Abdii Baalee Oromiyaan kan qophaaye.
Akkam nagaa jirtuu,ilmaan Oromtichaa,
Ilmi Baarentumaa fi ilmi Boorantichaa,
Jaallan qabsoo Sabaa,dhamni hangaftichaa,
Baga nagaa taatan,xiqqaa fi guddaan jechaa,
Anis nagaan qabaa galata rabbiif galchaa,
Waa dubbachuun fedhaa,xinnoo na ofkalchaa!!!
Qeerroo Qeerransa koo,si gaaddisni Sabaa,
Sanyii ABO dhaa,goota biyyaaf Abbaa,
Jabaadhu,bakkayyuu,hamileen kee jabaa,
Qabsoo ati gootuun,diina mataan cabaa,
Itti fufi qabsoo,barri numa darbaa!!!!!!!!!!!!!!!!
Inni keessaa fi alaa,kan kallattii hundaa,
Booranaa fi Baarentuu,ilmaan Abbaa Gadaa,
Hayyoonni Oromoo,warri fuune waadaa,
Jabaadhaa,bakkayyuu,dhalooñni nuun aadaa,
Ofirraa haa kaafnuu,Wayyoonata duudaa!!
ka’ii qeerroo
ka’ii qeerroo