(SQ) G/Q/Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo
Magaalaa Nuunnuu
Akkuma kanaan dura barraa’ee ture Koreen Qulqulleessituu Godina Qellem jedhamu kun kan liyyuu haayilii fi makkalaakayaatti huccuu korabittinneessaa itti uwwisanii ittiin ajjabamanii deeman olola ABO irratti oofuuf biyya nagaa jeequuf karoorfatanii erga dhufanii guyyaa isaan dhufanii eegalee nagaan biyya kana ni burjaaja’e ni jeeqame.Biyya nagaa qabu olola jibbisiisaa uummatni gurraan dhagahuu hin barbaanne oofuun nagaa biyyaa booressuu itti fufan.Wantootni ijoon madda walitti bu’iinsaa ta’e kan armaan gadiiti.
1.Namichi Oromiyaa irraa dhufe kun Alamaayyoo jedhama jechoota inni waa’ee ABO’f fayyadamu tuffii ABO irraa qabu agarsiisti.ABO’n humnaan waan fidu hin qabu,Namni bosona seenee jiru ijoolleedhuma keenya,a ariidhumaan bahan, namoota 13ykn 14 hin caalan jettee ergama wayyaanee lafa tuulti.kun immoo qeerroon akka inni aaruuf sababa ta’eera.
2.Liyyuu Hayiliin isaan fudhatanii dhufan magaalaa keessatti keessuma ajajaan liyyuu haayilii Addunyaa kan jedhamu jechoota safuu aadaa Oromoo keessatti hin jedhamne sagalee olkaasee jaarsa,jaartii,ijoollee utuu hin jedhin arrabsoo inni fayyadamu qeerroo fi uummaticha daran aarseera.
Utuma namittiin kun ajandaa dhugaa tokko qabattee dhufteeyyee namni arraba jara kanaaf gochaa isaanii sana ilaalee kun kashalabboota jedhee harkaa hin fudhatu.
3.Ittuma dabaluun Liyyuu haayiliin kun Waxabajjii 15/2018 galgala naannoo sa’a 2:00tti hidhannoo guutuun paatiroolii magaalaatti bobba’anii ijoollee nagaan DSTV ilaaltu olgalanii caccabsanii ijoollee mana DSTV qabdu hiyyeessa kana hojjettee daabboo bitattee bultu ofii xibsii quufanii nama Kibiruu Oljirraa Fi Takkaaliny Oljirraa jedhaman akka malee tumuun saanjaa qawweetti jiru mormatti gadidhiisee jenneen mucaan jalaa miliqe saanjaan sun garuu biradarbee girgiddaa manaa keessa bahe.
Gochaa bineensummaati.
4.Ittuma Fufuun Waxabajjii 16/2018 galgala sa’a ealfakkaataatti ijoolleetti dubbii kaasanii qeerroo Gammachuu Bantii jedhamu saanjaadhaan herkabitaarra waraanan.kana irraa kan gaafa sana uummatni dhaggadhaan ofirraa ari’ee waajjira poolisiitti naqee deebi’e.
Kana bu’uura godhachuun qeerroo fi uummatni magaalattii hedduun aariin guutamuun jara nama jeeqan kana ofirraa kaasuu qabna kan jedhuun Waxabajjii 17/2018 galgala mormii dhageessiseen waajjira dhaabaa aanichaa guutummaatti gubuun barbadeessee dookimantii diinaa achi keessa jirus barbadeesse.Ittuma fufuun waajjira nageenyaa kan jedhamtu waajjira erga uumamee shira uummata oromoorratti xaxu waan ta’eef isa cabsuun meeshaalee waraanaa achi keessa jiru keessaa guurratee dookimantii diinaa waajjiricha keessa jirus hojiin ala godheera.
Kana hundumaa kan fide ergama wayyaanee fudhatanii kan dhufan waan ta’eef erga magaalaa kana ga’aniis poolisootni oromiyaallee dabalachuun waxabajjii 18/2018 liyyuuhaayilii fi waraana 3f sadii warra duraan jiranitti dabalachuun guyyaa sa’a9:30 irraa eegalanii magaalaa Nuunnuu weeraruun guyyaadhaan mana namatti cufanii,daldalli illee dhaabbatee,qeerroon baqatee bosonatti galee utuu jiruu Guutummaa magaalattii keessa Namicha Oromiyaa irra dhufe kanaa fi poolisoota oromiyaa waliin mana namaarra deemuun uummata burjaajessaa jiru.Kun immoo ittumaa qabsoo finiinsa malee boodatti kan nama hin deebisne ta’uu beekanii warri mana nanaarra fuutanii deemtanis ta’e warri WBO barbaachaaf maallaqaan gowwoomtanii karaa itti agarsiisaa jirtan ija qeerroo fi WBO jalaa gonkumaa bahuu hin dandeessan muraasni keessan ammayyuu barameera.Kanaaf waan fiduu hin dandeenye tokkoof lubbuu kee hin gabaabsin dhiisii hojii si ilaallatu qofa hojjedhu.
Uummataan xiiqii qabachuun isunuma mataa keessan akka dhabamsiisu jala mutanii beekuu qabdu.Gochaa bineensummaa keessan kana sobdanii afaan oromoo dubbachaa ergama dhoksaa warri baattanii deemtanis jirtu irraacof hin qusattan taanaan immoo waajjirri isin itti galtanii nama darartan kun akkuma waajjira nageenyaa fi dhaabaa ta’uuf jira.Uummatichatu jilbeeffataa fi isintu jilbeeffataa walumaan ilaalla.
IUO’f
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati.