[SQ, Waxabajji 19,2018] Waa’ee waamicha karaa nagaa Dr. Abiyyi Ahemad Waame jedhamu ilaalchisee Hayyu Duree ABO Jaal Daahud Ibsaaf VOA n gaaffiif deebii godhee ture.
VOA Gaaffii isaatiin jechoota Dr. Abiyyi wabeeffachuun “kana booda faashiniin Qawwee hafeera galaa karaa nagaa waliin haasofnee rakkoo furraa” jechuun Dr. Abiyyi Parlaamaa irratti kan dubbataniif deebii akkamii qabdu ka jedhu gaaffii duraa ture.
Jaal Daahud Ibsaa “…waan uummata Oromoo aarsee ABO aarse, kan Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya keessaa aarse ka duratti waltajjii biraa irratti dubbate Dr. Abiyyi dabalee dubbachuun tuffiinni uummataaf qabu akka saaxilu” eeruun “namni qawween sirna jijjiiruufis ta’ee qawween qabsaa’uu faashina godhatee manaa bahe hinjiru. Dhiibamnee erga humnaan chaartera keessaa baanee mootummaan Wayyaanee waraana nurratti labsee, kanaaf; ammoo marroo dabalataa akka hidhannee bosona seennu nu godhe. Waraana dhaabbii uummata Oromoof ABO irratti labsee hanga har’aa kan nu waraana jiru mootummicha. Dr. Abiyyi mataansaa har’a doktoora ta’e jedhan kun bara chaartera Waraana ture, naannoo dheedheessaa irratti nu waraanaa ture…” Jechuun deebii quubsaa laataniif.
Dhimma waanicha gooneef jechuun Mootummaan Wayyaanee dubbataa jiruu irratti jaal Daahud akkana jedhan “waamicha kan godhe mootummaa utuu hintaane ABO dha. Ha ta’uutii ammayyuu waamicha ABO kabajuurra fakkeessuutti jiru. Rakkoo biyyattii furuuf bakka qaamni sadaffaa jirutti haasofna kan jenne dhiisanii ka biraatti ce’an…” Jechuun deebisan.
VOA gaaffii birootiin barbaachisummaa qaama sadaffaaf qaamni sadaffaan kun eenyu akka ta’e gaafate. Kanarratti Jaal Daahud Ibsaa akkas jechuun deebisan ” qaamni sadaffan kan idiladdunyaatti beekamtii qabu ta’uuf, gaaffiiwwan guddaan Mootummaan Wayyaanee tiif ABO gidduu jiru ka qaamni sadaffaa qofti furu ta’uu” dubbachuun barbaachisummaan isaa ammoo akkasaan jedhanitti gaaga’ama dabalataaf kan hinsaaxillee ta’uun waan haqaa akka barbaachisu ibsan.