Oduu Ammee Ebla 26 /2018 )Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo Sochii Warraaqsaa FXG finiinsuun itti fufsisan. Sochii Warraaqsi Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Amboo Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaafi Qophaa’ina dheengadda gaafatan gaaffii keenya jechuun Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amboo mooraa guddicha keessatti warraaqsa daran jabeessuun har’a itti fufsiisuun diina muddaa jiru. Mootummaan wayyaanee afaan qawwee malee gaaffii karaa nagaa deebisuu hin beekne waraanna komandii poostii itti Oromiyaa goolaa jiru barattoota meeshaa waatuu hin qabneefi gaaffii mirgaa karaa nagas gaafataa jiran irratti bobbaasuun gaazaa summaa’aa barattootarratti dhukaasuun barattootaafi uummata shororkeessa jirachuu gabaasaan Qeerroo Magaalaa Amboo ifa godheera. Gabaasaa dabalataan walitti deebina.