Adda bilisummaa Oromoo qaama dantaa dhuunfaa ykn dhaaba isaa irra bu’aa uummataa qofa irraatti fuulleffatu, kan jaarmiyaan isaan hundeeffaman illee shiminuuf sirriiquun ala egeree uummata Oromoof ganamaa galgala hirriba dhaban ta’uu eenyullee beeka. Haqni har’a walitti himnu susukkuummaaf fakkeessin “ani ABO nan jaaladha” jechuu qofaa utuu hintaane erga jaallattee kunuunfachuun dirqamakee ta’uu sii himuufani.
Biyyattii keessatti jaallannus jibbinus nagaa uummata Oromoof fiduu dhaabni danda’u ABO dha. Maaliif? Yoo jettan, impaayera afaan qawween si ajjeesee si cunqursuuf meeshaa ammayyaan sitti dhaadatu Qawweef qawwee qofatu sirraa gabgodha. Kanaafoo? Kanaaf ammoo qamni hidhatee diina innikkaa Wayyaanee waliin wal’aansootti jiruuf daangaakee kabachiisuuf abdatamus, kan kufee kuffisuutti jiru ABO/WBO/Qeerroo Bilisummaa qofaaf jaarmiiyaa ABO qofadha. Kaawwan maqaa Oromoof saboota biyyattiin jaarmiyaa hundeeffatanis addatti Oromoof dhaabni hidhatee loltoota Oromiyaa keessa facaasee jiru ABO qofa. Kanaaf ABO kunuunfachuun waaroo salphinaa waggaa dheeraa sirra buufate sirraa kaasa.
Hingowwomin! Daaraan daakuu hinta’u. Afaan toluun hojii toluu mitii dammaqi! Halagaan halaguma, ilkaan isaaf haasaa isaan akka baraqanaa jirtu waan dubbatu kana sii guutuuf dhiisee isaa atuu beekta, diina faana Tokkummaan uumanis siyyaasa addunyaa kam keessayyuu hinjiru. Maqaa Tokkummaa jedhuun holola afaan fajjii OPDO fudhattee garbummaa ofitti hindheeressin. Oromoon Tokkummaa dhabee hinbeeku, yaadni/ideology kun kan xiinsammuukee saamanidha. Jecha ‘aandinnat’ jettu hiikanii kumaaraa waggoota dheeraa nurratti taphatanidha. “Oromoon tokkumma, garuu gamtaa’inaan diina waraanuu dadhabe malee tokkummaa yeroo kamuu dhabee hinbeeku Oromoon lamas miti” jedha hayyuun Oromoo dhiyoo hidhaarraa bahe.
Qaama alaa maallaqaaf bookkisaa tures hangam akkanni sii dhimmu waan Madaalaa jirtu natti fakkata. Agartee? “Nuti durumayyuu barnootaaf biyya alaa baane” “OPDO jala hiriiraa! OPDO jabeeffadhaa!” Jechuun OPDO alaa ta’uu raageeffatan mitii? Nuti qabsoo asiin geenye achiin geenye jechuu jalqabaniiru ilmaan TPLF guddifate. Isaan ABO irratti maaliif akka duulanis sii galan se’a. “ABO’n akka suphamuu hindandeenyeetti diigame!” Jechuun haamilee si daakanii ABO irraa abdii si kutachiisuuf dhaamatii godhames addaan baastee waan beektu natti fakkaata. Qorannoo jibba ABO qabuuf dhabamakeef itti yaadamee qophaa’e dubbifteettaa? Yoos kabkaabbaa alaa Bargarii quufee huskii itti dabalatee cookuuf deebiinkee gahadha. Jaallannee OPDO alaaf keessaa bbalaaleffanna miti ykn afaanuma keenyatu isaaniin abaaruu barran utuu hintaane, hojii isaanii karoora isaan Oromoof qaban fuulduratti waan dursinee arginuuf dhaabbadhaa! Jechuu itti fufne.
OPDO’n keessaas karaa haamilee kee daakanii diinatti harka si kennachiisan qofaa hojjetu. “ABO’n wanti jedhamu badeera, lammatas hinijaaramu. Kanaafuu isuma jiru OPDO jajjabeeffadhu!”siin jedhu. OPDO jajjabeessuun maal jechuudhaa? Siyyaasa kana nyaattanii alanfataa jirtuu yaa dargaggo? OPDO jajjabeessuun Wayyaanee jajiabeessuu ta’uu beektuu/beettuu? Maaliif? Qaamni OPDO jedhamtu mul’ataaf kaayyoonshee Wayyanee tiksuudhaa bar. Qaamni kamuu mul’atasaan adeema. Kanaaf isaan har’as boris sirna nama nyaataa Wayyanee qaama tiksudha male hingowwomin qaama Bilisummaakee barbaadu miti.
