. IMG_2107

Hirmaattota irraa bakka bu’aan Hawaasa Nuubaa Sudaan Obbo Khaalidii fi Hawaasa Oromoo irraa Obbo Abdusalaam walduraa duubaan isaanis haasawa dhageessisan keessatti hariiroon ykn walitti dhufeenyi Hawaasa Afrikaa fi Hawaasa Masrii jidduu jiru cimuu akka qabu hubachiisaniiru.
Walgahichis milkii gaariin akka xumurame beekuun danda’ameera.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s