Mudde 21/2015 Warraaqsii biyyoolessaa oromiyaa FDG Godina Horroo guduruu keessatti Jabaachuun itti fufe,Warraaqsaa guyyaa har’aa Magaalaa Haratoo keessatti gaggeeffamaa jiruun hanga ammatti Ilmaan Oromoo Madaa’an 8 ga’aniru,.
Godina Lixa Shaggar aanaa Gindabaratitti Diddaan Uummataa daran Jabaachuu Guyyaa kaleessa irraa eegaluun daandiin Konkolaataa Gara Abunaa gindabarat geessuu bakkoota hedduutti cufamuun waraannii wayyaanee daandii banuuf rakkoo ulfaataan muddamee jira.
Aanaa Meettaa Roobii keessatti Yakki Waraanaa ilmaan oromoo irratti rawwatameen lubbuun namoota hedduu galafatame, hanga ammaa reffii namaa barbaadamaa jiraachuun ibsame jira. Gabaasaan itti fufa.
** GODAANNISAA’E ******=====°°=°°°====================Kulkula duraaniiDhibee kaleeFoxxoqa lafeeDhiitoo kaleeSolloqee madaa’eeGodaannisaa’ee.—————————————————-Dhugaa haalaniiAdii faalaniiHumnaan gudiraniiGanama dhidhiittaaGalgala rirriittaaBittaa gurgurtaaSaamicha galaa-n Agabuu bulaaQoonqa’ee beela’eeGaraan godaannisaa’ee.————————————————-Dhaamsa dhaamaniiSanyii kutaniiBusheessa himuuWaliin dhadhahaniiWalitti hunkuraniiBadii himuuFoolanoota hin dhalleeMorkataa mirgaan hin galleFalmaa of hin falleeTa’eetuuuuu…………………Ukkaamsaan raata’eeDhiigni machaa’eeHiddi godaannisaa’ee.—————————————————Harka abbaa biyyaaAfaan komii iiyyaaKaan didee hin morkatuuMoorgaan hin jallatuuDadhabbii hin himatuuIrratti ol utaalaniiGadi korkomaniiFoon cunqursaa’eeLafeen godaannisaa’ee.—————————————————Lolli saamichi malaaHarka wayyaa jalaaFirummaa alagaaGaraa keessi maagaaAti ba’aa lafa hin kaayattuuBoqonnaa hin argattuuDhaalamta osoo jirtuuSagaleen kee hin dhagahamtuuSobaan kan jajamtuuMalaan kan sarbamtuuAtoo hin falmattuuGodaannisa kee hin haqattuuKeetti hin jiraattuuAmma orma kadhattuu.————————————————-Egaa har’a mul’ate miidhaan garbummaaGodaannisa haqachuuf sabni uume tokkummaaWaliin haa mirkaneeffannu abbaa biyyummaa.==============================================================
***** GODAANNISAA’E ******
=====°°=°°°====================
Kulkula duraanii
Dhibee kalee
Foxxoqa lafee
Dhiitoo kalee
Solloqee madaa’ee
Godaannisaa’ee
—————————————————-Dhugaa haalanii
Adii faalanii
Humnaan gudiranii
Ganama dhidhiittaa
Galgala rirriittaa
Bittaa gurgurtaa
Saamicha galaa
-n Agabuu bulaa
Qoonqa’ee beela’ee
Garaan godaannisaa’ee.
————————————————
Dhaamsa dhaamanii
Sanyii kutanii
Busheessa himuu
Waliin dhadhahanii
Walitti hunkuranii
Badii himuu
Foolanoota hin dhallee
Morkataa mirgaan hin galle
Falmaa of hin fallee
Ta’eetuuuuu…………………
Ukkaamsaan raata’ee
Dhiigni machaa’ee
Hiddi godaannisaa’ee.
—————————————————
Harka abbaa biyyaa
Afaan komii iiyyaa
Kaan didee hin morkatuu
Moorgaan hin jallatuu
Dadhabbii hin himatuu
Irratti ol utaalanii
Gadi korkomanii
Foon cunqursaa’ee
Lafeen godaannisaa’ee.
—————————————————
Lolli saamichi malaa
Harka wayyaa jalaa
Firummaa alagaa
Garaa keessi maagaa
Ati ba’aa lafa hin kaayattuu
Boqonnaa hin argattuu
Dhaalamta osoo jirtuu
Sagaleen kee hin dhagahamtuu
Sobaan kan jajamtuu
Malaan kan sarbamtuu
Atoo hin falmattuu
Godaannisa kee hin haqattuu
Keetti hin jiraattuu
Amma orma kadhattuu.
————————————————-
Egaa har’a mul’ate miidhaan garbummaa
Godaannisa haqachuuf sabni uume tokkummaa
Waliin haa mirkaneeffannu abbaa biyyummaa.
==============================================================
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist