Loogummaan osoo hinbarbadaa’in nageenyi hinargamu!

Qalbeessaa Dhangi’aa

Sadaasa 6,2020

namaa bilisa ta’ee dhalate. Tokko garbicha ta’ee, tokko mootii ha ta’uuf hinuumamne. Afaan saba tokkoo afaan aangaa’ota biyyattii ta’ee, afaan saba tokkoo ammoo jibbamaa akka ta’uufis hinuumamne.
Biyya Impaayeraan ijaaramte keessatti garuu; loogummaa akkanaatu hammaata. Saba tokko saba mootii taasisanii, saba isa kaan ammoo garbicha taasifachuutu jira. Impaayera kan jedhamuufis kanaafi. Impaayera jechuun mootolee loogummaan guutamaniif biyya loogummaan liqimfamtedha. Biyyuma bulchan keessatti sabuma bulchan tokko jaallatanii tokkoof bakka dhabuutu amala mootolee impaayera bulchaniiti.
Xoophiyaan impaayera malee biyya miti. Impaayera Xoophiyaa kana keessatti sabni Amaaraa akka saba Waaqaatti, akka saba qulqulluutti fakkeefamaa as gahe ittis jira. Impaayera afaan Qawween hundoofte Xoophiyaa keessatti loogummaan sabaaf loogummaan aafanii, loogummaa aadaaf loogummaan seenaa walii gala Loogummaan Ashaaraa saba tokkoo dagaagee mul’ata.
Ashaaraa saba tokkoo kan ta’e: Aadaa, Afan, Eenyummaa, Seenaa fi qabeenyaa addatti sabichi qabu yoo ta’u isaan kana irratti qaamoleen nuti mootummaadha jedhan gama saba isa tokkoo goranii kan saba isa kaanii xiqqeessuu fi kineessuu irratti dalagu.
Impaayera Xoophiyaa keessatti saboota adda addaa 80 ol ta’an keessaa kanneen 76 ol ta’an jibbamanii kanneen hidda Sem ta’an qofatu leellifamaa fi akka saba qulqulluutti ilaalamaa as gahe ittis jira.
Keessattuu hacuuccaan daanga maleessa ta’e saboota Kuush irratti qiyyaafatee jaarraa tokkoo oliif irree abbootii aangoon gadi qabamaa as gahameera.
Ashaaraan saboota Kuush akka waan maayii hinqabnee ykn akka waan hojii seexanaa fi jibbamaa ta’eetti fudhatamee barsiifamaas as gahe. Kun ammoo daranuu loogummaan sanyii akka babal’atu taasise.

Dhiyoo dhuma kana waggaa 2 asitti Oromoo irraa ilmaan Oromoo bifa nama suukanneessuun yoggaa ajjeefaman, callisni miidiyaaleef qaamolee aangoo qabatanii jiranii mul’ataa ture. Namni 45 du’es, Ulfaaf Misirroon du’es hangas mara gurra laataniif rakkoo saba keenya Oromoo miidiyaaleen Impaayera Xoophiyaa keessaa gabaasuuf hinyaalle.
Daranuu ajjeefamuu saba keenyaa kanatti hedduu akka gammadan mallattoo agarsiisu kennaa turan.
Torban darbe kana ammoo hololas ha ta’u Shira PP’n saboota Amaaraa irratti ajjeechaan raawwate jedhamnaan an Muummicha Ministeera biyyaati jedhee kan of waamu dabalatee miidiyaaleen biyyattii marti “qulqullootatu ajjeefame!” Jechuun wal harkaa fuudhanii afarsan.
Asitti wanti naa hubatamuu qabu an ajjeechaa nama meesha maleeyyii kam irra gahu hindeggaru. Garuu loogiiwwan miidiyaalee biyya kanaa keessatti raawwataa jiraniif qaamolee bulchitoota ofiin jedhaniin raawwatan kan nagaaf tasgabbii namaa laatu miti.
Gaafa Oromoon ajjeefamu Cubbamootatu ajjeefame jedhamee callifama. Gaafa sabni Amaaraa ajjeefamu ammoo qulqulloota Xoophiyaatu ajjeefame jedhamuun miidiyaalenis namootiin dhuunfaas yoggaa wal harkaa fuudhanii afarsan arguun daranuu akkuma kiyya garaa sabboontota Oromoo akka madeesse cimseen hubadha.
Akka sabni keenya rakkoowwan akkanaa keessaa bahee bilisaan hinjiraanne, akka sabni keenya mootummaa isaaf ta’u filatee mootummaa nageenya isaa tiksu kan miidhama Oromoo dhukkubsatu hinijaarranne kanneen danqan Leellistoota Xoophiyaa Oromoo keessaa yaa’aniif ilmaan halagaa leellistoota Minilik fi Leellistoota TPLF ta’uu cimseen amana.
Isaan diina innikkaa ta’an kanneen akka TPLF fi Ilmaan Neo Minilik warra nuti hidda moototaati jechuun seenaa fokkataa abbaa isaaniif akaakilee isaanii akka waan seenaa ajaa’ibaaf seenaa gaarii ta’etti lallaban of irraa qolachaa. Diinota tarsiimoo warra Oromoo irraa dhalatanii Xoophiyaan akka hinkufne, akka hincabne Xoophiyaan cabuu irra Oromiyaan ha cabdu jedhanittis adaba barbaachisaa taasisuun Oromoo irraa barbaachisa.
Walii gala loogummaa fi hundeen loogii osoo hinbarbaadaa’in nageenyi waaraan biyya kanatti nii uumamaan soba. Eenyu eenyuu gadi miti, eenyus eenyuu ol miti. Marti ija wal qixaan hanga hinilaalamnetti, ilaalcha tokko halagoomsee saba tokko ammoo dhalootee biyyaa fakkeessu cabuutu furmaata.
Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Sadaasa 6,2020

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s