Maa sobamnaa? Maa waggaa dhufaa darbaa Wayyaneen gowwomfamnaa? Nuti ejjennoof kaayyoo erga qabaanne, Bilisummaa keenyaaf erga aarsaa hangana kaffallee akkamiin qabsoo keenya diinatti laannee isaaniin galmaan gaha jennee tilmaamnaa? Sii galee? Jaallattu fudhu, jibbitu dhiisi! OPDO(Lammaa Magarsaa) diinakee kaleessaa diinakee boriiti. Dr. Abiyyi Ahemad diinakee kaleessaa diinakee boriiti. Lamaanuu xoophiyaa sitti faarsu malee waa’ee biyyakee Oromiyaaf mul’ata lafaa qaban hinqaban. Soba dhugaa hinfakkaanne “xoophiyaa lafee Oromootu ijaare” jedhanii jaalala xoophiyaa si keessatti itichuu barbaadu. Gootonni kaleessaa kanneen akka J/ Taaddasaa Birruu, Buushaan Mijuu, Abishee Garbaa, Leenjisoo Diigaa, Dhugumaa Jaldeessoo, Likkaasaa Wagii, Fi Agarii Tulluu dabalatee hedduun xoophiyaa ijaaruuf lafee bitiman miti, mul’anni isaanii uummata ofii waanjoo garbummaa jalaa baasuudha. Xoophiyaa jaalala isaan si kuffisuuf sitti faarsaa jiru. Akkati “immiyyee xoophiyee” jechuurra geessutti sitti lallabamaa jiraachuu beeki. Inni alaas inni keessaas xoophiyaa biyya gaddaaf gadadoo keessatti agarte sitti faarsa.
Oromoon biyya abbaasaaf qabsaa’aa ittis jira. Raafama amma itti jiru jalaa dhaloonni of danda’ee dhaabatuu qaba. ABO’n dhaaba fiixee Bilisummaa irraan qabsoo Oromoo gahee ammas itti jirudha. Akka waan harka kennatuutti ol kaasanii miidiyaan afarsuu, waan hinfakkaanne ABO biyya galaa jira jedhanii dhaaba hogganaa malee humaa hinqabne maqaa qofa miidiyaatti baasanii akka si hunkuraa jiran hubadhu. ABO biyyaa bahee hinbeeku gurbaa. Dhaabni miseensaaf caasaa jaarmiyaan sii qabsaa’aa jiru, hidhannoo kan qabuuf kaayyoo garbummaa jalaa si baasuu qabatee jiru ABO dha. Karaa dimokiraasii milkii dhabanis KFO dha. Kanaan ala inni lamoome, tokkoome jedhan kan haamileekee xuquuf wayyaaneen hojjettedha. Isa ABO bittine jedhanii qorannoo/ Research sobaa hojjetan dhugoonfachuuf kan diinnikee bixxiledha.
ABO’n yoom galaa?
Gaaffi kana akka of gaafattun shakka. Namana haqa walitti himna ABO’n biyya abbaasaa keessaa bahee hinbeeku. Ammas suma bira biyya Oromiyaa keessa jira. WBO meeqaaf Qeerroo bilisummaa dila keessa teessee ABO’n biyya hinjiru jettaa? Maal gurbaa WBO suma biraa diina meeqa qabee, meeqa ajjeesaa jiraa bar. Hololtoonni akka dubbatan seetee fagoo akka waan sirraa jiruutti ilaaltaa taanaan qoricha si fayyisu sii qicuu gaafata.
ABO’n kotota OPDO kana yoo malatanii harka itti kennataniin ala Wayyaanee waliin walitti qabee ccacabsee yeroo dhiyootti bilisummaa biyyattii nii dhugoomsa. Karaa nagaa akka rakkoo biyyatti furuuf gaafataa turee ittis jira. Yoo karaa nagaa didan ammo humnaan abootee wayyaanee biyya baasuuf waan dadhabu hinqabu. Oromoon waan kunuunfachuu qabu ABO hanga hinkunuunfannetti Bilisummaa isaa gonfatee nageenyasaa hinmirkaneeffatu! Kanaaf ABO kunuunfadhu!
Horaa bulaa
Qalbeessaa Dhangi’aati
Waxabajji 9,2018
Finfinnee Oromiyaa