Ka’i Qeerroo! Sadaasa 2020

Oromoon waggoota lamaan darban wareegama ulfaataa baasaa as gahe ammas wareegama ulfaata baasaa jira. Qabsichi butamee gootota qaalii nyaatee hayyootaa fi qabsaa’ota hedduu mana hidhaatti ukkaamsise. Yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti Oromoo fi lammiileen Oromiyaa bahanii galuunuu rakkisaa tahee jira.
Namni gaaffii mirgaa gaafatu maqaa “ABO shanee fi TPLF”tti maxxansanii ajjeesuun baratamaa ykn waan akka aadeffame tahe. Yeroo ammaa kana immoo Oromoo mirga isaa gaafatu “fardeen wayyaanee” jechuun ololaan uummatatti miidiyaa of harkaa qabuun afaan faajjessuun shira ofii hojjeteen ummata nagaa addatti immoo qabsaa’ota qabsoo sabaa gaggeessan akka ummata biratti jibbamanii fi ummatni akka isaanitti hin maxxanne hanga gochuutti balaaleffannaa gochaa jiru. Kun hundi Oromoo qe’ee isaa irratti cabsanii olaantummaa leellistoota sirna duraanii labsuuf duula ijibbaataa taasifamu dha. Kanaaf, Oromoon, Qeerroon Oromoo sirna olola, afaanfaajjii, ajjeechaa, hidhaa, gocha sukkanneessaa Oromiyaa irratti damboobe cabsuuf ammaan booda callisnee ajjeefamuu ,hidhamuurra darbinee qabsoo hadhooftuu gaggeessineemirga hiree keenyaa Oromiyaa keessatti mirkaneeffachuuf guyyaan wareegamaaf of qopheessinee dhiigaa fi lafee keenyaan Oromiyaa keessatti nagaa fi tasgabbii haaraa yerootti fidnu gahee jira. Kanaafis akka Oromiyaa walii galaatti fincilli wal irraa hin citne akka taasifamu murteeffamee jira.
Fincilli kun :
1. Daandiiwwan Oromiyaa keessa qaxxamuranii gara kamittuu sochii akka hin goone, manneen daldalaa hundi cufaa tahuun turanii qabsoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessanitti makamuun hirmaattota qabsoo ni tahu. Daldalaan, abbootiin qabeenyaa labsii kana cabsan tarkaanfii fudhatamuuf itti gaafatama ofumaa fudhatu. Tarkaanfiin namoota seera ykn labsii Qeerroo cabsan irratti fudhatamu kun ifaa fi dhoksaan kan fudhatamudha.
2. Daandiiwwan Oromiyaa keessatti Warraaqsaaf cufame konkolaachiftoota bananii deemuuf kanneen yaalan irrattis tarkaanfii of duuba hin deebi’amnetu irratti fudhatama. Konkolaachisaan daandii cufame saaquu yaalu adabbii cimaatu isa eeggata waan taheef qabsoo ummatni Oromoo biyya abbaa isaa irratti sirna Abbaa irree dhabamsiisuuf godhu irratti akka hirmaattota qabsoo taatanis isiniif dhaamna.
3. Hojjettootni mootummaa bakka kamuu jirtan sochii warraaqsaa kanaaf owwaachuun hoji seenuu ni dhaabu. Kanneen seenan hojii ni laamshessu.
4. Kaabinoota,dabballoota PP fincila bilisummaa Oromoof taasifamu dura dhaabbatan miidhama irra gahuuf gaafatama isaantu fudhata, Maatii fi fira faallaa warra qabsoo kan taatan namoota qabsoo dura dhaabbatan gorfachuun akka isaan qabsoo Ummataatti makaman gochuu ykn immoo of adabanii akka taa’an gochuun gorsuu.
5. Poolisootni Oromiyaa, Milishaan gandaa uummata nagaa eegsisuu, weerara kamuu daangaa irraa ittisuu irratti dirqama kan bahattan malee Ummata warraaqsa gaggeessan dura dhaabbachuu irraa akka of qusattan waamicha keenya akka dhageessan isiniif dhaamna
6. Barattootni Yuunivarsiitii jiran, kolleejjii jiranii fi maneen barnootaa sadarkaa lamaffaa fi bakkoota adda addaa keessaa sagalee isaanii bifa hiriiraan ni dhageessisu.
7. Qeerroon bakka jirutti, uummatni bakka jirutti tarkaanfii fincilaa kamuu ni fudhata. Kun hundi karaa nagaa qabsaa’uu fi hiriira bahuun waan dhorkameef mirga keenya tahuu hubatamuu qaba
8. Fincilli kun yeroo gaggeeffamutti dhaabbileen dhuunfaas tahe mootummaa jedhaman ummta qabsoo gaggeessu irratti miidhuuf ykn laamshessuuf bifa kamiin warra dura qabsoo ykn warraaqsaa dhaabbatan yoo tahe kanneen kana irratti bobba’an, deeggartoota isaanii irratti tarkaanfii fudhachuun bittaan sirna cunqursaa nu gahe wayita jennu dha.
9. Fincila kana darbee namni gibira mootummaaf kaffale, kan buusii buuse, olola mootummaaf oofu uummata keessaa ni baafama. Miidhama irra gahuuf gaafatama isumatu fudhata.
10. Fincilli kun itti fufinsaan kan gaggeeffamu taha. Hanga Oromoon bilisummaa dhugaa fi waaraa argatutti, mootummaa Ummataan Ummataaf hojjetu lafa irratti ijaaramutti warraaqsi itti fufa.
11. yeroo warraaqsa keenya gaggeessinu hidhamtoota siyaasaa Oromiyaa keessatti hidhamanii jiran hunda akka lakkifamanii hirmaattota warraaqsaa tahaniif saffisaan akka hiikaman ykn maneen hidhaa cabsuun akka bahan irratti ni hojjenna.
12. Warraqsi keenya Oromiyaa keessatti tahus lammiilee Oromiyaa hunda kan ofitti hammatee sirna ummata nagaa ajjeesuu fi hidhu, qabeenyaa saamuu fi shanmarran gudeedu dhabamsiisu irratti waan taheef kan sirna irratti malee nama irratti gaggeessinu akka hin taane baramee saboonni biroon Oromiyaa keessa jiraatan hirmaattota warraaqsa kana ani tasifamu.
13, Warraqsi ummatni keenya gaggeessu hanga Mootummaan sirna gadaa isaa xumurate kan afaan qawween ilmaan Oromoo fi lammiilee Oromiyaa ajjeesaa fi hidhaa jiru dhabamsiifamee mootummaan Ummataan ummataaf dhaabbatu hanga hundeeffannutti qabsoon keenya itti fufa.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Ka’i Qeerroo! Sadaasa 2020