FDG Wallagga,Magaalaa Dambi Dolloo Keessatti Itti Fufe.

Gabaasa Qeerroo Qellem Dambi Dolloo Waxabajjii 18,2014Kaleessa barattootni mana barumsaa sadarkaa olaanaa fi qophaayinaa Qellem gaffii mirgaa dhimma hidhamtoota oromoo mana hidhaa keessattio dararamaa jiraniin wal qabsiisanii hiriira bahaniin tikni wayyaanee dura dhaabbachuudhaan barattoota hedduu gara mana hidhaatti guuraa oolee,hidhamuu barattoota kan guyyaa kaleessaa waraana Wayyaaneetiin jilmaadhaan mana hidhaatti guuramaniin har’a Waxabajjii 18 uummannii fi barattootni mana barumsaa sadarkaa garagaraa magaalaa Dambi Dolloo keessatti argamu itti fufuudhaan gaaffii mirgaa gaafachuudhaan barattootnni hidhaman nuf haa bahan jedhanii ganama kana irraa kaasanii iyya isaanii dhageessisaa jiru jedhu,humni waraana wayyaanee diddaa kan dhaamsuuf magaalaa kanatti guuramaa jira,uummanni fi barataan magaalichaa keessaa hidhamtootni gaaffii abbaa biyyummaa gaafatanii hidhaman akka bahaniif diddaa isaanii ciminaan gaggeessaa akka jiran Qeerroon gabaasaa jira,odeessi isaa kan itti fufuun dhiyaatuudha.

1 thought on “FDG Wallagga,Magaalaa Dambi Dolloo Keessatti Itti Fufe.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Qeerroo: FDG Wallagga, Magaalaa Dambi Dolloo Keessatti Itti Fufe |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s