Mootummaan Wayyaanee EPRDF Walgahii Ariifachiisaa Jechuun Qindeessitootaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Kabinoota Adaamaatti Yaame

Gabaasa Qeerroo Onkoloolessa 16,2015 Adaamaa

Onkololeessa 16,2015 Mootummaan Wayyaanee EPRDF walgahii ariifachiisaa jechuun qindeesitootaa fi Bulchitoota magaalaa, aanotaa fi kaabinoota ol-aanoo naannoo magaalaa Adaamaatti teessisuu har’a kan eegale.
Mootummaan Wayyaanee seeraan alaa labsii Master plan Finfinnee fi Magaaloota gurguddoo Oromiyaa Caffee Oromiyaa kan jedhamee moggaasa bulchiinsaa qabuun taasisuun isaa Onkoloolessa 1-3tti walga’ii teesisuun dirqamaan labsii sirna cunqusaa fi goodannisa seenaa badaa ta’ee akka mirkaneessaniif taasise jira. Erga Caffeen Oromiyaa TPLF labsii yakka ol-aanaa uummata Oromoo irratti taasise kana mirkaneesse Uummatni Oromoo sagaalee diddaa kallattii hundaan dhageesisuu fi wareegama kamuu baasee biyya isaa fi mirga isaaf kan falmuu ta’uu Ayyaana Irreecha Hora Arsadee fi Malkaa Ateetee irratti walitti dhufuun waadaa waliif galuun dhaadannoon sodaachisaa fi yaaddessaa ta’ee Qeerroo dargaggoota Oromoon dhageesifamuu irraa yaaddoo keessa galee kan jiruu mootummaan Wayyaanee yaadda’ee, walga’ii ariifachiisaa kana akka EPRDFtti Magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti teesisuu kan eegalee ta’uu maddeen keenya gabaasan.

Walga’iin hatattamaa kun ajendaan isa ifatti beekamuu baatees haala sochii uummata Oromoo irraa sodaa keessa seenuun kara ittin shira maqaa Master Plan Finfinnee hojitti hiikanii fi sochii uummata dhalatu dura dhaabbachuuf irratti marii gochuuf kan raafama seenaani irraa ta’uun ibsame jira. Mootummaan Wayyaanee maqaa Walga’ii, shiraa fi leenjii kamiin iyyuu Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa afarsaa jiru hojiitti hiikuu kan hin dandeenyee fi uummatni mirga isaa kabachiisuuf FDG irraa duubatti kan hin deebine ta’uun sirriitti ifa ta’ee jira. Kayyoo ijoo ajandaa walga’ii ariifachiisa Wayyaanee jala bu’uun kan isiniif dhaamnu ta’a.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s