Gurraandhala 22,2012 Finfinnee
Dargaggoota Oromoo mara ija diinaan kan ilaalu garboomfataan mootummaa abbaa irree Wayyaanee dargaggoota Oromoo Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee keessatti hojii dhabdummaan rakkachaa jiran irraa rifeensa haaduu jalqabe.Warreen rifeensa guddifattan ABO ti jechuun mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo rifeensa dheeraa qaban gogaa haaduu irratti argama.Namni bubbule waa arga jechuun kan dubbatan dargaggootni oromoo kunneen Hojii dhadummaan rakkachuu irra darbee rifeensa keenya illee guddifachuun yakka nutti ta’ee jira jechuun dubbatanii jiru.Mootummaan kun waan ilma namaa irratti hin raawwanne raawwachaa kan turee fi kan itti fufu ta’uu hubachuun gumaata Oromummaa akka baanu dhaammanna.
Kana malees Barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa kan ta’an Barataa Wubisheet Zalaalam Mangistuu Barataa saayikoolojii waggaa 2ffaa fi Barataa Moo’eeraa Lammaa Dabal barataa saayikoolojii waggaa 2ffaa kanneen ta’an lamae mootummaan yayyaanee himannaa sobaan yakkuun mana keessatti haalaan dararaa akka jiru gabaasi Jimma irraa nu gahe addeessa.
Qeerroo lubbu dhaqqab sabaa akkam jirtan nagaya? Hanga mootummaan nama nyaataa wayyaanee kun jirutti nageenyi eeysa jiraa mitii. Aadumaa fiin je’e. qeerroo gocha mallasaa kana yaroo , bakkaa fi akkaataa gochaa waliin gabaasa nuun dhaqqabuu keeysaniif galatooma! Galanni keeysan bilisummaa oromoo fi walabummaa oromiyaa haa tahu!
qeerroo ani akka ilmaa oromoo tokkottii jechaan sin galatefadhuufi waarreen huji kanaa hojjechaa jirtaan sabbonummaa keessaan aka hin dagannee fi galataa ilmaan oromoo biraa akka qabdaan akka hin dagannefii akka isiin wajjiin jirruu ilmaan oromoo hundii gacheenaa keessan akkaa tanee hubattanii hujjii kana caalaa akka jabattan dhamsaa ummata oromotii jabadhaa ulfadhaa galatomaa